Finishig Works

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sirkaa, baajata idilee manni maree Aanaa pirojektiif bara hojii 2019tti Waajjira Barnootaa Aanaa Sirkaatiif ramadeen, ijaarsa Mana Barnoota Bu'uura Boruu Gadoo hojjisiisuu barbaada

Description

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaa (NCB)

Mata Duree/"Bid Title "Piroojeektii Ijaarsa Mana Barnootaa Bu'uura Boruu Gadoo

*Lakkoofsa Addaa Bittaa:- [W/B/A/S/001/CI/BB-19]

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Sirkaa, Baajata Idilee manni maree Aanaa Pirojektiif bara hojii 2019 tti Waajjira Barnootaa Aanaa Sirkaatiif ramadeen caalbasii bittaa ijaarsa Mana Barnoota Bu'uura Boruu Gadoo hojjisiisuuf caalbasii ifaa baasuun Dhaabbilee/Kontiraakteroota sadarkaa BC-5/GC-5 fi Isaa olii qabanii gahuumsa sanadaa caalbasii qophaa'e madaalu qaban Waldorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

Kanaafuu;

1. Bittaa Hojii Ijaarsaa gaafatameef: dhaabbileen ijaarsaa/Kontiraakteroonni Ijaarsaa Waliigalaa fi ljaarsa Gamoo Sadarkaa 5 (Shanii) fi isaa ol (GC-5/ bc-5 & above) Heeyyama Waraqaa Ragaa gahuumsa ogummaa Rogummaa qabu bara baajatichaaf haaromsiifame, Waraqaa raga kaffalaa taaksii dabalataa qabeenyaa (VAT)", Waraqaa raga lakk. Kaffalaa gibiraa (Tin)" "Waraqaa raga dhiyeessummaa bittaa ("e-GP) poortaala Ejansii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa irratti galmaa'ee, Heeyyama daldalaa bara baajatichaa haaroomfame kan qabanii fi dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu. Akkasumas ragaa walittibu'iinsa faayidaa hin malle irraa bilisa ta'uu dhiyeefachuu qaban.

2. Dorgomtoonni xalayaa gibira (ashuura) bara 2018 kaffalanii xumuuruu isaanii Ibsuu fi caalbaasii irratti hirmaachu isaan dandeesisu Waajjira Galiiwwan sadarkaan jiru (qaama gibira sassaabu) irraa dhiyeeffachuu qabu.

3. Dorgomttoonni fedhii bittaa kana irratti hirmaachuu qaban: Sanada Caalbaasiif qophaa'e qarshii hin deebine 3000/kuma sadii qofa/Maqaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Sirkaa Baankii Siinqee Lakk. Herreegaa 1072948081217 galii gochuun, Sa'aa hojii Mootummaa Waajjira Maallaqaa Aanaa Sirkaa Garce Bittaa fi Bulchiinsa qabeenyaa kutaa Lakk. Torba (7) bitachuu/argachuuni danda'u.

4. Sanada Caalbaasiif qophaa'e gurguruun kan eegalamu:guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irra oolee irraa cegalee guyyoota hojii Mootummaa diigdamaaf (20) kan gurguramu yoo ta'u,sanadni yaada dorgommii Caalbaasii (SYDC) hanga guyyaa diigdamii tokkoffaa (21) sa'aatii 4:30'Local Time"qofa Saanduqa caalbaasichaaf qophaa'e keessatti galchuun, guyyama kana sa'an 5:30"Local Time"irratti dorgomtoonni ykn. Bakka bu'oonni seeraa fi Miseensonni koreen Teeknikaa bittaa ljaarsaa fi Tajaajila gorsaa Aanaa sirkaa bakka argamanitti kutaa itti gaafatamaa Waajjira Maallaqa lakk. Tokko(1)Kan banamu ta'a. Hubachiisa:argamuu dhabuun dorgomtootaa Sirna baniinsa Caalbaasii kan hin gufachiifne yoo ta'u, Guyyaan diigdamii Tokkoffaa (21ffaa) guyyaa hojii mootummaan ala, sanbataa fi dilbata ykn Ayyaana Ummataa/ "Pubilc Holiday" yoo ta'e Caalbaasiin kan banamu guyyaa hojii Mootummaa itti aanu bakkaa fi Sa'aatii ibsametti ta'a.

5. Dorgomaan kamiyyuu ragaa Wabummaa kabachiisa caalbaasii Baankii beekkamaa ta'e irraa mirkanaa'e bifa "CPO"ykn maallaqa Callaatiin Qarshii kuma dhibba shanii (500,000.00) Maqaa sirrii abbaa pirojektiitiin qopheessuun hapheessee syd Teeknikalaa Haadhoo waliin dhiyyeeffachuu Dirqama qaba. Poostaan kamuu Magaa Abbaa piroojektii, Maqaa pirojektii fi lakkoofsa addaa bittaa fi qabiyyee isaa ifatti barresssuu qaba Dorgomaan bifa gaafatameen dhiheessuu dhabuun caalbaasii ala nama taasisa.

6. Dorgomtoonni Ragaan teekinikaalaa Haadhoo (Orijinaala lamaan qophaa'e poostaan kophaa kophaatti erga qophaa'een booda postaa haadhoon bakka tokkotti postaa hunda irratti Maqaa fi Mallattoo bakka bu'aa dhaabbatichaa, Maqaa dhaabbatichaa. Teessoo dhaabbataa fi chaappaa dhaabbatichaatiin mirkana'ee saamsamee bifa ifa ta'een Haadhoo (oriijinaala) irratti "Haadhoo (orijinala) kan jedhuu fi waraabbii irratti Waraabbii Iffaa fi 2ffaa" kan jedhu Kompiteraan /qalama gadi hin dhiisnee fi haqamuu hin dandeenyeen/ irratti barreessuun dhiyeeffachuu danda'uu qabu. Akkasumas Dorgomtoonni Maqaa Abbaa piroojeektii, Teessoo Abbaa piroojeektii fi Maqaa sirrii piroojeektii irratti dorgomanii sirnaan irratti barreessuun dhiyeessuu danda'uu qabu.

7. Dorgomtoonni Ragaan faayinaanshiyaalaa Haadhoo (Orijinaala tokkoo fii waraabbii/kooppii lamaan qophaa'ee poostaan qophaa qophatti erga qophaa'ee hapheeffameen booda poostaa haadhoon bakka tokkotti poostaa hundairratti Maqaa fi Mallattoo bakka bu'aa dhaabbattichaa Maqaa dhaabbattichaa, Teessoo dhaabbattichaa fi Chaappaa dhaabbattichaatiin rukutamee hapheeffamee bifa ifa ta'een Haadhoo/Orjinaala irratti Orjinaala kan jedhuu fi Waraabbii/ Koppii irratti Iffaa fi 2ffaa kan jedhu kompiteraan (qalama gadi hin dhiisnee fi haqamuu hin dandeenyeen) irratti barreeffamee dhiyaachuu qaba Akkasumaas dorgomtoonni Maqaa Abbaa piroojeektii, Teessoo Abbaa Piroojeektii fi Maqaa sirrii Piroojeektii irratti dorgomuu sirnaan barreessuu qaba.

8. Dorgomtoonni gamaaggama madaallii teekinikaalaa qabxii waliigalaa dhibbeentaa 100 keessaa dhibbeentaa 70 fi isaa ol argatan gara gamaaggama dorgommii faaynaanshaalaa/gatii kan darbuun Dorgomaan Gatii xiqqaa fi yeroo madaale dhiheesse mo'ataa ta'uun kan filatamu ta'a.

9. Tokko tokkoo fuula Sanada yaada dorgommii Caalbaasii/SYDC/ mallattoo bakka bu'aa dhaabbattichaa fi chaappaa dhaabbatichaa hin qabne fudhatama hin qabu.

10. Dorgomtoonni caalbaasicha erga banamee booda, yaada dorgommii dhiyeessan irratti fooyya'iinsa sanada caalbaasii dhiyeessuu fi caalbaasiin ala of gochuu hin qaban.

11. Dorgomtoonni Poostaawwan Sanada yaada dorgommii Caalbaasii dhiyeessan kamiiyyuu irratti akeekkachiisa barreessuu qaban.

12. Saanduqni Caalbaasii erga cufameen booda, Sanadni yaada dorgommii Caalbaasii dorgomtootaan dhihaatu/"Late bidders" fudhatama hin qabu.

13. Waajjirichi karaa fooyya'aa biroo yoo argate Caalbaasii kana gar-tokkeenis ta'ee guutumaan guutuu haquuf mirga ni qaba.

Odeeffannoo dabalataaf; lakk.Bilbilaa:-

Waajjira Maallaqaa Aanaa Sirkaa: 09 10 77 78 68

Gobeessa

Gorsaa Waajjira Barnootaa Godina Arsii: 09 10 76 07 71

Asallaa

Godina Arsiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Sirkaa


Tender details

  • Deadline: 2026-10-30
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): Caalbaasiin kun qilleensa irra oolee irraa eegalee guyyoota hojii 20f turee, guyyaa 21ffaa irratti sa'aatii 4:30tti
  • Bid opening: 2026-10-30 11:30
  • Bid opening (note): Caalbaasiin kun qilleensa irra oolee irraa eegalee guyyoota hojii 20f turee, guyyaa 21ffaa irratti sa'aatii 5:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Arsiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Sirkaa
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 3,000.00
  • Published on: Addis Zemen (Oct 07, 2026)
  • Posted at: 2026-10-08T13:12:21.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders