Textile, Garment and Leather

Qajeelfama Dorgomtoota (instruction to bidders) Bittaa Meeshaalee Adda Addaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Ku/Ma/La/Xa/La/D/ Waajjirri Maallaqaa Aanaa Eekkaa Meeshaalee, uffata Dambii, Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshalee Ele

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee 1ffaa

Qajeelfama Dorgomtoota (instruction to bidders) Bittaa Meeshaalee Adda Addaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Ku/Ma/La/Xa/La/D/ Waajjirri Maallaqaa Aanaa Eekkaa Meeshaalee, uffata Dambii, Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Dhaabbii, Meeshalee Elektirooniksii fi Gommaawwan konkolaataa sekteroota mootummaa Aanicha jalatti argaman hundaaf dorgomsiisee caalbaasiin bituu barbaada.

1. Dorgomtootni Caalbaasii kana irratti hirmaachuuf Hayyama Daldalaa haarome, hayyama Daldalaa haarawa bahe Kan Qabu, Galmaa'aa Vaatii (VAT) kan ta'ee TIN kan qabuu, Gibiraa Baraa kanaa kan kaffalanii fi ragaa itti kaffalan dhiyeefachuu kan danda'an ta'uu qabu.

2. Dorgomtootni wantoota ifaa hin taanen Caalbaasicha dogongoorsu ykn jeequuf Yaaluun Guutumaan guututi dorgommiidhaan ala nama taasisa.

3. Caalbaasichi erga banamee booda yaada dorgommiif dhiyaatee, jijjiruu, foyyessuu ykn Caalbasii kessaa of basuun hin danda'amu.

4. Daldalaan Caalbasii mo'atee Wajjiraa Mallaaqaa A/Eekkaa Walliin waligaltee ni seena.

5. Beeksiisni caal-baasii guyyaa beeksifni kun bahe gaazexaa Addis Zaman irratti bahe irraa eegalee guyoota hojii 15 kan turu ta'ee gaafa guyyaa 16ffaa sa'atii 8:00 bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan isaanii argamanitti W/Maallaqaa A/Eekkaatti kan banamu ta'a.

6. Baay'ina Meeshicha ajajamu irraa % 20 dabaluu/ hiri'suuf Waajjirichi mirga guutuu qaba.

7. Dorgomaan Sanada Dookimantii Caalbaasii Orjinaala 1 fi koppii 1 qophaa qophaatti Samiidhaan Saamsuun poostaadhaan dhiyeessu qaba. Poostaa irratti Chaappaa, Mallattoo, bilbilla, Maqaa Daldalaa/ Waldaa/Dhaabbataa, katabuu Qaba.

8. Sanada Caalbaasii irratti foyya'insa/ibsa yoo barbachisee gafachuu ni danda'ama.

9. Daldaltoonni meeshaalee tokkon tokkoon irratti dorgomaanif VAT %15 dabalachu fi dabalachu bachuu isaa ibsu qabu. Kan hin ibsine yoo ta'uu akka VAT15% dabalatetti qabama.

10. Daldalaan/Waldaan moo'ate Haala tarreefama Meeshaa mo'ateen dhiyessuu qaba.

11. Daldalaan/Waldaan meeshaa moo'ate Geejiba mata isaattin hanga Mana meeshaa W/Maallaqaa Aanaa Eekkaatti galchuu Qaba.

12. Daldaltonni hundii kabachiisa Caalbaasii Qr.60,000 (kuma Jaatama) CPO dhaan dhiyeesu qabu.

13. Qaamni Caalbasii Moo'ate Waliigaltee seenuuf Kabachisaa Walii galteef Baayina Meeshichaa %10 (kudhan) Maallaqaa Callaa ykn CPO dhaan dhiyeesu qabu.

14. Caalbasichaan Kan mo'atamaniis Mo'atamuun isaanii ergaa adda bahee booda kabachiisa Caalbaasiif Kan dhiyeesan ni debi'aaf.

15. Qaamni komii Qabuu ykn dhiyeessuu barbaadu seeraan Waajjirichaaf Guyyaa bu'aan caalbasii beekame guyyoota hojii 5 (Shan) keessatti dhiyeefachuu danda'a.

16. Caalbaasichi Kun guyyaa Banamee irraa kaasee ji'oota sadiif Raga'ee Kan turu ta'a.

17. Waajjirichi filannoo biraa yoo argatee Caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gartokkeedhaan haquuf mirga guutuu qaba.

18. Sanada Caalbaasicha Qarshii hin deebine 1000/kuma tokko/ sanadaa tokkoo tokkoosaatiif W/ Maallaqaa A/Eekkaatti Kaffaluun bitachuu ni danda'u.

19. Dorgomaan kamiyyuu Ragalee dhiyeeffatuu haqaa fi laaqama qabaachuu hin qabu.

Tessoon keenya:- Magaalaa Shaggar Kutaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Aanaa Eekkaa KM 5 Gara kessaatti senamee. 

Hubannoo fi Odeefannoo Dabalataaf:-

  • Obbo Mulugetaa Kontaa Lakk. Bilbilaa- 0917 415 383
  • Aadde Walalaa Tashoomaa Lakk.bilbilaa- 0933 722 842

Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Ku/Ma/La/Xa/La/Daadhiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Eekkaa


Tender details

  • Deadline: 2026-10-28
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid closing (note): Beeksiisni kun guyyaa gazexaa Addis Zaman irratti bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15f turu ta'a" jechuun dhiyaata
  • Bid opening: 2026-10-29 14:00
  • Bid opening (note): Beeksiisni kun guyyaa gaazexaa Addis Zaman irratti bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15f turee, guyyaa 16ffaa sa'aatii 8:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Eekkaa
  • Bid bond: Qarshii 60,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1,000.00 sanada tokkoo
  • Published on: Addis Zemen (Oct 11, 2026)
  • Posted at: 2026-10-12T10:39:29.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders