Stationery

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataa Aanaa Moglee meeshaalee isteeshinarii, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee eleektirooniksii, meeshaalee biiroo keessaa(Office Materials) adda addaa caalbaasii ifaatiin bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Lakk. Tokko (1)

Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataa Aanaa Moglee meeshaalee isteeshinarii, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee eleektirooniksii, meeshaalee biiroo keessaa(Office Materials) adda addaa caalbaasii ifaatiin bituu waan barbaaduuf dhaabbileen/namoonni fedhii/ qabdan maqaa kanfaltii sanadaa caalbaasii maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Moglee lakkoofsa herrega baankii Siinqee 1065278471215 irratti maallaqa hin deebine qarshii 500/dhibba shan/ galii taasisuun ragaa galii/deposit slip/ Waajjira Galiiwwan Aanaa Moglee gamoo darbii 2ffaa itti dhiyeeffachuudhaan nagahee akka mursiifattanii booda nagahee kaffaltii qabachuun Waajjira Maallaqaa Aanaa Moglee Adeemsa Bittaa Bulchiinsa Qabeenyaa fi T/ Maraa darbii 3ffaa lakk. 16tti sanada caalbaasii fudhachuunii fi hubanno dabalataas fudhachuu kan dandeessan ta'uu isin yaadachiifna.

Ulaagaalee dorgommii:

1. Gosa dhiyeessii itti dorgomu irratti heyyema bara bajataa 2019 E.C haaromfame kan qabu, gibira barichaa kan kaffalee fi ragaa dhiyeeFfachuu kan danda`u.

2. Lakkoofsa kaffalaa gibiraa /TIN/ kan qabanii fi kanaafis ragaa dhiyeeffachuu kan danda`an.

3. Galmaa aa VAT kan ta`e, akkasumas tarreeffama dhiyeesitootaa meeshaalee fi tajaajilaa /supplier list/ Ministeera Maallaqaa yookaan Biiroo Maallaqa Oromiyaa keessatti galmaa'aa ta'uu isaatiif ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u ta`uu qaba.

4. Dorgomaan waraqaa ragaa tarreeffama dhiyeesitootaa /supplier list/ keessatti galmaa'uu ibsu dhiyeeffachuu qaba.

5. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasichaatiif CPO qarshii kuma shantama(50,000) baankiidhaan mirkanaa'e qofa qopheessuun sanada yaada dorgommii caalbaasii waliin dhiyeeffachuu qaba.

6. Moo`attoonni caalbaasii kabachiisa waliigaltee gatii waliigalaa ittiin moo`atan irraa %10 bid bondii ykn CPO baankiidhaan mirkanaa`e qabsiisuu qabu.

7. Dorgomtoonni yaada dorgommii/gatii isaanii sanada orjinaala caalbaasichaaf qophaa'e irratti qofa guutuudhaan orjinaala tokko(1) fi kooppii tokko(1) adda baasuun poostaadhaan saamsamee saanduqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaa`etti galchuu qabu.

8. Caalbaasichi guyyaa hojii kudha shan (15) kan turu yoo ta'u guyyaa 16ffaa ganama sa`aatii 4:00 irratti cufamee guyyuma kana sa`aatii 4:30 (Sanbata Xiqqaa dabalatee) irratti bakka dorgomtoonni yookaan bakka bu oonni seera qabeessi argamanitti Kutaa Magaalaa Sabbataa Waajjira Maallaqaa Aanaa Mogleetti banama. Haata`u malee guyyichi guyyaa hojii mootummaa yoo hin taane guyyaa hojii mootummaa itti aanu ta`a.

9. Samudaa meeshaa akkaa dhiyyeessan fi gosaa isaa dhiyyeessan yoo gaafataman dafee yeroo jedhametti kan dhiyyeessu.

10. Manni hojichaa filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasicha walakkaadhaan yookaan guutummaa guututti haquuf mirgaa ni qaba.

11. Odeeffannoo dabalataatiif lakk.bilbilaa: 0913 841 577/ 0913 911 437/ bilbiluun hubachuu ni dandeessu.

Teessoon:- Kutaa Magaalaa Sabbataa Bulchiinsa Aanaa Moglee Waajjira Maallaqaa Aanaa Moglee Daandii Walisoo fi Jimmaa geessu irratti harka mirgaatti fageenya Finfinnee irraa KM 25 irratti Baankii Gadaa cinaa gamoo Giddu Galaa Gabaa gubbaa darbii 3ffaa lakk. 16 irratti argama

Bu/M/Shaggar Ku/Mag/ Sabbataatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Moglee


Tender details

  • Deadline: 2026-10-08
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Guyyaa hojii kudha shan (15) kan turu yoo ta'u guyyaa 16ffaa ganama sa`aatii 4:00 (Sanbata Xiqqaa dabalatee)
  • Bid opening: 2026-10-08 12:00
  • Bid opening (note): Guyyaa hojii kudha shan (15) kan turu yoo ta'u guyyaa 16ffaa ganama sa`aatii 4:30 (Sanbata Xiqqaa dabalatee)
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sabbataa Aanaa Moglee
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Sep 21, 2026)
  • Posted at: 2026-09-22T07:05:29.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders