Stationery

Godina Gujiitti Waajjirrii Maallaqa Aanaa Adoolaa Reeddee Manneen hojii Mootumma Aanichaa keessatti argamanif Meeshaalee bituu barbada.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa 

Godina Gujiitti Waajjirrii Maallaqa Aanaa Adoolaa Reeddee Manneen hojii Mootumma Aanichaa keessatti argamanif 1.Meeshaalee Barreesaa 2.Qulqullessa 3.Dhaabbii(Farnicharii) 4.Elektrooniksii 5.Uffata Seeraa Hojjatoota 6.Motoorsaakiloota fi 7.Korboo Konkolaataa Bara bajaata 2019tiif ifaatiin

caal-baasii wal-dorgomsisee bituu barbada. Kanaafuu dorgomtoota caal-baasii kana irrattii hirmachuu barbaadan,bu'urrumaa kanaa gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgomuu ni danda'u.

1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanitin heeyyamaa daldalaa haaromfamee seera qabeessa ta'ee,facaatii dhiyyeesitoota/supply list/ kennaa tajajilaa ragaa sanadootaa ittin galma'aan fi Ragaa lakkofsa TIN fotoo koppii isaa sanadaacaal-baasii walin qabsisani dhiyyeesuu qabu

2. Dorgomtootni Caal-Baasii bara bajataa 2019 irratti hirmachu danda'an Waajjira Galiwwannii irraa gibira Bara Kan ittin kaffalan ragaa footoo koppii isa dhiyyeffachu dirqama qabu.

3. Dorgomtootni dhiyaatan galmaa'aa Taaksii Dabalataa (VAT) galmaa'uu isaanitiif raga footoo kooppii dhiyeeffachuu kan danda'anii fi Bittaa mana hojichaaf dhiyyeessaan keessaa VAT %7.5 irraa cite Sandugaa mootummaattii galii kan ta'u isaa bekuu dirqama qabu.

4. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazexaa Kallacha Oromiyaatiin qilleensa irraa olee jalqabe guyyota hojii 15/ kudha shan/ keessaattii yeroo hundaa sa'aati hojii mootummaa maallaqaa hin deebine qr. 200 (dhibba lama) kaffaluun Garee Bittaa Waajjira Maallaqa Aanaa Adoolaa Reeddee Lakk. 8tti dhiyaachuun sanadicha bitachuu ni danda'u.

5. Dorgomaan kaamiyyuu kabachiisa Caalbaasiif kan olu gatii tilmammaa bittaa waligalaa %2 Maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Adoolaa Reeddeetiin CPO Baankiidhaan mirkanaa'ee sanada Orijinaala Caalbaasichaa waliin qabsiisee dhiyyeessu qabu. IMX yoo ta'an bu'uraa Danbii Carraa Hojii Uumuuf fi Ogummaa Naannoo Oromiyaa Diriirsuuf bahe lakk. 226/ 2014 Xalayaa deeggarsa qaama isaan hundesse irraa Odeeffaannoo guutuu waajjira isaan gurmeessee kan ibsuf, caalbaasii irrattii dorgomman ibsudhaan sanada Orijinaala caalbaasicha waliin qabsiisee dhiyeessuu dirqamaa qabu.

6. Dorgommaan kaamiyyuu Ragalee Orijinaala gu yeroo gaafatamee dhiyyeessuudhaaf fedhii kan qabu ta'u isaa beekun dirqamaa isaati.

7. Dorgomtootni sanada caalbaasii Bittaa Meeshaalee Barreessa, Qulqulleessaa, Dhaabbii, Elektirooniksii, Uffata Seera Hojjatoota, tido Motoorsaakiloota fi Korboo Konkolaataa poostaa saamsameen Orjinaalaa fi kooppii addaan baasuun gaafa guyyaa hojii 16ffaatti hanga sa'aati 4:00tti Waajjira Maallaqaa Aanichaatti kutaa Lakk.8tti Buddhiyyaachuun Saanduqa Caalbaasiii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

8. Caalbaasichii gaafa guyyaa hojii 16ffaa sa'aatti 4:00tti cuufamee sa'atti 4:30tti dorgomtootni

 ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas pertestaajjabdoonni bakka argamanitti galma Waajjira Bulchiinsa keessatti ni banama.

9. Mo'ataan caal-baasii Bittaa meeshaalee mo'attee hangaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Adoolaa Reeddeetti dhiyeessuuf dirqama qaba.

10. Dorgomaan Caalbaasicha kana gufachiisuuf yaalii godhee caalbaasiin ala ta'anii gara fuulduraattis caalbaasii mootummaa keessatti kan hin dorgomne yommuu ta'u Maallaqni kabachiisaa caalbaasii dhaalame Mootummaaf galii ta'a.

11. Dorgomaan Kammiyyuu Caalbaasichaa Erga Banamee Booda sanadicha caalbaasii irratti kan ibsaman haala kammiyyuu jijjiruu ykn fooyyesuu akkasumas caalbaasicha dhiisee jira jechuun hin danada'amu.

12. Afaan caal-baasichii ittin gaggeeffamuu Afaan hojii mootummaa Naannoo Oromiyaati.

13. Waajjirrichii filannoo fooyy'ee yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar- tokkee isaa haquudhaaf mirgi isaa seeraan eegame dhaa. Odeeffannoo dabalataaf Lakk. Mobile 0922134204, 0916311206, 0912464005 ykn 0916807080

Waajjira Maallaqaa Aanaa Adoolaa Reeddee


Tender details

  • Deadline: 2026-10-05
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa Sa,aatti 4:00ttii
  • Bid opening: 2026-10-05 10:30
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa Sa,aatti 4:30ttii
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Adoolas Reeddee
  • Bid bond: 2%
  • Bid document price: Qarshii 200
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
  • Posted at: 2026-09-22T12:32:08.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders