Stationery
Godina Baalee Bahaatti Waajjirra Maallaqaa Aanaa Laga Hidhaa Seektaroota Mootummaa fi Gandoota Aanicha keessatti argamaniif Baajata Idilee Bara 2019 tiin Meeshaalee bituu barbaada
More tags
Description
Beeksiisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaa Bara 2019
Godina Baalee Bahaatti Waajjirra Maallaqaa Aanaa Laga Hidhaa Seektaroota Mootummaa fi Gandoota Aanicha keessatti argamaniif Baajata Idilee Bara 2019 tiin Meeshaalee Barreessaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbataa Dhumataa, Meeshaalee Dhaabbataa Elektironiksii fi Furnicharoota, Gommaa Konkolaataa, Motar Saayikloota, Uffata Dambii Hojjattoota Mootummaa, Afataalee fi miidhagina Caalbaasii Ifaatiin Wal-dorgomsiisee bituu barbaada
Ulaagaalee Dorgommichaaf barbaachisan
1.Damee Hojichaatiin Hayyama seera qabeessa kan qabu
2.Gibira bara 2018 kan kafalee fi hayyama daldalaa kan haaromse
3.Ragaa Galmeessaa Vaatii dhiyeeffachuu kan danda'uu
4.Lakkofsa eenyummaa kafalaa Gibiraa TIN Number kan qabu
5.Dorgomtoonni ragaalee Dokimantii Teeknikaa /Technical docment/ fi sanada gatii (Financial document) orjinaalaa fi koppii invilooppii adda addaa lamatti gargar saamsuudhaan gatii meeshaa Vaatii dura jiru guutanii chaappaa, maqaa, mallatoo, Lakk. Bilbila isaani fi iddoon dhaabbanni isaanii argamu guttachuun deebisuu qabu.
6.Dorgomaan kamiyyuu tarree dhiyeessitootaarratti galmaa'ee ragaa haaroome dhiyeeffachuu qaba
7.Waldaaleen IMX waggaa lamaan asiitti gurma'aan qaama isaan gurmeessee irraa xalayyaa Wabummaa maallaqichaa ibsuudhaan dhiheefachuu irraa eggama.
8.Waldaaleen gurmaa'an waraqaa ragaa qaama seerummaa haaromfamee dhiheeffachu qabu.
9.Dorgomaan waliigaltee bittaan kun ji'a jihaaf (6) akka turu beekun waligaltee mallateesudhaaf fedhii kan qabu.
10. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii CPO qar. 100,000 (kuma dhibba tokko) maqaa waajjira Maallaqaa Aanaa Laga hidhaatiin dalagsiisuun haarkatti qabatee dhihaachu kan danda'u.
11. sanada caalbaasii dorgomtootaaa haqamaaa fi laaqama qabaachuu hinqabu
12. Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa caalbasii qilleensarra oole irraa egalee Waajjira Galiwwaan Aanaa Laga hidhaa irraa Qarshii hin deebine 300 {dhibba sadi} kafalee sanada bitachuu ni danda'a.
13. Guyyaan dorgommii beeksiifni Caalbaasii bahee guyyoota hojii walitti anaan 15 { digdamii tokko} qilleensa irra oolee gaafa guyyaa 16ffaa (Kudha Jahaffaa) guyyaa hojii yeroo sa'aatii 3:30 tti saamsamee guyyama kana bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni xalayaa bakka bu'ummaa seeraa qaban jiranitti yeroo sa'atii 4:30 tti ni banama
14. Guyyaan sanadni caalbaasi banamu guyyaa hojii ta'uu baannaan guyyaa hojii itti aanutti kan banamu ta'a.
15. Sanadni dorgommii erga sanduqni caalbaasii saamsame dhihaatu kamuu fudhatama hin qabu. guutame sirreessuun hin danda'amu.
16. Dorgomtooni kan dorgomu danda'an haala hayyama daldalaa qabaniin qofa ta'a
17. Dorgomtoonni bakka modeelli meeshaa gaafatametti gutachuun irraa eggama. Gatiin sanada dorgommii irratti
18. Dorgomaa injifataa ta'eef kabachiisa walii galtee % 10 (kudhan) CPO ajaja bittaa keessaa qabsisuudhaaf feedhi kan qabu.
19. Kaffaltiwwan anda addaa jachuun (TOT, VAT, fi Vati muramu irraa %7.5 murachuudhaaf feedhi kan qabu.
20. Dorgomas injifataa ta'uun isaa erga ibsamee fi ajajanni bittaa kenname booda guyyaa hojii kudhan (10) keessatti waajjira bittaa rawwatutti dhibcessu qaba.
21. Dorgomaan caalbaasii kana moo'ate meeshaalee moo'atee darbe baay'inaa fi qulqullinna isaa eegee dhiyeessuudhaaf dirqama qaba
22. Dorgomaan caalbaasii kana moo'ate meeshaalee moo'ate hanga Waajirra Maallaqaa Aanaa Laga hidhaatti kan dhiyeessu ta'a
23. Ragaz biroo yoo harbadaan lakk. Bilbilaa 0988209143, 091341859 ykn 0910196243 bilbiltanii gaafachuu ni dandeessu.
Hubachlisa
Waajiri bittaa raawwatu dorgommicha gutumaan gutuutti /gar tokkeen haaqudhaaf mirga niqaba. Dhiheessaaf kaffaltiin kan raawwatamu haaluma dorgommitiin meeshaaleen qulqulina qabu,yeroo baayyina fi bifa gaafatameen wayita dhiheessuu fi qaamota ilaallatuun ilaalamee fudhatama yoo argatee fi walhaarka fudhiinsi taasifame nagaheen seera gabeessaa cirameen booda ta'a
Waajjira Maallaqaa Aanaa Laga Hidhaa
Tender details
- Deadline: 2026-10-05
- Bid closing time: 10:30
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 3:30tti
- Bid opening: 2026-10-05 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Laga Hidhaa
- Bid bond: Qarshii 100,000.00
- Bid document price: Qarshii 300.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
- Posted at: 2026-09-22T11:25:13.000Z
- Source: Qelal Tenders