Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gindabarat Waajjiroolee isa jala jiraniif Bara Baajataa 2019 kan oolu Meeshaalee Bituu Barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Lakk. 02/2019

Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gindabarat Waajjiroolee isa jala jiraniif Bara Baajataa 2019 kan oolu Meeshaalee Dhumeeyyii, Qulqullinaa, Biiroo keessaa, Dhaabbataa, Elektirooniksii, meeshaalee ijaarsaa, Motor cycle fi Gommaa konkolaataa Caalbaasii Ifaan Bituu Barbaada.

Haalawwan Caalbaasichaa

Guyyaa Beeksiifni Kun Gaazexaa irratti bahe irraa eegalee sanada waa'ee meeshaalee kan ibsu qarshii hin deebine 300 (Dhibba sadii) kanfaluun sa'aa hojiitti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gindabarat lakk. Waajjira 04 tti dhiyaachuun guyyoota hojii 15niif sanada caalbaasii bitachuu nidandeessu.

Kanaafuu Qaamoleen Caalbaasicha irratti hirmaachuu barbaaddan

1. Gibira bara kanaa kan kanfalee fi Ministeerri Maallaqaa imaammata baaseen galmee dhiyeessitootaa irratti galmaahuu isaanii ragaa dhiyeessuu qabu.

2. Ragaa va t(15%) ykn dabalata qabeenyaa fi TIN dhiyeessuu qabu.

3. Dorgomtootni Kabachiisa caalbaasii gatii waliigalaa irraa CPOn 2% ykn qarshii 20,000 ol qabsiisuu qabu.

4. Dorgomtootni caalbaasicha mo'atan meeshaalee waajjira Maallaqaa Aanaa Gindabarat kutaa Bulchiinsa Qabeenyaatti galii gochuu qabu.

5. Dorgomtootni gatii ittiin dorgoman gatii geejjibaa, baasuu fi buusuu dabalatee sanada caalbaasii irratti guutuun sanada orijinaalaa fi waraabbii poostaa samiin saamsame gochuun guyyaa caalbaasichi gaazexaa irratti bahe irraa kaasee guyyoota hojii walitti aanan 15ffaa sanada yaada dorgommii saanduqa qophaa'eetti galchuu qabu.

6. Gatii dorgomaan tokko kenne irratti hundaa'uun gatii laachuun dhorkaa dha.

7. Caalbaasichi gaafa guyyaa 16ffaa sa'aa 4:30tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii bakka argamanitti teessoo armaan oliitti taa'etti saanduqni caalbaasii ni banama. Garuu guyyichi sanbataa fi dilbata irra yoo itti aanu wiixata sa'a jedhametti ni banama.

8. Dorgomtootni meeshaalee barbaadan irratti dorgomuu ni danda'u. Haa ta'u malee baayina meeshaalee gaafatame hir'isanii dhiyeessuun hin danda'amu.

9. Waajjirichi carraa biroo kan argatu yoo ta'e caalbaasicha walakkaan ykn guutummaan guutuutti haquuf aangoo guutuu qaba. Aanichi Finfinnee irraa fageenyi irratti argamtu km 183 yoo ta'u, karaan km128 asfaaltii fi km 55 piistaa dha.

Odeeffannoo Dabalataatiif 01-12-15-10-63, 09-32-27 67-46 ykn 09-13-14- 10-87

Waajjira Maallaqaa Aanaa Gindabarat


Tender details

  • Deadline: 2026-09-28
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid closing (note): Guyyoota hojii walitti aanan 15ffaa
  • Bid opening: 2026-09-29 10:30
  • Bid opening (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa,aatti 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Gindabarat
  • Bid bond: 2% ykn Qarshii 20,000.00
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
  • Posted at: 2026-09-18T07:27:04.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders