Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Bittaa Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Farnicherii, Uffata Seeraa Hojjettoota Mootummaa, Gommaa Konkolaataa, Meeshaalee Odeeffannoo (IT) fi Meeshaalee Ijaarsa Pirojektii Bishaan Dhugaatii Bara Baajataa 2019 Waajj

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa 1faa

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Sh/Kaabaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dagam bara baajataa 2019tti waajjiraalee mootummaa aanaa keenyaatiif meeshaalee barreessaa adda addaa,

  • meeshaalee qulqullinaa,
  • meeshaalee elektirooniksii adda addaa, farnicherii adda addaa,
  • uffata secraa hojjettoota mootummaa,
  • gommaa konkolaataa,
  • meeshaalee odeeffannoo (IT) adda addaa dhaabbata leenjii fi ogummaaf oolu,
  • meeshaalee ijaarsaa pirojektii bishaan dhugaatiif oolu Waajjirri Maallaqaa Aanaa Dagam caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dorgomtoonni dorgomuu barbaaddan hayyama haaromee fi meeshaa barbadamuun wal simu dhiyeechuu, gibira mootummaa kan kaffale, TIN No. waliin qabsiisuun footo koppii kan dhiyeechuu danda'u. Akkasumas waldaaleen IMX 'n gurmooftan sanada galmee haarome seera qabeessa ta'ee fi waraqaa kaffalaa gibiraa, xalayaa wabummaa qaama dhimmi ilaallatu irraa dhiyeechuu qabdu.

Dorgomtoonni guyyaa beeksifni kun bahee qabee guyyoota hojii 15 (kudha shan) yeroo hojii sa'aatii 2:30 hanga 6:30 fi 7:30 hanga 11:30 qarshii hin deebine 1000 (kuma tokko) kaffaluun sanada caalbaasii waajjira maallaqaa lakk. 5 bitachuu ni dandeessu.

Dorgomtoonni yeroo gatii meeshaalee sanada caalbaasii irratti guuttan gatii fe'iisaa dabaltanii guutuun chaappaa geengoo dhaabbatichaa fi mallattoo itti gochuun poostaa "Samii" qabu keessatti orjinaalaa fi koppii kophaa kophaa isaa saamsuun saanduqa qophaa'e keessa galchuu qabdu.

Tokkoon tokkoon dorgomtootaa fi waldaaleen IMX'n gurmooftan hunda kabachiisa caalbaasii Qarshii 25,000 (kuma digdamii shan) cheekii baankiin mirkanaa'e (CPO) ykn maallaqa dheedhii guyyaa sanadni caalbaasii galu waliin galchuu qabdu. Kana yoo jennu kabachiifni caalbaasii kan deebi'u dorgomaan mo'ate, meeshaalee mo'ateen walii galtee seenee guyyaa 28 (digdamii saddeet) booda kan sinii deebi'u ta'a. Dorgomaan mo'ate gosa meeshaa gatii ittiin mo'ate hunda irratti otoo walii galtee hin seeniin parsantii kudhan (10%) cheekii baankiin mirkanaa'e (CPO) ykn maallaqa dheedhii qabsiisuu qabdu. Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa beeksifni bahee qabee guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 6:30tti saanduqa caalbaasii qophaa'e keessa galchuu qabdu.

Caalbaasiin kan banamu guyyuma kana sa'aatii 8:30 iddoo dorgomtoonni ykn bakka buutonni argamanitti ta'ee guyyaan kun guyyaa hojii yoo ta'uu baate guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 8:30tti ta'a. Dorgomtoonni meeshaalee caalbaasiif dhiyaatan mo'atan Waajjira Maallaqaa A/Dagam mana kuusaatti gatii fee'isaa fi buusuu danda'uun meeshaa galii taasisuu qabu. Waajjirri mala bittaa fooyya'aa yoo argate caalbaasii guutummaan guututti ykn walakkaan haquuf mirga guutuu qaba, Waajjirri maallaqaa Finfinnee irraa 125 KM fagaatee sarara Goojjam irratti argama. Meeshaaleen barreessaa, meeshaa qulqullinaa, uffata seeraa fi meeshaaleen adda addaa saampiliin dhiyaachuu qaba.

Godina Sh/Kaabaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dagam


Tender details

  • Deadline: 2026-09-28
  • Bid closing time: 12:30
  • Bid closing (note): guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 6:30tti
  • Bid opening: 2026-09-28 14:30
  • Bid opening (note): guyyaa 16ffaa irratti guyyaa keessaa hanga sa'aatii 8:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Shawaa Kaabaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Dagam
  • Bid bond: Qarshii 25,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: Addis Zemen (Sep 10, 2026)
  • Posted at: 2026-09-10T08:03:38.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders