Stationery
Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gaawoo Qeebbee Bara Baajataa 2019 tti Meeshaalee bituu barbaada
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1 Bittaa Meeshaalee Bara 2019
Godina Qellem Wallaggaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gaawoo Qeebbee Bara Baajataa 2019 tti Meeshaalee dhumaataa,meeshaalee dhaabbataa, Elektirooniksii, Uffata Seeraa Hojjettoota, Mootummaa, Gommaa Konkolaataa, Gommaa Motor saayikilootaa, Motor Sayikiloota, meeshaalee ijaarsaa,Meeshaalee BLTO Meeshaalee Barnootaa Furniicheroota adda addaa fi Sanyii Bosonaa gosa adda addaa caal-baasii ifaadhaan dorgomsiisee bituu barbaada.
Ulaagaalee Barbaachisan
1. Hojii kanaaf heyyama Daldalaa kan qabu.
2.Galma'aa VAT kan ta'e.
3. Bittaa Mootummaa bituuf galmee dhiyeessitootaa irratti galmaa'uu isaatiif waraqaa raga kan dhiyeeffatu.
4.Dhorkaa Bittaa Mootummaa irraa bilisa ta'uu isaaf Ragaa kan dhiyeessuu.
5. Gibira bara 2017 kan kaffalee fi hojii bara 2018'f hayyama kan haareeffate.
6. Dorgomaan kan hin deebine qarshii 500(dhibba Shan qofa) kaffaluun ispeesifi keeshinii ykn Sanada caal-baasii waajjira Galiiwwanii Aanaa Gaawoo Qeebbee irraa kan bitatu.
7. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa Caal-baasiif kan oolu qarshii bittaan raawwatu irraa persantaa 1.5% qofa Maallaqa callaadhaan ykn Baankiidhaan kan qulqullaa'e CPO dhaan qabsiisuu ykn dhiyeessuu kan danda'u.
8. Dorgomtootni Gatii ittiin dorgoman sanada bitatan irratti guutuudhaan maqaa fi mallattoo isaaniitiin erga mirkaneessanii booda chaaphaa isaaniitiin deggeranii, poostaadhaan saamsanii beeksiisni caal-baasii kun guyyaa ba'ee kaasee guyyoota hojii 15 (Kudhan Shan) walitti aansuudhaan Waajjira Mallaqaa A/G/Qeebbee kutaa Qindeessaa bittaa lakk 9 'tti dhiyaachuun yeroo hojii mootummaa sa'atii 2:30-11:30 tti kan dhiyeeffatuu fi ragaalee barbaachisaa Orijinaalaa fi Koppiidhaan Harkatti kan kennu
9. Caal-baasiin kun kan banamu dorgomaan ykn Bakka bu'aan seera qabeessaa bakka jirutti ta'a.
10. Dorgomaan Kamiyyuu gatii dorgomaa biroo irratti hundaa'uudhaan dorgomuu hin danda'u.
11. Meeshicha Waajjira Maallaqaa A/G/Qeebbeetti Harcaatii tokko malee dhiyeessuuf waadaaseene galii erga godhee booda qarshii isaa kan fudhatu.
12. Galiin Mootummaa %2 Mo'ataa irraa ni eegama.
13. IMX'n ni jajjabeeffama, Qaama isaan ijaare irraa waraqaa deggersaa dhiyeeffachuu qabu.
14. Guyyaan galmee 05/13/2018 Hanga 21/01/2019tti,
15. Guyyaan Poostaan itti saaqamu gaafa guyyaa 22/01/2019 sa'aatii 2:30 irratti cufamee, gaafuma sana sa'aatii 4:00 irratti ni banama.
16. Kabachiisa walii galteef kan oolu gatii tilmaama bittaa walii galaa %10 (parsantaa 10) callaadhaan kan qabsiisuu fi Wabii qarshii 100,000.00( Kuma dhibba tokkoo)Waammachuu kan danda'u.
17. IMX'n Kabachiisa caal-baasii ilaalchisee Qaama isaan ijaare irraa waraqaan deggersaa isaan dhiyeeffatan fudhatama qaba.
18. Waajjirichi haala foyya'aa yoo argate caal-baasicha walakkaadhaan ykn guutuumaan guutuutti haquuf mirga guutuu qaba.
Hubachiisa Odeeffannoo Dabalataaf argachuuf Lakk. Bilbilaa.09 10 70 17 58, 09 17 85 56 41 ykn 09 21 17 51 47 Godina Qellem Wallaggaatti
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gaawoo Qeebbee
Tender details
- Deadline: 2026-10-02
- Bid closing time: 08:30
- Bid opening: 2026-10-02 10:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gaawoo Qeebbee
- Bid bond: 1.5%
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 10, 2026)
- Posted at: 2026-09-18T08:16:11.000Z
- Source: 2merkato