Cleaning and Janitorial Equipment and Service
Mana Murtii Ol'aanaa Magaala Shaggaritti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa bara baajataa 2019tti meeshaalee adda addaa bitu barbaada
More tags
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Mana Murtii Ol'aanaa Magaala Shaggaritti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa bara baajataa 2019tti:-
- Meeshaalee barreeffamaa,
- Meeshaalee qulqullinaa,
- Meeshaalee dhumeeyyii,
- Uffata danbii,
- Meeshaalee elektirooniksii,
- Farniichariifi
- Walumaagalatti meeshaalee dhaabbiifi dhumataa caalbaasii ifaan dorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada.
Kanaafuu, daldaltootni ulaagaalee armaan gadii guuttan guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee kaastanii sanada ykn dookimentii caalbaasichaaf qophaa'ee jiru ibsa ykn waa'ee meeshichaa tokko tokkoon ibsu Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa kutaa lakk. 03tti dhiyaachuun bitachuu ni dandeessu.
1. Heyyamaa seeraqabeessaafi haaromfame kan qabu, akkasumas gibira irraa barbaadamu kaffalee xumuruu ragaa gaha ( kiliiraansii) dhiyeeffachuu kan danda'u.
2. Galmaa'aa VATfi Lakkoofsa Eenyummeessa Kaffalaa Gibiraa/ TIN/kan qabuufi ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qaba.
3. Daldaltootni galmee ragaa Ministeera Maallaqaa Federaalaa ykn Biiroo Maallaqa Naannoo/Ejensii Bittaafi Dhabamsiisa Qabeenyaa irratti kan galmaa'aniifi yeroo ammaa Websaayitii irratti galmaa'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii dhiyyeeffachuu qabu.
4. Dorgomtootni meeshaalee mo'atan kan dhiyeessan istokiiidhaa ykn mana kuusaa isaanii keessaa kan qaban ta'uu qaba.
5. Sanada dorgommii kaffaltii qarshii hin deebine qarshii 300.00(dhibba sadi) Waajjira Galii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti kaffaluun, sanada dorgommii immoo Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa kutaa lakk. 03 tti dhiyaachuun sa'aatii hojii mootummaatti Wiixataa hanga Jimaataatti bitachuu ni dandeessu.
6. Dorgomtootni gatii meeshaa tokkoo tokkoo irratti VAT 15% kan dabalate ta'uu qaba.
7. Kabachiisa caalbaasichaatiif qarshii 40,000.00 (kuma afurtama) 'CPO' ykn Bank Guarantee maqaa "Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa'tiin qophaa'ee sanada caalbaasii waliin qabsiifamee dhiyaachuu qaba.
8. Dorgomtootni sanada caalbaasii bitattan gatii guuttattan irratti mallattoofi chaappaa dhaabbata keessanii irra kaa'uu qabdu.
9. Dorgomtootni sanada caalbaasii bitatan kooppiifi orijinaala adda addaan saamsuudhaan saanduqa sanada caalbaasiif qophaa'e keessa buusuu qabdu.
10. Caalbaasichi gaafa guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:00'n cufamee guyyuma kanatti sa'aatii 4:30tti kan banamu ta'a.
11. Baniinsi caalbaasii guyyaa armaan olitti ibsame guyyaa ayyaanaa ykn Sanbata ykn Dilbata yoo ta'e guyyaa hojii itti aanuutti kan banamu ta'a.
12. Dorgomtootni meeshaalee mo'atan baasii mataasaatiin hanga Mana Kuusaa Mana Murtii Kutaa Magaalaa Galaan Guddaatti dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qaba.
13. Dorgomtootni meeshaalee mo'atan akkaataa qulqullina isaa eeggateefi Ispeesifikeeshinii isaatiin dhiyeessuu qabu. Erga Ogeessotaafi Koree Qulqullina meeshaaleetiin mirkanaa'ee booda galii kan ta'u ta'ee yoo hintaane immoo mo'ataan baasii mataa isaatiin jijjiiree yeroo kaa'ame keessatti dhiyeessuuf dirqama qaba.
14. Mo'ataan guyyaa caalbaasicha mo'achuun isa beeksifamee kaasee guyyaa hojii 5(shan) walitti aanan keessatti dhiyaatee waliigaltee dhiyeessii mallatteessuu qaba, yoo kun hintaane CPOn caalbaasiif qabsiifame galii tahee seera caalbaasii kan hordofsiisu ta'a.
15. Waajjirri filannoo biraa yoo argate caalbaasicha guutumaan guututti ykn gartokkeen haquuf mirga guutuu qaba.
Ibsa dabalataaf Lakkoofsa Bilbilaa +251113679737/+251910920385/ +251922470009
Mana Murii Ol'aanaa Magaala Shaggaritti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa
Tender details
- Deadline: 2026-10-19
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-10-19 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa'aatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Mana Murtii Ol'aanaa Magaala Shaggaritti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaala Galaan Guddaa
- Bid bond: Qarshii 40,000.00
- Bid document price: Qarshii 300.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 02, 2026)
- Posted at: 2026-10-02T08:12:01.000Z
- Source: Qelal Tenders