Equipment and Accessories
Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addellee bara baajataa 2019 tti meeshaa dhaabbataa (6313) fi meeshaalee dhumataa adda addaa (6212, 6215, 6218, 6219, 6314) fi kanneen biiroo keessaa waldorgomsiisee bitachuu barbaada
Equipment and AccessoriesElectrical, Electromechanical and ElectronicsComputer and Accessories
Oromia
More tags
IT and TelecomOffice Machines and AccessoriesOffice Supplies and ServicesStationeryTextile, Garment and LeatherShoes and Other Leather ProductsTextile, Garments and UniformsHouse FurnitureFurniture and FurnishingOffice FurnitureCleaning and Janitorial Equipment and ServiceEnglish2merkatoMana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addellee
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa
Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addellee bara baajataa 2019 tti meeshaa dhaabbataa (6313) fi meeshaalee dhumataa adda addaa (6212, 6215, 6218, 6219, 6314) fi kanneen biiroo keessaa waldorgomsiisee bitachuu barbaada.
Kanaafuu, dorgomtoonni ulaagaalee armaan gadii kan guuttan akka dorgomtan affeerramtanii jirtu. Ulaagaalee barbaachisan:
- Hayyama daldalaa seera qabeessa kan haaromseefi wal fakkaataa kan qabu.
- Gibira bara 2018 kan kaffalee hayyama bara 2019 kan haaromse.
- Lakk. TIN kan galmaa'eefi Ashaaraa kan kenneefi waraqaa ragaa kan dhiyeeffa- chuu danda'u.
- Ragaa VAT dhiyeessuu kan danda'u.
- CPO qarshii 5000 kan qabsiisuu danda'uu fi yeroo jedhame keessatti meeshaa dhiyeessuu kan danda'u.
- Gatii humnaa fi %3 With holding tax kaffaluu kan danda'u.
- Kanaan dura meeshaa dhiyeessuun beekamtummaa kan qabuufi waraqaa raga kan qabu yoo tahee filatatamaa waan taheef dhiyeeffachuun ni danda'ama.
- Dorgomtoonni beeksisni caalbaasii kun gaaxezaa irratti ibsamee irraa eegalee guyyaa 15(kudha shan) keessatti sanada caalbaasii Qarshii 100 kan hin deebineen M/Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addelleetii bitachuu ni danda'u.
- Wal-dorgomtoonni sanada caalbaasii orijinaalaa fi kooppii Invelop Saamsaman dhiyeeffachuu qabu.
- Caalbaasii kan moo'ate hanga M/Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addelleetti Meeshaa dhiyeessuu kan danda'u.
- Sanada irratti teessoo, maqaafi lakk. bilbilaa dorgomaa barreeffamuu qaba.
- Caalbaasiin kun kan qilleensarra turu guyyaa gaazexaa kanarratti maxxanfamee kaasee guyyoota 15 (kudha shan) qofaafidha.
- Caalbaasiin kun kan banamu 21/02/2019 sa'aatii 8:00.
- Saanduqni caalbaasii erga cufamee sanadni dhufu kamiyyuu fudhatama hin qabu.
- Manni Murtii caalbaasii kana filannoo biraa yoo argatee gar-tokkee ykn guutummaa guutuutti haquuf mirga qaba.
- Manni murtii dhiyeesse keessaa 20% dabaluu ykn hir'isuuf mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataatiif M/Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addelleetti Kutaa Bulchiinsaa fi Faayinaansiitti dhiyaachuu dandeessu ykn Lakk. Bilb. 025-6-595955/0928637708 irratti bilbiluu dandeessu.
Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti Mana
Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addellee
Tender details
- Deadline: 2026-10-29
- Bid closing time: 17:00
- Bid closing (note): guyyoota 15 (kudha shan) qofaafidha.
- Bid opening: 2026-10-31 14:00
- Bid opening (note): 21/02/2019 sa'aatii 8:00.
- Region: Oromia
- Publishing entity: Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Maayaatti Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Addellee
- Bid bond: Qarshii 5,000.00
- Bid document price: Qarshii 100.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 15, 2026)
- Posted at: 2026-10-15T08:21:35.000Z
- Source: Qelal Tenders