Cleaning and Janitorial Equipment and Service

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Akaakoo Mana Abbichuu gosa meeshaalee adda addaa sekteroota aanaaf tajaajilan (meeshaalee dhumataa, meeshaalee barreeffamaa fi meeshaalee qulqullinaa) bara baajata 2019 bittaa marsaa 1ffaa caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barb

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Aanaa Akaakoo Mana Abbichuutti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Akaakoo Mana Abbichuu bittaa marsaa 1ffaa caalbaasii ifaa bara baajata 2019 raawwatuuf qajeelfama dorgomtootaa qophaa'e. Aanaa Akaakoo Mana Abbichuutti Waajjirri Maallaqaa Aanaa gosa meeshaalee adda addaa sekteroota aanaaf tajaajilu meeshaalee dhumataa, meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa dorgomsiisee caalbaasii ifaan bittaa meeshaa raawwatuuf qajeelfama dorgomtootaa qophaa'e.

1. Dorgomtootni caalbaasicha irratti hirmaachuuf eeyyama daldala seera qabeessa, waraqaa galmee ragaa daldalaa, lakkoofsa kaffalaa gibiraa fi galma'aa dabalata qabeenyaa (VAT) ta'uu isaanii kan ibsu ragaa ifatti mul'atu dhiyeeffachuu kan danda'u.

  • Gosa eeyyama daldalaa fi gosa hojii daldala xiqqaa ifatti kan argamu ta'uu qaba.
  • Eeyyama daldalaa bara 2019 haaromee fi caalbaasii bara 2019 irratti hirmaachuu danda'uu.

2. Dorgomtootni waraqaa dhiyeessummaa waajjirri maallaqaa kennu keessatti kan galmaa'anii fi meeshaalee gurguraniif nagahee seera qabeessa maqaa dhaabbatichaan qophaa'ee fi mana maxxansaa Birhaaninnaa salaam kan mirkanaa'e ta'uu qabu.

3. Dorgomtootni gosa meeshaa dorgoman irratti sanada caalbaasii isaanii ifatti adda baasanii barreessuu qabu.

4. Dorgomtootni kamiyyuu erga caalbaasiin banamee booda sanada jijjiiruu, fooyyessuu ykn dhiiseera jechuun hin danda'amu.

5. Manni hojichaa meeshaalee bittaa raawwachuuf caalbaasii baasee irratti moo'ataa ta'ee filatame waliin waliigaltee osoo hin mallatteessiin dura gatii ittiin mo'ate osoo hin jijjiiriin baay'ina dhiyaatuu ajaja kennu irraa dhibbeentaa (%) 20 hir'isuun ykn dabaluu danda'a.

6. Dorgomtootni meeshaalee dhiyeessan hundaa akkaataa ispeesifikeeshinii ykn ispeesifikeeshinii dhiyaatee ol sanada caalbaasii keessatti adda baasee mana hojiichaaf dhiyeessee yoo mirkanaa'ee fi murtoo koree yoo argatee waliigaltee keessa galuun qulqullinaan akka dhiyaatu gochuu, akkasumas qulqullina isaa eeggatee kan hin dhiyaannee fi dogoggorri yoo uumame itti gaafatamummaan kan dhaabbatichaadha.

7. Dorgomtootni gosa meeshaa dorgomanii vaatii (VAT) waliin dhiyeessuu dirqama qabu. Haaluma kanaan gatiin lakkoofsaan barraa'ee fi qubeedhaan barraa'e gidduu garaagartummaan yoo jiraate kan qubeedhaan barreeffame ni fudhatama.

8. Dorgomtootni gosa meeshaa mo'atan dhiyeessuuf mana hojichaa waliin waliigaltee mallatteessuu qabu.

9. Wal-harkaa fudhiinsi meeshaa kan taasifamu mo'ataan haala waliigaltee raawwateen meeshaa hundaa baasii mataa isaatiin Waajjira Maallaqaa Aanaa Akaakoo Mana Abbichuutti kuusaa meeshaa waajjirichaatti dhiyeessuun qulqullinni isaa erga ogeessota ykn koreen mirkanaa'ee fi bakka meeshaalee wabummaan (guaranty) akka itti dhiyaatu gaafatamee irratti ogeessaan ilaalamee mirkanaa'uun meeshaalee hundaa erga xumuree galii godhee booda kaffaltiin kan raawwatu ta'a.

10. Dorgomtootni kabachiisa caalbaasii (CPO) 100,000(kuma dhibba tokko) maqaa waajjirichaan qabsiisuun sanada caalbaasii waliin dhiyeeffachuu qabu.

11. Dorgomtoota caalbaasii mo'ataniif kabaachiisa caalbaasii (CPO) qabame turee akkuma waliigaltee raawwachuun meeshaalee mo'atee ergaa dhiyeessee booda kan deebi'u ta'a.

12. Dorgomtootni haala waliigalteen raawwachuu yoo didan kabaachiisa waliigaltee CPO qabsiisan mana hojii caalbaasichaa dorgomsiiseef galii ta'a; akkasumas akkaataa waliigaltee raawwateen meeshaalee hin dhiyeesineef guyyaa waliigaltee raawwate irraa egalee guyya guyyaan dhibeenta (% 0.2) meeshaalee waliigaltee raawwateef ni kaffala. Haa ta'uu malee adabbiin kun dhibbeentaa % 10 ol yoo caalee manni hojichaa haquuf mirga qaba.

13. Dorgomtootni sanada caalbaasii isaanii poosta inveeloppii cuqqaalameen orijiinaala fi koppii qofa qofaatti dhiyeeffachu qabu.

14. Dorgomaan kamiyyuu adeemsa caalbaasichaa irratti komii qabu barreeffamaa fi qaamaan irratti dhiyeeffachuu qaba.

15. Mo'ataan caalbaasiicha mana hojii waliin waliigaltee ji'a 6f (jahaaf) ni mallatteessa, akkasumas meeshaalee waliigaltee raawwatee irratti sirreeffamni gatii taasifamuuf biirichi ykn ejensiin istaatiiksii biyyooleessaa mirkaneessa gatii dhiyaate bu'uura godhachuun sirreeffamni gatii ni godhama.

16. Gatiin dhiyeessa caalbaasichaa guyyaa caalbaasiin baname irraa eegalee guyyoota 60f (jahaatamaaf) murtaa'ee kan turu ta'a.

17. Dorgomtootni biyya keessaa sanada caalbaasichaa irratti yaada fooyya'iinsa yoo jiraatee guyyaa baniinsa caalbaasicha guyyaa 5(shan) dura beeksisuu qabu.

18. Dorgomtootni kanneen armaan gadii keessaa tokko yoo hin guunne dorgommii keessaa ni haqamu.

19.1. Eeyyama daldalaa fi ragaawwan kan biroo ifa hin taane ykn dubbifamuu hin danda'amne waliin yoo dhiyaate.

19.2. Sanada dhiyeessa gatii keessan irratti maqaa dhaabbatichaa, odeeffannoo guutuu, mallattoo fi chaappaa ifatti yoo hin jiraanneef CPO baankiin hin mirkanoofne yoo dhiyeesse.

19.3. Haqaa fi laaqa, akkasumas sanada caalbaasii ykn ragaa ifaa hintane.

19.4. Dorgomaan tokko gatii kenne irratti hundaa'ee gatii kennuuf yoo yaale.

20. Dorgomaan kamiiyyuu qalamoota orijiinaala (Genuine) fi wabii (guaranty) dhiyeessuu qaba, akkasumas qalamoota guutamni fi irraa deebiyyuun oomishamni yoo dhiyeessee seeraan itti gaafatamuu.

21. Dorgomtootni meeshaalee irratti dorgoman maqaa meeshaa (Brand Name) bakka gaafatametti sirritti addaan baasanii ibsuu qabu.

22. Gatii meeshaalee dhiyaate kan kaffalamuu dhaabbatni mo'ate waliigaltee raawwatee haala waliigaltee raawwateen meeshaalee hundaa dhiyeessee ogeessaan ilaalamee erga mirkanaa'ee booda ta'a.

23. Sanduuqni caalbaasii guyyoota hojii 15 (kudha shan) gaafa guyyaa 28/1/2019 hanga 18/2/2019 qilleensa irra turee gaafa guyyaa 18/02/2019 sa'aatii 4:00tti cufamee gaafa guyyaa 18/02/2019 sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Akaakoo Mana Abbichuutti Kutaa Bittaa, Bul.Qab fi Tajaajila Maraa ykn bakka kutaa haalli mijaa'eetti kan banamu ta'a.

24. Waajjirrichi karaa fooyya'aa yoo argate guutummaa guututti ykn gar-tokkeen bittaa meeshichaa haquuf mirga qaba.

Oddeeffannoo dabalataaf: 09 15 62 54 25 / 09 02 16 55 15 gaafachuu ni dandeessu.

Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti Waajjira Maallaqaa Aanaa Akaakoo Mana Abbichuu


Tender details

  • Deadline: 2026-10-28
  • Bid closing time: 10:00
  • Bid opening: 2026-10-28 10:30
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajirri Maallaqaa Aanaa Akaakoo Mana Abbichuu
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 08, 2026)
  • Posted at: 2026-10-08T12:20:40.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders