Stationery

Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gujee Manneen hojii Mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif meeshaalee bituu barbadaa.

Description

Caalbaasii Ifaa

Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gujee Manneen hojii Mootummaa Aanichaa keessatti argamaniif meeshaalee barreeffamaa, uffata danbii, meeshaalee qulqullinaa, Meeshaalee Elektiroonicksii fi Farniicharii, Meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa fi Meshaalee Ijaarsaa bara baajataa 2019 tiif Caal-baasii Ifaatiin wal- dorgomsiifnee bituu waan barbaanneef, kanaafuu caalbaasii kanarratti dorgomtoonni hirmaachuu barbaaddan hundaaf,

Ulaagaa Dorgommichaaf barbaachisu;

1. Heeyyama Daldalaa Kan haarome Kan qabu,

2. Galmaaáa "VAT" ta'uu isaaf ragaa kan qabu, gibira bara 2018 kan kaffale,

3. Lakkoofsa(TIN) fi tarree dhiyeessitootaa keessa jiraachuu raga dhiyeeffachuu kan danda'u,

4. Dorgomaan kamiyyuu Caal-baasii yoo guutan "VAT" itti ida'uun gatii meeshaalee teechisuu qabu,

5. Dorgomaan kam iyyuu Caal-baasiin erga banamee booda yaada jijjiiruu ykn fooyyeessuu fi Caal-baasii keessaa of baasuu hin danda'amu

6. Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii % 1 maallaqaan ykn CPO dhan, gaatii walii-galaatiin herregee galchuu qaba,

7. Caal-baasii burjaajessuu fi dogoggorsuu qaamni yaalii godhe caal-baasiidhaaf gatii qabsiisee mootummaaf galii ta'ee caal-baasii keessaa haqama. Fuula duras caal- baasii mootummaa irratti akka hin hirmaanne taasifama,

8. Qaamni caal-baasii mo'ate xalayaan ykn bilbilaan guyyaa itti himame ykn beeksifame irraa eegalee guyyoota hojii shan keessatti kabachiisa waliigaltee %10 (CPO) dhiyeessuun walii-galtee mallatteessuu qabu,

9. Qaamni caal-baasii mo'ate walii-galtee mallatteessuuf eeyyamamaa ta'uu yoo baate maallaqni qabsiise mootummaaf galii taée dorgomaa lammaffaaf kennama, Qaamni caal-baasii mo'ate walii-galtee mallatteessuuf eeyyamamaa ta'uu yoo baate maallaqni qabsiise mootummaaf galii taée dorgomaa lammaffaaf kennama,

10. Dorgomtoonni snada gatii dorgommii caal-baasii orijinaalaa fi koppii isaa Poostaa adda addaatti erga saamsanii booda duuba poostaa irratti orijinaalaa fi koppii jechuudhaan ykn samiidhaan cuqqaalanii dhiyeessuu qabu,

11. Gatiin Kabachiisa Caal-baasii qabsiifame qaama moátameef battalumatti kan deebiú yoo taú qaamni mo'ate walii-galtee mallatteessee hanga meeshaa dhiyeessee xumurutti tura.

12. Dorgomaan kamiyyuu sanada haqamaa fi laaqamaa kan dhiyeessu yoo ta'e fudhatama hin qabu,

13. Dorgomaan kamiyyuu meeshaa gaafatameen ala yoo dhiyeesse Waajjiri kan hin fudhanne ta'uu isaa beekuu qabu,

14. Waajjirichi Meeshaalee Walii-gala bitu keessaa %20 dabaluu ykn hir'isuu ni danda'a,

15. Dorgomtoonni kamiyyuu Sanada Caalbaasii qarshii hin deebine 300(Dhibba Sadii) qofa baay'ina sanada bitataniin kanfaluun Waajjira Maallaqaa Aanaa Gujeetii argamanii bitachuu danda'u,

16. Beeksisni Caal-baasii guyyaa beeksisni kun gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 kan turu ta'ee gaafa guyyaa 16 ffaa saáatii 8:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka buáan isaanii argamanitti kan banamu taá,

17. Sanduuqni caalbaasii guyyoota hojii 15(kudha shan) gaafa guyyaa 14/01/2019 hanga 05/02/2019 qilleensa irraa turee gaafa guyyaa 15'f (kudha shanaaf) Sa'aatii 11:30tti cufamee gaafa guyyaa 16'f (kudha jahaaf) Saáatii 8:00 tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gujeetti Kutaa Bittaa Bulchinsa Qabeenyaa bakka haalli mija'eetti kan banamu ta'a,

18. Waajjirichi filannoo fooya'aa yoo argate caal-baasicha guutummaanis taé walakaadhaan haquu mirgaguutuu qaba,Odeffannoo dabalataaf Lakk. Bilbilaa \ 09 37 31 33 36, 09 10 44 24 60 ykn 09 94 94 46 07

Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gujee


Tender details

  • Deadline: 2026-10-08
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid closing (note): Guyyaa 15ffaa sa,aatti 11:30tti
  • Bid opening: 2026-10-09 14:00
  • Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 8:00tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Gujjee
  • Bid bond: 1%
  • Bid document price: Qarshii 300.00
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Sep 24, 2026)
  • Posted at: 2026-09-25T09:17:18.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders