Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Daabee Bara Baajata 2019tti Meeshaa tajaajila Mana Murtii keenyaaf oolu:- Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqulliinaa, Uuffataa seeraa Caalbaasii Ifaatiin baasee dhaabbilee ulaagaa armaan gadii guutan dorgomsiisee bi

Description

Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Daabee Bara Baajata 2019tti Meeshaa tajaajila Mana Murtii keenyaaf oolu:- Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqulliinaa, Uuffataa seeraa Caalbaasii Ifaatiin baasee dhaabbilee ulaagaa armaan gadii guutan dorgomsiisee bituu barbaada.

Kanaafuu:- Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti hirmaachuu barbaaddan Ulaagaa kanaa gaditti ibsame kan guuttan affeeramtanii jirtu.

1. Dorgomtoonni dorgommii irratti hirmaachuu barbaaddan Hayyama daldalaa seera qabeessa ta'ee Meeshaalee Armaan Olitti Lakkofsa 1 hanga 3fatti ibsame irratti kan qabanii fi hayyama isaanii kan haaromsiissan (haaromfamee ta'u qaba.

2. Dorgomtoonni galmaa'aa VAT kan ta'aniifi Tin number kan qaban ta'uu kanaafis ragaa dubbifamu dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.

3. Dorgomtoonni galmee ragaa biroo maallaqaa fi walta'insa fedeeraalaa irratti dhiheessaa fi galmaa'aa ta'uu isaa kan ibsuu kooppii isaa qabsiisuu kan danda'u ta'uu fi ykn Biiroo Maallaqaa fi walta'insa naannoo irraa galmee dhiheessitootaa (Supplier list) irratti kan galmaa'an ta'uu fi kanaaf ragaa dhiheeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.

4. Dorgomtoonni sanada calbaasii fudhatan irratti chaappaa dhaabbaticha isaanii ibsuu fi gatii guutan irratti Mallattoo qabaachuu qaba. Akkasumas sanadni caalbaasii poostaa lamaan (2) Orjinaalaa fi kooppiin asan qophaa'ee saamsamee adda bahee dhiyaachuu qaba.

5. Dorgomtoonni meeshaa moo'atan baasii geejjibaa isaanitiin fee'anii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Daabee tiif dhiheessuu qabu.

6. Dorgoomaan caalbaasii irratti hirmaatu kamuu kabachiisa caalbaasii sanada caalbaasiif dhihaate hunda (tokkoon tokkoo) irratti CPO Cheekii Baankiin mirkanaa'e qarshii 5,000(kuma Shan) qabsiisuu qaba. dorgomaan caalbaasiin moo'atame moo'atamuu isaanii erga mirkanaa'ee booda CPOn kabachiisa Caalbaasiitiif qabsiisan kan deebi'uuf ta'a.

7. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii irratti dorgomuu barbaaddan sanada caalbaasii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Daabee Biiroo Lakkofsa 10tti dhiyaachuun kan hin deebine qarshii 200 (dhibba lama) kafalanii guyyaa beeksifni Gaazeexaa Kallachaa Oromiyaatiin bahe irraa eegalee guyyaa hojii walitti aanuu 15(kudha shan )f bitachuu ni danda'u.

8. Sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Gaazeexaa kallacha Oromiyaatiin bahe irraa eegalee kan walitti aanuu guyyaa hojii kudha shan (15) gurguramee guyyaa hojii 16ffaa Sa'aatii 2:30 hanga Sa'aa 6:00tti sanduqa sanada caalbaasiif qophaa'ee keessa galee sa'aa 6:00tti sanduuqni saamsamee guyyama san sa'aatii hojii sa'aa 8:00tti dorgomtoonni ykn bakka buutoonni iddoo argamanitti ifaatti ni banama.

9. Akkuma olitti ibsme guyyaan 16ffaa caalbaasiin banamu ayyaana ykn cufaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanuutti kan banamu ta'a.

10. Waajjirichi haala fooyya'aa yoo argate guutuumaan guutuutti ykn gar- tokkeen caal-baasicha haquudhaaf mirga qaba.

Teessoon:- Magaalaa Adaamaa karaa (daandii) Amadee Waajjira Qonnaa Godina Shawaa Bahaa daandii guddaa irraa gara mirgaatti seenee Gamoo Bazzuu Bayyanaa

Lakk Bilbilaa 022-211-38-40

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Daabee


Tender details

  • Deadline: 2026-09-28
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa'aa 6:00tti
  • Bid opening: 2026-09-28 14:00
  • Bid opening (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa'aa 8:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Daabee.
  • Bid bond: Qarshii 5,000.00 sanada tokkoo
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
  • Posted at: 2026-09-18T06:52:38.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders