Stationery
Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gullisoo Meeshaalee Barreeffamaa Uffata Seeraa, Meeshaalee bituu barbaada
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gullisoo Meeshaalee Barreeffamaa Uffata Seeraa, Meeshaalee Elektroniksii, Meeshaalee Dhumataa Garaa garaa fi Farniichara garaa garaa Caalbaasii Ifaatiin Sekteraalee mootummaa Aanicha keessatti argamaniif wal dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf daldaltootni ulaagaa armaan gadiitti argamu guuttaan dhiyaattanii akka dorgomtaan kabajaan isin afeerreerra.
9. Ulaagaa dorgommichaa ;-
1. Dorgomtoonni heyyama daldalaa Kallattiin kan qabanii fi heyyama bara 2019 itti kan harrefatanii fi ragaa Online kan Qabu.
2. Gibira Motummaa bara 2018 kaffaluu isaatiif waraqaa qulqullinaa waajjira Galiiwwanii irraa kan dhiyeeffatuufi hidaa mootummaa kam irrayyuu bilisa ta'uu isaatiif bu'aa ooditii walii galaa kan bara 2016 fi bara 2017 waajjira galiitiin mirkanaa'e kan dhiyeessu ta'uu qaba.
3. Dorgomaan kam iyyuu Ragaa galma'aa VAT, TIN fi waraqaa Galmeessa Daldalaa kan dhiyeeffatu ta'uu qaba.
4. Adabbii bittaa mootummaa irraa kan hin dhorkamne ta'uuf raga akan dhiyeeffatu tauu qaba.
5. Dorgomaan Gibira Mootummaa amanamumma fi Yeroon Kaffaluu Ragaa kan dhiyeeffatu yoo ta'e ni jajjabeeffama.
6. Dorgomaan kamiiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal-baasii CPO tokkoon tokkon Lootiii Irratti dorgomuu irratti Qar. 100,000 (kuma Dhibba tokko) Baankii Irraa dhiyeessuun qabsiisuun qaba.
7. Gatiin dorgomaa Kamiiyyuu gatii qorannoo gabaa irraa 20% kan fagaatu yoo ta'e fudhatama hin qabu.
8. Odeeffannoon poostaa irratti barreefamu Lakk bilbilaa, Teessoo Guutuu isaa,Maqaa Daldalaa fi chaappa isaa kan mirkanaa'ee fi chaappaa irratti mallattoon mallatta'uu qaba.,Maqaa gutuu waajjiricha caalbaasiii baseefi maqaa bittaa, Maqaa fi mallatto Bakka bu'aa dhuyaachuu qaba.
9. Dorgomaan Ragaa Sanada (Ragaa) Guutummaatti dhiyeeffatu Chaappaa Dhaabbatichaa fi Mallattoo Bakka Bu'aa kan mirkanaa'ee fi kan mul'atu haqaa fi laaqaa malee dhiyeeffachuu qaba.
10. Dorgomaan sanada caalbaasiif qarshii hin deebine qar.2000 (Qr: kuma tokko qofa) kaffaluudhaan Sanada qophaaa'e saatii hojii mootummaa saatii 2:30 hanga satii 6:30 waaree dura tae'ee waaree booda saatii 7:30 hanga saatii 11:30 tti waajjira maallaqaa Aanaa Gullisoo Adeemsa bittaa fi bulchiinsa qabeenyaa lakkoobsa 11(kudha tokko)tti galmaa'uun fudhachuudhaan guutanii galchuu ni danda'u,
11. Bakki Saanduqa caalbaasii itti argamu waajjira maallaqaa Aanaa Gullisooo yeroo ta'u erga saanduqni caalbaasii cufamee booda sanadni dorgommiif dhiyaatu fudhatama hin qabu.
12. Dorgomtootni sanada caalbaasii teekinika poostaa tokko koppii isaa Poostaa tokko fi Faayinaansii isaa originaala poostaa tokko fi Koppii isaa Poostaa tokko qofa qofaaatti samsamee dhuma irratti postaa haadhoo tokkoon poostaa koppii fi orijinaalli bakka tokkotti samsuun dhiyaachuu qaba.
13. Caalbaasichi Guyyaa Gazexaa Kallacha Oromiyaa irratti Maxxanfam irraa eegalee Guyyaa hojii mootummaa 15(kudha shan) walitti fufee qilleensa irra erga oolee boodee guyyaa hojii 16 ffaa (kudha ja'affaa) waaree dura saatii 4 (afur) irratti saanduqi caalbasii samsamee saatii4;30 irratti dorgomtootni ykn bakka bu'aan isaanii argamanis ykn argamuu baatanis caalbasichi ni banama.
14. Dorgomaan caalbaasii kana mo'ate meeshaalee kana Gutummaaa guutuutti harcatii tokko malee hanga mana kuusaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Gullisoo iitti dhiyeessuu dirqama qaba.
15. Dhaabbatni dhiyeessii meeshaalee furniicharii irratti dorgomu Akkaataa Raawwii fi Propoosaala isaafi yeroo dhiyeessii ykn schedule dhiyeessii fi turtii meeshaalee kana hiisisuu, akkaataaa fe'umsaa, akkaataa buusisuu ogeessota meeshaalee kana hidhan ragaafi muuxannoo isaanii certificate isaanii fi muuxannoo hojii dhiyeessuu qaba.
16. Dorgomaan Muxannoo hojii Walfakkataa Mana Hojii Mootummaa irraa ragaa Qulqulluu ta'e kana dura hojjeetee raqaa kan qabu ta'uu qaba.
17. Dorgomaan kamiiyyuu sanada caal-baasii irratti gatiin dhiyeesse Hanga Waxabajjii 30 tti ragga'ee kan turu ta'ee jijjiiramni gatii kamiyyuu gatii dorgomtoonni dhiyeessan irratti hundaa'ee kan hin taasifamne ta'a. Piropoosaala irra Galuu Qabaa akkaataa rawwi irras dabalataan
18. Dorgomaan caal-baasicha mo'ate waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti aanaan 15(kudha Shan) keessatti meeshaalee galii gochuun irraa kan eegamu yoo ta'u guyyaa jedhame keessatti yoo galchuu baatee walii galtee kennaan qajeelfama bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk. 02/2004 fi 1/2009 akkaataa labsii Bittaa fi Bul/Qabeenyaa lakkofsa 157/2002 tiin tarkaanfin kan fudhatamu ta'uu isaa beekuu qabu.
19. Meeshaaleen Dhiyaatan Kun koree Qulqullinaaatiin Ilaalamanii qulqullina meeshaalee kanaatiif Istandardii ka'ameen kan dhiyaate ta'uu isaa erga irraatti walii galamee Xalayaan barreeffamee booda kan mana kuusaatti kan galu ta'a.
20. Haaluma armaan olitti ibsameen dorgomtoonni dirqama caal-baasichaa bahachuu yoo baatanii fi waliigaltee seenan seeran yoo raawwachuu baataan kabachiisa caal-baasichaa fi kabachiisa waliigaltee qabsiisan dhalamanii wajjirichaaf galii ta'ee qajeelfama bittaa 'Mootummaa lakk. 02/2004 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin waajjirichi tarkaanffii kan fudhatu ta'uu isaa beekuu qabu
21. Mo'ataan Caalbasii Kanaa Naga'ee seera Qabeessa ta'e kutuun isaa erga mirkanaa'ee booda meshaaleen kun galii kan ta'an ta'a.
22. Moataan caalbasii kanaa gatii kirayaa konkolataa dabalatee, gatii human namaa dabalatee baasii walii gala kan mataa isaati
23. Dhimma dhaabaticha raawwachiisuufis ta'e yaada dhiyyeessuu kan danda'u qaama bakka bu'insa seeraa qabu ta'uu qaba.
24. Mo'ataan Uffata secra otu walgaltee hin xumuriin dura Namuunaa dhiyeessuu qaba.
Hubachiisa- Waajirichi haala fooyya'aa yoo argate caalbasicha gar tokkeenis ta'e guutummaan guuttutti haquuf mirga guutuu qaba.
Odeeffanno Dabalataaf lakk. bilbilaa:- 09 21 05 52 74 ykn 09 13 37 03 97 Godina Wallagga Lixaatti
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gullisoo.
Tender details
- Deadline: 2026-10-02
- Bid closing time: 10:30
- Bid closing (note): Guyyaa hojii mootummaa 15(kudha shan) walitti fufee qilleensa irra erga oolee boodee guyyaa hojii 16 ffaa (kudha ja'affaa) waaree dura saatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-10-02 22:30
- Bid opening (note): Guyyaa hojii mootummaa 15(kudha shan) walitti fufee qilleensa irra erga oolee boodee guyyaa hojii 16 ffaa (kudha ja'affaa) waaree dura saatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gullisoo.
- Bid bond: Qarshii 100,000.00 sanada tokkoo
- Bid document price: Qarshii 2,000.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 17, 2026)
- Posted at: 2026-09-22T14:50:56.000Z
- Source: 2merkato