Textile, Garments and Uniforms
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Waddeessaa bara baajata 2019 keessatti Seektaroota Aanaa Waddessaa jala jiraniif:- Uffata Seeraa Hojjettootaa Mootummaa, Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa
More tags
Description
Beeksisa Caal-baasii Ifaa Lakk. 01/2019
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Waddeessaa bara baajata 2019 keessatti Seektaroota Aanaa Waddessaa jala jiraniif:- Uffata Seeraa Hojjettootaa Mootummaa, Meeshaalee Barreeffamaa, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektrooniksii fi Meeshaalee Farnicharaa Daldaltoota Hayyama Seera qabeessa qaban wal-dorgomsiisee Caal-baasii ifaatiin bituu barbaada. Haaluma kanaan daldaltootni/ dhaabbileen daldalaa ulaagaa armaan gadii guuttan caalbaasii kana irratti akka hirmaattan affeeramtanii jirtu.
- Hayyama daldalaa seera qabeessa kan qaban fi gibira bara 2018 kan kaffalan xalayaa caal-baasii irratti hirmaachuu danda'an (Tax Clearance) Waajjira Galiiwwan Aanaa Waddessaa irraa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qabu.
- Galmaa'ota Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT), Galmee Kaffalaa Gibiraa(TIN Number) Waraqaa Galmee ragaa daldalaa kan qabaniif ragaa kan dhiyeeffachuu danda'an.
- Galmee dhiyeessitootaa keessatti kan galmaa'anii ragaa dhiyeeffachuu kan danda'an fi bittaa isaa 10,000 (Qarshii kuma kudhan) oli ta'eef 3% (with holding) kaffaluuf fedhii kan qabu.
- Waajjirichi akka barbaachisummaa isaatti meeshaalee bitu baay'ina hanga 20% dabalee ykn hir'isee kan bitu ta'uu isaa beekee kan dorgomu.
- Dorgomtootni sanadaa caal-baasicha waajjira Galiiwwaan Aanaa Waddeessaa Qarshii hin deebinee 500.00 (dhibba shan qofa) kaffaluun sanada caal-baasii Waajjira Mallaqaa Aanaa Waddeessaa irraa fudhachuu dandeessu.
- Beeksifni kun guyyaa ba'ee irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) keessatti sa'aa hojii mootummaatti 2:30-6:30tti akkasumaas sa'aa booda 7:30-11:30 ta'ee gaafa guyyaa hojii 15ffaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Waddeessaa sanadaa caal-baasii dhiyeessa Faayinaansii fi Teekinikaa poostaa keessatti saamsuun orijinala fi kooppii isaa poostaa gara garaa keessatti saamsuun ammaas poostaa guddaa keessatti saamsuun saanduqaa caal-baasii mana hojii keenyaan qophaa'e keessa galchuu qabdu.
- Saanduuqni caalbaasichaa guyyoota hojii 15 (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafumaa guyyaa kana sa'aa 4:00 irratti cufamee guyyuma kana 4:30 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni sirna baniinsa caal-baasicha irratti hirmaatanii xalayaa bakka bu'iinsa seera qabessa ta'ee qabatanii argamanitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Waddeessaatti banama.
- Dorgomtootni Kabachiisa Wabummaa caalbaasicha Qar. 100,000 (Kuma dhibba tokko) sanada caalbaasii keessan waliin CPO baankiin mirkanaa'ee maqaa waajjirichaan qabsisuu qaba; akkasumas dorgomaan mo'ate gosa meeshaa moo'ate irratti mana hojichaa waliin waliigaltee kan mallatteessuu fi meeshaa mo'ate irratti ida'ama waliigalaa keessa dhibbantaa (%10) CPO qabsiisuu dirqama qaba.
- Daldaltoota (Bittaa sirna elektirooniksii) EGP galmaa'an ni jajjabeessina.
- Dorgomtootni caal-baasicha mo'atan hundi gosa meeshaa waliigaltee raawwatan hundaa baasii mataa isaaniin Waajjira Maallaqaa Aanaa Waddeessaatti dhiyeessuun galii gochuu qabu.
- Ragaan dhiyaatu kamuu haqaaf laaqama yoo qabaate fudhatama hin qabu.
- Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate caalbaasicha guutummaan guututti ykn gar-tokkeen haquuf mirga qaba.
Odeeffannoo dabalataaf: Lakk-bil. 09-13-49-80-17/ 09-30-49-15-70
Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa
Kooyyee Facceetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Waddeessaa
Tender details
- Deadline: 2026-11-02
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): guyyoota hojii 15 (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafumaa guyyaa kana sa'aa 4:00 irratti
- Bid opening: 2026-11-02 10:30
- Bid opening (note): guyyoota hojii 15 (kudha shan) banaa ta'ee turuun gaafumaa guyyaa kana sa'aa 4:30 irratti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Waddeessaa
- Bid bond: Qarshii 100,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 16, 2026)
- Posted at: 2026-10-16T07:42:16.000Z