Equipment and Accessories

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqa Aanaa Jaardagaa Jaartee Bara baajata 2019 Keessaa Meeshaalee adda addaa Bituu Barbaada

Description

Beeksiisa Caalbaasii Ifaa

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti Waajjirri Maallaqa Aanaa Jaardagaa Jaartee Bara baajata 2019 Keessaa Meeshaalee Dhumaatii, Meeshaalee Elekitirooniksii, Meeshaalee Biiroo Keessaa, Uffata Seera Hojjattootaa,Meeshaa Ispoortii, Meeshaalee Ijaarsaa adda Addaa Fi Gommaa Konkoolaataa Adda Addaa Caal- Baasii Ifaan Bituu Barbaada

Ulaagaa (Qajeelfama) Dorgomtootaa

1.Tarreefama Dhiyeesssitootaa Keessatti Galamaa'uu Isaa Waraqaa Ragaa Kan Qabu

2. Eeyyama Daldalaa Haaraa Ykn Haara'ee Kan Qabu Fi Gibira Kaffaluu Isaa Kan Mirkaneessuu Ragaa Kan Waajjira Galiiwwan Irraa Dhyeeffatu

3. Kaffalaa Gatii Taaksii Dabalata Qabeenyaa 15% / Vat / Tahuu Isaa Waraqaa Ragaa Kan Qabu.

4. Dorgomtootni Caal- Baasiin Erga Banamee Booda Yaada Dorgommii Caal- Baasii Dhiyeessan Irratti Jijjirama Ykn Fooyya'insa Gochuu Ykn Caal -Baasii Keessaa Of Baasuu Hin Danda'an.

5. Wabummaa Kabachiisa Caal- Baasii/ Cpo/ Gosa Sanada tokko tokko irraatti qarshii 50,000 (Kuma shantaama qofa) Baankii Beekamaarraa Kan Qabsiisuu Fi Kabachiisa Caal- Baasii/Cpo/ Qabsiifamee Dorgomaan Meeshaa Mo'ate Hangaa Hunda Galchuutti Qabamee Kan turu taha

6. Gatiin Caal- Baasii Kenname Ragga'ee Kan Turu Dorgoomaan Mo'ataa Tahuu Guyyaa Caal- Baasii Banamee Kaasee Hanga Guyyaa 60tti Taha.

7. Dorgoomtootni Sanada Yaada Dorgommii Irratti Maqaa, Teessoo,Fi Mallattoo Isaanii Kaahuu Qabu

8. Caal- Baasichi Sanadoota Orijinaalaa Fi Waraabbii Tokko Tokkoon Mallattaahee Chaappaan Rukutamee Adda Addatti Saamiidhaan Saamsamee Dhiyaachuu Qaba.

9. Waajjirichi Bittaa Raawwatu Gatii Osoo Hin Jijjiiriin Baayina Dhiyeessii% 20 Hirisuu Ykn Dabaluu Ni Dandaa'a

10. Waajjirichi Filannoo Biraa Yoo Argate Caal- Baasicha Guutummaan Ykn Walakkaan Haquuf Mirga Qaba

11. Dorgoomaan Meeshaa Mo'ate Kan Wal Harkaa Fuudhiinsa Taasiisu Meeshaa Elekitirooniksii Ogeessaan Mirkanahee Fi Farnicharoota Kan Gaxamaman Tahee Kuusaa Waajjira Maallaqa A/J/Jaarteetti Taha.

12. Dorgoomtootni Sanada Caal- Baasii Qophaa'ee Gosa Tokko Tokkoo Isaa Qarshii Hin Deebine 500.00/Dhibba Shanii Shanii /Kaffalee Waajjira Maallaqaa Lakk.3 Bitachuu Ni Danda'a.

13. Caal-Baasiichi Kan Banamu Guyyaa Gaazexaatti Maxxanee Bahee Kaasee Kan Shallagamu Gaafa Guyyaa 15ffaa Sa'a 10:30tti Sanduuqa Waajjira Maallaqa A/J/Jaarteetti Galii Tahee Gaafa Guyyaa 16ffaa Sa'a 3:30tti Bakka Dorgomaan Ykn Bakka Bu'aan Argamutti Kan Banamu Taha. Guyyaa 16ffaa Ayyaana Yoo Tahe Guyyaa Hojii Itti Aanutti Kan Banamu Ta'a

14. Dorgomaan Caal - Baasii Mo'ate Mo'achuu Isaa Guyyaa Ibsameefii Irraa Kaasee Guyyoota 10 Keessatti Walii Galtee Mallateessuu Fi Kabachiisa Walii Galtee 10% Qabsiisuu Qaba.

15. Waajjirichi Vat 7.5% Fi 3% Kutee Kan Hambisuu Taha.

16. Dorgomaan Saamuda Gaafatame Osoo Caal -Baasiin Hin Banamiin Dura Dhiyeessuu Qaba. Odeefannoo Dabalaataatiif Lakk. Bilbilaa 09 17 81 71 45

Waajjira Maallaqa Aanaa Jaardagaa Jaartee.


Tender details

  • Deadline: 2026-09-19
  • Bid closing time: 16:30
  • Bid closing (note): Guyyaa 15ffaa sa.aatti 10:30ttii
  • Bid opening: 2026-09-21 09:30
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa.aatti 3:30ttii
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqa Aanaa Jaardagaa Jaartee.
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 tokko tokkoon
  • Bid document price: Qarshii 500.00 tokkoon tokkoon
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 03, 2026)
  • Posted at: 2026-09-07T10:53:29.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders