Stationery

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo bara baajata 2019 tti meeshaalee tajaajila Mana Murtii keenyaaf oolu bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo bara baajata 2019 tti meeshaalee tajaajila Mana Murtii keenyaaf oolu Meeshaalee Barreeffamaa,Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii, Uffata SeeraaCaalbaasii Ifaatiin baasee dhaabbilee ulaagaa armaan gadii guutan dorgomsiisee bituu barbaada.

Kanaafuu:- Dorgomtoonni caalbaasii kana irratti hirmaachuu barbaaddan Ulaagaa kanaa gaditti ibsame kan guuttan affeeramtanii jirtu.

1. Dorgomtoonni dorgommii irratti hirmaachuu barbaaddan Hayyama daldalaa seera qabeessa ta'ee Meeshaalee Armaan Olitti Lakkoofsa 1 hanga 4ffaatti ibsame irratti kan qabanii fi hayyama isaanii kan haaromsiisan(haaromfame)fi kan kafalan ta'uu qaba.

2. Daldaltoonni galmaa'aa VAT kan ta'aniif Tin number kan qaban ta'uu kanaafis raga dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qaba. seu explica

3. Daldaltonni galmee ragaa biiroo maallaqaa fi walta'insa fedeeraalaa irratti dhiheessaa fi galmaa'aa ta'uu isaa kan ibsu kooppii isaa qabsiisuu kan danda'u ta'uu fi ykn Biiroo Maallaqaa fi walta'insa naannoo irraa galmee dhiheessitootaa (Supplier list) irratti kan galmaa'an ta'uu fi kanaaf ragaa dhiheeffachuu kan danda'an ta'uu qaba.

4. Dorgomtoonni sanada caalbaasii fudhatan irratti chaappaa dhaabbaticha isaanii ibsuu fi Mallattoo qabaachuu qaba. Akkasumas sanadni caalbaasii poostaa lamaan (2) Orjinaalaa fi kooppiin qophaa'ee saamsamee adda bahee dhiyaachuu qaba.

5. Dorgomtoonni meeshaa moo'atan baasii geejjibaa isaanitiin fe'anii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo tiif dhiheessuu qabu.

6. Dorgomaan caalbaasii irratti hirmaatu kamuu kabachiisa caalbaasii sanada caalbaasiif dhihaate hunda (tokkoon tokkoo) irratti CPO Cheekii Baankiin mirkana'e qarshii 5,000(kuma shan) qabsiisuu qaba.dorgomaan caalbaasiin moo'atame moo'atamuu isaanii erga mirkanaa'ee booda CPOn kabachiisa Caalbaasiitiif qabsiisan kan deebi'uuf

7. Dorgomtoonni Sanada caalbaasii irratti dorgomuu barbaaddan sanada caalbaasii Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo Biiroo Lakkofsa 09 tti dhiyaachuun kan hin deebine qarshii 200 (dhibba lama) kafalanii beeksifni Gaazeexaa Kallachaa Oromiyaatiin guyyaa bahe irraa eegalee guyyaa hojii walitti aanu 15(kudha shan )f Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo biiroo lakkoofsa 09tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u.

8. Sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Gaazeexaa kallachaa Oromiyaatiin bahe irraa eegalee itti fufiinsan guyyaa hojii kudha shan (15) gurguramee guyyaa hojii 16ffaa Sa'aatii 2:30 hanga Sa'aa 6:00tti sanduuqa sanada caalbaasiif qophaa'e keessa galee sa'aa 6:00tti sanduuqni saamsamee guyyama san sa'aatii hojii sa'aa 8:00tti dorgomtoonni ykn bakka buutoonni iddoo argamanitti ifaatti ni banama.

9. Akkuma olitti ibsame guyyaan 16ffaa caalbaasiin banamu ayyaana ykn cufaa yoo ta'e guyyas hojii itti aanuutti kan banamu ta'a.

10. Waajjirichi haala fooyya'aa yoo argate guutuumaan guutuutti ykn gar- tokkeen caal- baasicha haquudhaaf mirga qaba.

Teessoon:- Magaalaa Adaamaa karaa (daandii) Xuqur Abbaay Waajjira Bulchiinsaa Aanaa Dirree Nagayaa Cinaa Lakk Bilbilaa 022-211-7297

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo


Tender details

  • Deadline: 2026-10-01
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa,aatti 6:00tti
  • Bid opening: 2026-10-01 14:00
  • Bid opening (note): Guyyaa hojii 16ffaa sa,aatti 8:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Luugoo
  • Bid bond: Qarshii 5000.00 sanada tokkoo
  • Bid document price: Qarshii 200.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
  • Posted at: 2026-09-18T07:39:47.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders