Stationery

Bu/Mag/ Shag/ Ku/ Mag/ Galaan Guddaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa Meeshaalee barreeffamaa, Meeshaalee dhumeeyyii biiroo keessaa, Meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee elektrooniksi, Meeshaalee farnicharii fi & Meeshaalee maxxansaa baanarii, koof

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa seekteroolee mootummaa sadarkaa aanaa keessatti argamaniif baajata bara 2019 irraa:

  • Meeshaalee barreeffamaa,
  • Meeshaalee dhumeeyyii biiroo keessaa,
  • Meeshaalee qulqullinaa,
  • Meeshaalee elektrooniksi,
  • Meeshaalee farnicharii fi
  • Meeshaalee maxxansaa baanarii, koofiyyaa, riivanii fi shurraabii adda addaa

Caalbaasii ifaatiin Aanaa Galaan Guddaa irratti dorgomsiisee bituu barbaada.

Ibsa babal'ina sanadichaa:

Dorgomtootni guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee kaaftanii sanada/ document/ caalbaasi waa'ee meeshaa caalbaasii irra jiru ibsu ykn waa'ee meeshichaa ibsu tokkoon tokkoo sanadaatiif qarshii 450 (dhibba afuriifi shantama) qarshii Itoophiyaatiin kanfaluun sa'aatii hojii mootummaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa lakk. 3tti qaamaan argamuun bitachuu ni dandeessu

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa kan Magaalaa Shaggar keessatti argamuudha.

Dirqama dorgomtootaa:

  1. Heeyyama daldalaa bitticha ykn tajaajilicha waliin hariiroo qabuu fi bara baajatichaaf haaromfame kan dhiyeeffachuu danda'u.
  2. Gibira mootummaa irraa eegamu hunda kan kanfalee fi kanfaluu isaa ragaa qaama aangoon kennameef irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
  3. Waraqaa ragaa qaama seerummaa biiroo yookiin waajjira aangoon kennameef irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
  4. Waraqaa ragaa dhiyeessummaa qaama aangoon kennameef irraa dhiyeeffachuu kan danda'u
    • Dorgomtootni balleessaa dhiyeessii adda addaan kan hin himatamne yookiin galmee dhiyeessitootaa keessaa kan hin haqamne ta'uu qabu. Himatamaniiru yoo ta'e immoo, yeroo himata isaanii kan xumuuran, xumuuruu isaaniif raga biiroo aangoon kennameef irraa barreeffamaan dhiyeeffachuu kan danda'uu fi faayila himannaa dhiyeessii bittaa bara baajataa 2018 keessa mana hojii keenya keessaa kan hin qabne yoo ta'e ni filatama.
  5. Kanfaltiin kan raawwatu karaa lakkoofsa herreega baankii dhaabbaticha mo'ateen ta'a.
  6. Kabachiisa caalbaasii maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa kan qophaa'e baay'ina gatii meeshaalee walii galaa irraa qarshii kuma afurtama (40,000) CPO'n qabsiisuu kan danda'u.
    • Dorgomtootni hojii dhabaa waajjira IMX'n yeroo Iffaaf gurmaa'anii hojii kana irratti bobba'anii fi fedhii xalayaa wabummaa akka danbii paakejii deeggarsa carraa hojii uumuu mootummaa naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk. 192/2009 jedhuun dhiyeeffachuu barbaaddaniif, xalayaa wabummaa kabachiisa caalbaasii qaama gurmeesse irraa maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa kan barreeffame dhiyeeffachuu qabdu.
    • IMX'n yeroo 2ffaa fi 3ffaa dorgommiif dhiyeessii meeshaalee dhumeeyyii fi dhaabbii irratti dhiyaatu kabachiisa caalbaasii dhiyeeffachuun dirqama qabu.
  7. Galmaa'aa VAT/TOT/TIN. kan ta'ee fi ragaa isaa haala qajeelfama bittaan dhiyeeffachuu kan danda'u.
  8. Moo'ataan kabachiisa caalbaasii waliigaltee bittaa ida'ama waliigalaa irraa %10 CPO dhaan qabsiisuu kan danda'uu fi xalayaan waaamichaa moo'ataaf guyyaa barreeffamee kaasee guyyaa shan(5) keessatti kabachiisa waliigaltee bittaa dhiyaate mallatteessuu fi 10% CPO'n qabsiisuu qaba. Guyyaa jedhame keessatti kan dhiyaate walii galtee bittaa hin mallatteessinee fi 10% CPO 'n kan hin qabsiisne yoo ta'e kabachiisa caalbaasii isaa manni hojiichaa kan dhaalu ta'a.
  9. Dhaabbanni meeshaa dorgome irratti moo'ataa ta'ee argame, erga walii galtee walii galaa fudhatee kaasee gatiin ittiin moo'ate osoo hin dabaliin ykn osoo hin hir'atiin turtii ji'a 2 (lama) turuu qaba. Meeshicha moo'ates hanga man- kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa Magaalaa Shaggar keessatti argamuutti ni dhiyeessa. Meeshaa gartokkeen dhiyaateef hanga mo'ataan meeshaa irratti moo'ate duguugee galii godhutti, Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa kanfaltii tokko illee hin raawwatu. Mo'atan meeshaalee ittin moo'ate wajjirichaaf galii osoo hin godhiin waligaltee waliigalaa mallatteesse turtii guyyaa shanii (5) keessatti saamuda meeshichaa dhiyeessuu qaba.
  10.  Dorgomtootni sanada dorgommii orijinaalaa fi waraabbii (koppii) tokkoon tokkoo sanada caalbaasichaatiin saamsamameen waajjira armaan olitti  caqasame lakkoofsa 3 fuuldura saanduqa kanaaf qabdu. Gatiin dorgomaan guutamee dhiyaatu kan dabalanne ta'uu isaa ifatti kaa'amuu qaba.
  11. Kan hin ibsamne yoo ta'e, waaijirichi gaticha akka VAT waliin guutametti ni fudhata.
  12. Caalbaasichi Qaammee 3/ 2018 hanga Fulbaana 19/2019tti qilleensa irra guyyaa hojii 15 tureetu gaafuma itti xumuramu kana sa'aatii 3:00tti cufamee, guyyuma kana bakka dorgomtootni seeraa yookiin bakka bu'oonni seeraa jiranitti sa'aatii 3:30tti ni banama. Yeroo baniinsa caalbaasii kanatti dorgomaan ykn bakka bu'oonni seeraa dhabamuun baniinsa caalbaasichaa kan gufachiisu miti.
  13. Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeenis guutummaan haquuf mirga ni qabaata.

Odeeffannoo dabalataatiif: Lakk. bilbilaa:- 0916113532

Bu/Mag/ Shag/ Ku/ Mag/ Galaan Guddaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa


Tender details

  • Deadline: 2026-09-29
  • Bid closing time: 09:00
  • Bid opening: 2026-09-29 09:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bu/Mag/ Shag/ Ku/ Mag/ Galaan Guddaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Galaan Guddaa
  • Bid bond: Qarshii 40,000.00
  • Bid document price: Qarshii 450.00 tokkoon tokkoo
  • Published on: Addis Zemen (Sep 08, 2026)
  • Posted at: 2026-09-08T12:30:36.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders