Stationery

Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Gujii Manneen Hojii Mootummaa Godinicha keessatti argaamanif Meeshaalee bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaawwaan Meeshaalee Adda Addaa Bara Baajataa 2019 Bahe

Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Gujii Manneen Hojii Mootummaa Godinicha keessatti argaamanif 1. Bittaa Meeshaalee Barreeffammaa 2. Bittaa uffata seera hojjattoota mootummaa 3. Bittaa Meeshaalee qulqulleessaa 4. Bittaa Meeshaalee Dhaabbii xixxiqqa waajjira keessa 5. Bittaa Korboo (Gommaa) konkolaataa,Motorrii saayikilootaa fi Baatirii konkolaataa 6. Bittaa Meeshaalee Eelektirooniksii 7. Bittaa Meeshaalee dhaabbii (Furniture) 8. Bittaa Meeshaalee Jijjiraa konkolaataa fi 9. Midhaan Nyaataa Baratoottaa Kolleejjii Barnoota Barsisoota Adoola bara baajata 2019 tiif Caal-baasii Ifaatiin wal-dorgomsisee bituu barbada.

Kannafuu dorgomtootni caal-baasii irraattii hirmachuu barbaddaan bu'urrumaa armaan gaditti ibsameen dhiyaatanii dorgommuu ni danda'u.

  1. Dorgomtootni kallattii hojii daldalaa isaanittin heeyyamaa daldala bara 2019 seera qabeessa ta'e, Waraqaa dhiyyeessummaa Faayinaansii (supply registration list) kennaa tajajilaa biyyaa keessa ragaa sanadootaa ittin galma'an, Waraqaaqulqullina Gibira (Tax clearance) fi Ragaa lakkofsa TN fottoo koppii isaa sanadaa caal-baasii Oriijiinaalaa walin dhiyyeesuu dirqamaa qabu.

2. Dorgomtootni Caal-baasii bara bajaata 2019 irraatti hirmachu akka danda'an Waajjira Galiwwannii irraa gibira bara 2018 Kan ittin kaffalan ragaa foto- kooppii dhiyyeffachu dirqama qabu.

3. Dorgomtooni dorgommiif dhiyaatan galma'aa taaksii dabaltaa (VAT) galmaa'uu isaanitiif ragaa foto- kooppii dhiyeeffachuu kan danda'aniif bittaa mana hojichaaf dhiyyeessaan keessaa VAT %7.5 irraa citee Sanduqaa mootummaattii galii akka ta'u bekkuu dirqama qabu.

4. Dorgomtootni sanada Caalbaasii guyyaa beeksifni Kun Gaazexxaa Kallacha Oromiyaatii fi OBN qilleensaraa olee eegalee guyyota hojii 10/ kudhan/keessaattii yeroo hundaa sa'aati hojii mootummaa maallaqaa hin deebine qr. 500.00 (dhibbaa shani) Baankii Siinqeetii kaffaluun Garee Bittaa Bulchinsa fi Dhabamsiisaa Qabeenyaa fi Tajaajila Walii Gala Puula waajjira maallaqaa Godina Gujii Gamoo Bulchinsa Godina G+1 Lakkofsa 7 dhiyaachuun sanadicha bitachuus ta'e deebisu ni danda'u.

5. Dorgomaan kaamiyyuu kabachisaa Caalbaasiif kan olu gatii tilmammaa bittaa waligalaa dhiyyeessaan keessaa tokkon tokkoon caalbaasii irraattii dorgommaaniif qarshii 50,000.00 (Kuma Shantama) maqaa waajjira maallaqaa Godina Gujiitiin CPO Baankiidhaan mirkanaa'e, ykn Waldalee IMX yoo ta'an bu'urraa Danbii Carraa Hojii Uumuuf fi Ogummaa Naannoo Oromiyaa Diriirsuuf bahen xalayaa deeggarsa Waajjira isaan hundesse irraa Odeeffaannoo guuttuu waajjira isaan gurmeessee kan ibsuf, Caalbaasii irraattii dorgommaan ibsudhaan xalayaa Orijiinaalaa sanada Orijiinaalaa Caalbaasicha waliin dhiyeessuu dirqama qabu, xalayichii Odeeffannoo guuttuu Waajjira isaan gurmeessee yoo hin qabanee fudhatama hin qabu.

6. Dorgommaan kaamiyyuu Ragalee Oriijinaalaa yeroo gaafatamee dhiyyeessuudhaaf fedhii kan qabu ta'u isaa bekkun dirqamaa isaatti.

7. Dorgomtootni Sanada Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Barreffammaa, Qulqullesaa,Dhaabbii xixiqqa Waajjira keessaa, Uffataa Seera Hojjattoottaa Mootummaa fi Bittaa Korboo (Gommaa) konkolaataa,Motorrii saayikilootaa fi Baatirii konkolaataa poostaa saamsameen Sanada Orijinaalaa fi kooppii addaan baasuun guyyaa 21/01/2019 hanga sa'aati 4:00tti Waajjira Maallaqaa Godina Gujiitti Sanduqa Caalbaasicha kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu

8. Caalbaasichi meeshaalee Barreffammaa, Qulqullesaa, Dhaabbii xixiqqa Waajjira keessaa, Uffataa Seera Hojjattoottaa Mootummaa fi Bittaa Korboo (Gommaa) konkolaataa, Motorrii saayikilootaa fi Baatirii konkolaataa gaafa guyyaa 21/01/2019 sa'aati 4:30tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti Galma Bulchinsa Godina Gujii keessatti ni banama.

9. Dorgomtootni sanada caalbaasichaa bittaa Meeshaalee :- Eelektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii (Furniture), Bittaa Meeshaalee Jijjiraa konkolaataa fi Midhaan Nyaataa Baratoottaa Kolleejjii Barnoota Barsisoota Adoolaa poostaa saamsamee Sanada Orijinaalaa fi kooppii addaan baasuun guyyaa 21/01/2019 tti hanga sa'aati 4:00tti Waajjira maallaqaa Godina Gujiitti Saanduqa Caalbaasii kanaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.

10. Caalbaasichii Bittaa Meeshaalee Eelektirooniksii, Meeshaalee dhaabbii (Furniture), Bittaa Meeshaalee Jijjiraa konkolaataa fi Midhaan Nyaataa Baratoottaa Kolleejjii Barnoota Barsisoota Adoolaa gaafa guyyaa 21/01/2019 sa'aatii 8:00tti dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa isaanii, akkasumas taajjabdoonni bakka argamanitti galma Bulchinsa Godina Gujii keessatti ni banama.

11. Mo'attaan caal-baasii meeshalee mo'atee hunda qulqullina isaa egee baasii isaattiin feesisee (Geejibsisuudhaan) hanga kutaa kuusaa Meeshalee Waajjira Maallaqaa Godina Gujiittii dhiyeessuu dirqama qaba.

12. Afaan caalbaasiin ittinii geggeeffamuu Afaan Hojii Mootummaa Naannoo Oromiyaattii ta'a.

13. Waajjirrii Maallaqaa Godina Gujii filannoo fooyyee yoo argatee caal-baasichaa guutummaan guututti ykn gar-tokkee isa haquudhaaf mirgi isaa seeraan eegamadhaa.

Odeeffannoo dabalataa Lakkofsaa bilbilla 046 335 1559 Lakkofsaa Moobayiila 09 11 59 03 38 ykn 09 13 52 62 84

Waajjira Maallaqaa Godina Gujii Adoolaa Woyyuu


Tender details

  • Deadline: 2026-10-01
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-10-01 14:00
  • Bid opening (note): Lootiidhaan Adda addaa dha
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Gujii Adoolaa Woyyuu
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 sanada tokkoo
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
  • Posted at: 2026-09-22T12:43:59.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders