Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Beeksisa Caal-baasii Bittaa Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksiinii, Meeshaalee Waajjira Keessaa, Gommaa Konkolaataa, Meeshaalee Farniicheraa fi Uffata Seeraa Waajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa Kutaa Magaalaa Sebetaa M

Description

Beeksisa Caal-baasii

Magaalaa Shaggar kutaa M/Sabbataatti W/Maallaqaa A/Meettaa baajata bara 2019tiin Waajjiroolee Aanichaaf

  1. Meeshaalee barreeffamaa
  2. Meeshaalee Qulqullinaa
  3. Meeshaalee Elektirooniksiirin
  4. Meeshaalee waajjira keessaa
  5. Gommaa Konkolaataa
  6. Meeshaalee Farniicheraa
  7. Uffata seeraa bituu barbaada,kanaafuu

Ulaagaalee guutamuu qaban

1. Waraqaa raga galmeessa daldalaa dhiheeffachuu kan danda'u

2. Waraqaa raga dhiheessummaa dhiheeffachuu kan danda'u Sta

3. Heyyama hojii daldalaa bara 2019 kan haareeffate

4. Gibira bara 2018 kaffaluu isaatiif waraqaa qulqullinaa Waajjira A/T/Galiiwwanii irraa dhiheeffachuu kan danda'u

5. Galma'aa dabalata taaksii (VAT) fi Kaffalaa gibiraa /TIN/ ta'uu isaaniif raga dhiyeessuu kan danda'an

6. Maallaqa baankiin mirkanaa'e /CPO/ hanga qarshii 50,000 tti qabsiisuu kandanda'u, qaamaa kamirraayyuu bakka CPO deggersi barreeffamaa dhiyaatu fudhatama kan hin qabne ta'ee; Ragaan CPO dhiyaatu poostaa qofaa(addaa) keessatti dhihaachuu qaba,poostaan kun immoo maqaa dorgomaa,teessoo dorgomaa,mallattoo dorgomaa, lakkoofsa bilbilaa fi waan irratti dorgomuuf dhiheeesse poosta irratti barreessuu qaba.

7. Ragaan Tekinikaa oriijinaalaa fi koppiin poostaa adda addaatiin gagaadhaan saamsamee poostaa tokko keessatti ammas gagaan saamsamee dhiyaachuu qaba.

8. Ragaan Faayinaansii oriijinaalaa fi koppiin poostaa adda addaatiin gagaadhaan saamsamee poostaa tokko keessatti ammas gagaan saamsamee dhiyaachuu qaba

9. Poostaan dhiyaatu hundi Maqaa dorgomaa, Teessoo/Adress/, Chaappaa. Mallattoo dorgomaa, lakkoofsa bilbilaa fi waan irratti dorgomu adda baasee fuula hunda poostichaa irratti dhiyeessuu qaba.

10. Dorgomaan mo'ate Meeshaalee qulqullina qabu dhiyeessuu qaba.

11. Dorgomaan mo ate Meeshaalee kana hanga mana kuusaa waajjiraatti dhiheessu qaba

12. Gatiin ittiin dorgomamuuf sanada irratti guuttan haqaa fi laaqaa qabaatee jennaan ragichi fudhatama qabaachuu hin danda'u.

13. Dorgomaan adeemsa caalbaasichaa danquuf yaale kamiyyuu dorgommiin alata'ee maallaqni kabachiisa caalbaasiif qabsiise ni dhaalama. Fuul durattis bittaa mootumaa irraa ni dhorkama

14. Namni sanada yaada dorgommii bakka bu'ummaan mallatteessee galchu raga bakka bu'ummaa seera qabeessa ta'e dhiyeeffachuu qabu;

15. Mo'ataan gatii ittiin mo'ateen dhiyeessuuf guyyaa waliigaltee raawwate irraa eegalee meeshaalee mana kuusaa Waajjira Maallaqaatti galii taasisuu fi dabalataan fnyeroo ji'oota sadii waliigaltee itti galeetti gatiin osoo hin jijjiiramin ni tura.

16. Walharkaa fuudhinsi meeshaalee kan raawwatamu mana kuusaa /store/W/M/A/M ti.

17. Dorgomaan dorgomicha mo ate guyyaa mo`achuun isaa ibsame jalqabee guyyoota 5/shan/keessatti waliigaltee seenuu qaba. Guyyoota kana keessatti dhiyaatee Kan waliigaltee kan hin mallatteessine kabachiifni caalbaasii ni dhaalama.

18. Dorgomtoonni gatii guutuu Kan danda'an sanada caalbaasii manni hojii gurgure irratti qofa yommuu ta'u, ibsa dabalataa foormii irratti of-eeggannoodhan barreessuu qaba.

19. Sanadoonni erga yeroo kenname irra darbee booda dhufan fudhatama hin qaban.

20. Sanadoonni erga yeroon itti galchan darbe dhufan osoo hin banamin dorgomaaf nideebi'u. A APA

21. Guyyaa beeksisi kun maxxanfamee kaasee hanga guyyoota hojii mootummaa 15(kudha shan) tti poostaa saamsameen W/Maallaqaa A/Meettaa tti kan dhiheeffatu.

22. Sanada caal-baasii dorgomaan W/Maallaqaa A/Meettaa dhufee qarshii hin deebinee qar.500 (dhibba shanqofa) kaffaluun bitachuu qabu.

23. Dorgomaan dhiyaatuu bara 2018tti dhiyeessii meeshaalee raawwate irratti dhiyeessicha Yeroo fi qulqullinaan dhiyeessuu isaa qaama dhiyeesseef irraa waraqaa qulqullinaa dhiyeeffachuu qaba.

24. Caal baasiin Kun qilleensarra Kan turu guyyoota hojii 15(kudha Shan) guyyyaa- 15/1/2019 irraa eegalee hanga guyyaa-- 5/2/2019-ta'ee, kan cufamus guyyuna kana saa'atii-10:30 irratti cufama.

25. Guyyaa caal-baasiin kun banamu gaafia -6/2/2019saa'ati 3:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'onni jiranitti kan banamu; ta'e bakka bu'aan xalayaaa seera qabeessa qaama bakka buusee irraa dhiyeeffachuu qaba. Haa ta'u malee Dorgomaan ykn B/Bu'aan argamuu dhabuun caalbaasicha banamuu hin daangessu.

26. Waajjirichi haala mijataa yoo argate Caal-baasicha gar- tokkees ta'ee; guutummaan guutuutti haquuf mirga guutuu qaba.

27. Odeefannoo dabalataaf lakk. Bilbilaa moobaayilii 0915943920 tiin gaafachuu ni dandeessu.

BuI/Magaalaa Shaggar Kutta M/Sabbataatti W/Maallaqaa A/Meettaa


Tender details

  • Deadline: 2026-10-15
  • Bid closing time: 16:30
  • Bid opening: 2026-10-16 09:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Magaalaa Shaggar kutaa M/Sabbataatti W/Maallaqaa A/Meettaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published on: Addis Zemen (Sep 25, 2026)
  • Posted at: 2026-09-25T07:51:02.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders