Equipment and Accessories
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gindabarat bara baajataa 2019'f Waajjira bulchinsa Aanaa Gindabaratiif Meeshaalee Elektirooniksii Garagaraa hojii Instaaleshiinii fi tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo projeektii (ME-SOB) caalbaasii ifaan waldo
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Marsaa 1ffaa Lakk. 001/2019
Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gindabarat bara baajataa 2019'f Waajjira bulchinsa Aanaa Gindabaratiif Meeshaalee Elektirooniksii Garagaraa hojii Instaaleshiinii fi tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo projeektii (ME-SOB) caalbaasii ifaan waldorgomsiisee bituu fi hojj- echiisuu barbaada.
Ulaagaa dorgommii kanaaf barbaachisu
1. Dorgomtoonni dame kanaan eyyama seeraa elek- tro mechanical kan qaban, ragaa muuxannoo ijaarsa ME-SOB irratti dhiyeeffachuu kan danda'uu fi gibira mootummaa Bara 2018 kan kanfalee fi eyyama hojii bara 2019 kan haaromfate ta'uu ragaa dhiyeeffachuu qaba.
2. Dhaabbanii ykn namoonni caalbaasii kana irratti dor- gomuuf dhiyaatan kabachiisa caalbaasii gatii waliga- laa kenne irratti kan shallagamu Qar. 500,000.00 CPO dhaan dhiyeeffachuu qaba.
3. Dorgomtoonni ykn dhaabbanni ulaagaale armaan olitti caqasaman guutuu danda'an guyyaa beeksini Kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15'f maallaqa hin deebine qarshii 500 (dhibba shan) waajjira A/T/Galiwwan Aanaa Gindabaratitti galii go- chuun naga'ee fudhattani sanada caalbaasichaa dhim- ma kanaaf qophaa'e waajjira maallaqaa Aanaa Gind- abaratitti sa'aatii hojiitti fudhachuu ni dandeessu.
4. Dorgomaan Sanada Oriijinaalaa faayinsii fi teekinikaa koppii kophaatti tokkoon tokkoon fuula isaanii irratti chaappaa fi mallattoon mirkaneessuun bakka tokkot- ti postaa guddaa keessa galchuun samsee akkasumas koppii faayinansii fi teekinikaa kophaa kophaatti tokkoon tokkoon fuula isaanii irratti chaappaa fi mal- lattoon mirkaneessuun bakka tokkotti postaa guddaa keessa galchuun deebisuu qaba.
5. Saandugni caalbaasii gaafa guyyaa 16ffaa sa'a duraa sa'aatir 4:00 tti cuqqallamee guyyuma sana sa'aatii 4:30 irratti bakka dorgomtoonni argamanitti kan saaqamu ta'ce, guyyaa kana dorgomaan yoo dhiyaa- chuu baate komii tokko illee keessummeessuu kan hin dandeenye ta'uu fi saanduqa saaquu hin dhorku. Guyyaan 16ffaan guyyaa ayyaanaa yoo ta'e guyyaa hoji itti aanuti kan darbu ta'uu ni beeksisa.
6.Meeshaaleen Kan itti dhiyyaatu Godina shawaa Lix- aa Aanaa Gindabarat Magaalaa Kaachisii yoo ta'u. Fageenya Magaalaa Finfinneerraa Aspaaltii KM.128, Piistaa Km.55 walitti Km. 183 ta'a,
7.Waajjirichi mala biroo fooyya'aa yoo argate caalbaa- sicha gar-tokkeen ykn guutummaan haquuf mirga guutuu qaba. Odeeffannoo Dabalataa- Lakk Bilbila 0913141087 ykn 20965975
Waajjirrii Maallaqaa Aanaa Gindabarat
Tender details
- Deadline: 2026-11-03
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:00tti
- Bid opening: 2026-11-03 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa 16ffaa sa,aatti 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Aanaa Abuunaa Gindabarat.
- Bid bond: Qarshii 500,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 15, 2026)
- Posted at: 2026-10-16T07:38:28.000Z