Cleaning and Janitorial Equipment and Service

W/Maallaqaa Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Laaloo Assaabii bara baajetaa 2019 tti sektara aanicha keessatti argaman hundaaf meeshaalee adda addaa bitu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii-lak. 1/2019

W/Maallaqaa Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Laaloo Assaabii bara baajetaa 2019 tti sektara aanicha keessatti argaman hundaaf meeshaalee dhumaataa meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee biiroo keessaa meeshaalee ijaarsaa, meeshaalee dhaabbataa kan akka farnicharaa fi Elektirooniksii, meeshaalee BLTO Uffata seeraa hojjettootaa, Gommaa konkolaataa fi motor saayikilii, kkf caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbada,

kanaafuu

1/ Meeshaalee qulqullina qabu dhiyeessuu kan danda'anii fi hayyama daldalaa seera qabeessa ta'e meeshicha daldaaluu irratti kan qaban.

2/ Galma'aa VAT,ykn TOT kan ta'ee fi lakkoofsa Eenyummaa kaffalaa Gibiraa (TIN) dhiyeeffachuu kan danda'u, dabalataan Gibira dursee hirrifamu(WHT) 3%, Akkasumas VAT irraa 7.5% hirrisee hambisuuf fedha kan qabu.

3/ Hayyama daldalaa bara 2019 kan hareessee fi waraqaa qulqullinaa gibiraa (tax clearance )kan bara 2018 kan dhiyeessu.

4/ Tokkoo tokkoo sanada caalbaasiif Kabachiisa caalbaasii /(CPO) qarshii 10,000.00 baankiittii qabsiisuun raga a baankii kan dhiyeeffatu.

5/ IMX'n kan ijaaramaniif akkaataa danbii 192/2009 kan ba'e akkuma eegametti ta'ee qaama isa ijaaree irraa waraqaa wabummaa qarshii 10000.00 dhiyeessuu kan danda'u.

6/Dorgomtootni chaartii dhiyeessitootaa keessatti galmaa'uu isaaniif ragaa kan qabu.

7/ Dorgomtootni caalbaasichaa gosa meeshaalee irratti dorgoman saamuda isaa dursee kan dhiyeessuu danda'u,( Waraqaa,kompiyutaraa,Qalama biikkii, Qalama Kompiyutaraa Gosa isaa irraa,uffata seeraa gosa isaa irraa fi saamudni isaa kan dhiyaachuu qabu hunda).

8/ Dorgomtootni caalbaasiin kun guyyaaa beeksiisni itti ba'e 13/1/2019 hanga 27/1/2019 guyyoota 15 keessatti W/Maallaqaatti dhiyaachuun tokkoo tokkoo sanada caalbaasiif qarshii hin deebine 100.00 kaffaluun sanada caalbaasii bitachuun saanduqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaa'e keessa buusuu nu dandeessu.

9/ Dorgomtootni sanada caalbaasii bitatan irratti gatii tokkoo tokkoo meeshaalee guutuun mallattoo fi chaappaa erga irratti godhamee booda dokimantii Tekinikaa fi Faayinaansii orijinaalaa fi koppii isaa poostaa adda addaa keessa galchuun erga saamsamee booda maqaa Mallattoo fi chaappaa dhaabbatichaa akkasumas poostichi orijinaalaa fi koppii ta'uu isaa bifa ifa ta'een poostaa irratti gochuun dhiyaachuu qaba.

10/ Guyyaa caalbaasiin kun itti cufamu gaafa 27/1/2019 sa'atii 8:00 yeroo ta'u kan banamus gaafa 27/1/2018 sa'atii 8:30 W/M/aallaqaa/A/L/ Assaabii bakka dorgomtootni ykn bakka bu'ootni seera qabeessa ta'an jiranitti banama.

Hubachiisa dorgomtootni ykn bakka bu'ootni seera qabeessa ta'an yoo hin argaman ta'e dorgommicha hin gufachiisu.

11/ Dorgomtootni meeshaalee ittiin mo'atan hunda isaa geejjiba mataa isaaniitiin hanga mana kuusaa waajjirichaatti dhiyeessuu qabu.

12/ Waaajjirichi haala fooyya'aa yoo argate caalbaasicha gar tokkeen ykn gutummaa guututti haquuf mirga qaba.

  • Ibsa dabalataaaf lakk bilbilaa 09 11 53 80 82 tti bilbiluu dandeessu ykn
  • Gaazexaa Addis Zaman danddeessu guyyaa 13/1/2019 maxxanfame dubbisuu

W/maallaqaa Godina Wallagga Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Laaloo Assaaabii


Tender details

  • Deadline: 2026-10-07
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid opening: 2026-10-07 14:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Wallagga Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Laaloo Assaaabii
  • Bid bond: Qarshii 10,000.00 sanada tokkoo
  • Bid document price: Qarshii 100.00 sanada tokkoo
  • Published on: Addis Zemen (Sep 23, 2026)
  • Posted at: 2026-09-23T09:55:21.000Z
  • Source: 2merkato
← Back to all tenders