Textile, Garments and Uniforms
Hospitaalli Waliigalaa Tulluu Boolloo bara baajata 2019tti uffannaa seeraa hojjattootaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqulinaa, maxxansaalee adda addaa, Gommaa konkolaataa fi meeshaalee haroomsa jenereetaraa, meeshaalee haroomsa sarara bishaani f
More tags
Description
Beeksisa Bittaa Caalbaasii Ifaa
Lakk. 01/2019
Hospitaalli Waliigalaa Tulluu Boolloo bara baajata 2019tti uffannaa seeraa hojjattootaa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqulinaa, maxxansaalee adda addaa, Gommaa konkolaataa fi meeshaalee haroomsa jenereetaraa, meeshaalee haroomsa sarara bishaani fi ibsaaf olan, meeshaalee Elektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii biiroo, Qorichoota fi Ree'ijantii laaboraatoorii fi meeshaalee yaalaa xixxiqqaa adda addaa caalbaasii ifaatin dorgomsiisee bituu waan barbaaduf dorgomtootni ulaagaalee armaan gaditti tarreeffame guuttan caalbaasicha irratti akka hirmaattan isin beeksifna.
1. Dorgomtootni gibira mootummaa kanfalu kan mirkenneessu ragaa Biiroo Galiiwwani ykn Abbaa Taayitaa Gumruukaa ykn Heeyyama Daldalaa Haarome, Waraqaa Galmeessaa Daldalaa, TIN, fi Waraqaa Galmeessa Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT) dhiyeessu qabu.
2. Dorgomaan Sanada caalbaasii bitachu barbaaddan, Finfinneedha kibba lixaa biyyatti daandii jimmaarra km 80 imaluun magaalaa Tulluu Boolloo Hospitaala Walii Galaa Tulluu Boolloo keessa Gamoo Bulchiinsa Hospitaalicha lakka. Biiroo 07 tti qarshii hin deebine 500.00(dhibba shan) kanfaluun sanada Caalbaasii ibsa meeshaalee qabatu guyyaa caalbaasichi gaazexaa Addis Zaman irratti bahee eegalee guyyoota hojii waliitti aanan 15 nif bitachun ni danda'ama.
3. Dorgomtootni sanada caalbaasii guuttani bakka lakka 2 irratti ibsametti gaafa guyyaa 16ffaa saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessaatti hanga sa'aati 6:00 tti qofa galchun kan danda'amu ta'ee Caalbaasichi gaafuma kana sa'aati 8:30 tti bakka ibsametti dorgoman ykn bakka, bu'aan iddoo jiranitti yoo jiraachus baatanis caalbaasichi kan banamu ta'a. gaafa guyyaa 16ffa sanbata ykn Ayyaana yoo ta'e guyyaa hojii itti aanu kan banamu ta'a.
4. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeesitan moodelaa fi iddoo oomisha (brand name) isaa barreessun dhiyeessu qabu.
5. Dorgomaan dhiyaatu kamuu kabachiisa caalbaasii Qarshii:- 50,000.00 (Qr.kuma shantama) maallaqa callaan ykn CPO baankiin mirkanaa'een maqaa Hospitaala Walii Galaa Tulluu Boolloo tin qabsiisun dhiyeessu qabu. Dorgamaan caalbaasicha hin mo'aannef kabachiisni caalbaasii battalumatti kan deebi'uuf ta'a.
6. Hospitaalli meeshaalee bituuf caalbaasii itti baase akkaataa barbaachisummaa isaatin baay'ina isa dabaluu, hir'isuu fi keessaa dhiisuu ni danda'a.
7. Dorgomtootni sanada caalbaasii Invilooppi lamaan orijinaala fi koppii isaa irratti barreessun adda baastanii, maqaa guutuu, Teessoo, mallattoo qaama aangoo qabun fi chaappaa dhaabbatichaa fuula hundarratti taasisun dhiyeessu qabu.
8. Dorgomtoonni Qorichoota fi Ree'ijantii laaboraatoorii fi meeshaalee yaalaa xixxiqqaa adda addaa irratti dorgomtaniif Hospitaalli bittaa kan gaggeessuu danda'u akkaataa Stock Out Dhaabbanni EPSS kennu irratti hunda'a.
9. Dorgomaan Caalbaasii mo'atanif erga mo'achuu isaa isa beeksifame kaasee guyyaa 10 keessatti walii galtee uumun meeshaalee mo'ate hunda isaa iddoo jiruu Hospitaala Walii Galaa Tulluu Boollootti geejjiba dhuunfaa isaanin geejjibsiisun fidee galii gochuu qaba.
10. Dorgomaan meeshaalee ajajame hunda isaa galii taasisun akkuma raawwaten kanfaltin kan raawwatamuf ta'a.
11. Hospitaalli filannoo addaa yoo argate caalbaasicha guutumma isaa ykn gar- tokkee isa haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo Dabalataf Lakk. Bilbilaa :- 0938673339 /0113421415
Hospitaala Walii Galaa Tulluu Boolloo
Tender details
- Deadline: 2026-09-24
- Bid closing time: 12:00
- Bid closing (note): 16ffaa saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessaatti hanga sa'aati 6:00 tti
- Bid opening: 2026-09-24 14:30
- Bid opening (note): 16ffaa saanduqa caalbaasii kanaaf qophaa'e keessaatti hanga sa'aati 8:30 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: HOSPITAALA WALIIGALAA TULLUU BOOLLO
- Bid bond: Qarshii 50,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Addis Zemen (Sep 07, 2026)
- Posted at: 2026-09-08T07:07:22.000Z
- Source: 2merkato