Others
Oromiyaa Lixaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaqa Aanaa Jimmaa Arjoo Daandii Baadiyyaa Aanicha keessatti argamu hojjechiisuuf Kiraa Maashinaa Doozera, Gireedera, Loader, Roller fi Sino Truck, shower Truck Baajeta Kaappitaala Aanaa fi Fandii Daandiin hojii
Description
Beeksisa Caal-baasii Ifaa Marsaa 1ffaa
Oromiyaa Lixaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaqa Aanaa Jimmaa Arjoo Daandii Baadiyyaa Aanicha keessatti argamu hojjechiisuuf Kiraa Maashinaa Doozera, Gireedera, Loader, Roller fi Sino Truck, shower Truck Baajeta Kaappitaala Aanaa fi Fandii Daandiin hojii Suphaaa daandii hojjechiisuu barbaada. Kanaafuu namootni Heyyama Kireessa Maashinaa qabaattanii Ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgoomtaan affeeramtaniittu
Ulaagaalee Barbaachisoo:-
- Heyyama Daldalaa Kiraa Maashinaa bara 2019tti haara'e kan qabu.
- Galmaa'aa VAT fi TIN kan ta'e.
- Gibira Bara 2018 kaffaluu isaatiif Waraqaa ragaa Waajjira Galiiwwanii irraa kan dhiyeeffatu.
- Dorgomaan maqaa oomishaa,biyyaa itti oomishamee,lakkofsaa moodela isaa, bara itti oomishamee barreeffama Ifaa ta'een barreessee ibsuun kan dhiyyeeessu ta'uu qaba.
- Tarreeffama dhiyyeessitoota keessatti kan galmaa'e.
- Hojii Suphaa Daandiif kiraa Maashinoota barbaadamu.
- Doozera CAT Pillar Moodalli isaa D8R (Koomastoo D155A) kan ta'ee, barri oomisha 2019 G.C fi isaa as kan ta'e.
- Gireedara Moodelli isaa 140H/K/G kan ta'ee Humni Fardaa Isaa 185 Ol kan ta'e, barri Oomisha 2021G.C fi isaa as kan ta'e.
- Wheel Loader. Moodellii isaa 128Hp barri oomisha I saa 2021 G.C fi isaa as kan ta'e.
- Sinoo Tiraak. Moodelli isaa 325Hp ol kan ta'e, Humni Fardaa isaa 336 fi isaa ol kan ta'e, barri oomisha isaa 2023 G.C as kan ta'e,Kanfaltiin isaa akkataa Fageen-yaa Baajoon(0-5km,5-10km.10-15km fi 15-20km) kan kanfalamu ta'ee Ispeesi-
- fikeeshinii irratti dorgomaan gatii kan guuuttatu ta'a.
- Ruulloo Mooddelli isaa Bw 14AD fi isaa as kan ta'e Humni Fardaa Isaa 160 fi isaa ol kan ta'e. barri oomisha 2021G.C fi isaa as kan ta'e.
- Shower Tiraakii. Moodelli isaa 350Hp ol kan ta'e, Humni Fardaa isaa 340 Fi Isaa ol kan ta'e, dandeettii taankeerii liitiraan (15,000L hanga 20,000L) ol, barri oomisha isaa 2023 G.C fi isaa as kan ta'e,Kanfaltiin isaa akkataa Fageenyaa Baajoon (0-5km,5-10km.10-15km Fi 15-20km) kan kanfalamu ta'ee Ispeesifikeeshinii irratti dorgomaan gatii kan guuuttatu ta'a.
- Ragaa Abbaa Qabeenyummaa Libiree kan dhiyeeffatuu fi Maashinichi yoo miidhame yeroo gabaabaa keessatti baasii ofii isaan guyyaa 10 (Kudhan) keessatti hojjechiisuu ykn Maashina Wal-Fakkataan bakka buusuu kan danda'u.
- Teessoon kireessaa ragaan kan mirkanaa'e Aanaa Ganda, Lakk.Manaa Fi Bilbilaa dhiyeeffachuu qaba.
- Dorgomtoonni Kamiyyuu Muuxannoo Hojii Kanaaf Barbaachisu Waraqaa Ragaa qaama ilaallatu Irraa A.L.I Bara 2016 fi isaa as dhiyeeffachuu qaba (heyyemahaaraa hin ilaallatu).
- Dorgomaan dhimmoota akka nyaataa fi dhugaatii,bakka ciisichaa,waardiyaa maashinaa bakka hojiitti eegu, bobo'aa fi kanneen biroo dorgomaan ofii isaa kan guuttatu ta'a.
- Gatii fe'isaa Maashinootaa dhaqaa fi galaa dorgomaan ofiin kan feesifatu ta'a.
- Kabachiisa caal-baasiif qarshii 200,000.00/Kuma dhibba lama / kan qabsiisu ta'ee, kabachiifni caal-baasii mo'ataan erga adda bahee guyyaa 5 (shan) booda kan deebi'u ta'ee garuu,dorgomaan naamusa mana hojichaa yoo kabajuu baate kabachiifni caal-baasii isaa gaaffii tokko malee kan dhaalamu ta'a. Akkasumas mo'ataan mo'achuu isaa beekee maashinicha yeroo itti waliigalametti yoo dhiy- eessuu baate kabachiifni caal-baasii fi kabachiisni waliigaltee isaa kan dhaalamu ta'a.
- Kabachiisni waliigaltee qarshii waliigalaa sa'atii kenname keessaa 10% kan qab- siisu ta'ee kabachiifni waliigaltee hojjichi itti waliigalame erga dhumee mirkanaa'ee wal harkaa fuudhiinsi erga geggeeffamee booda kan deebi'u ta'a.
- Dorgomaan caal-baasii maashinicha mo'ate qaamaan dhiyaatee waliigaltee mallatteessuu qaba.
- Dorgomaan sanada caal-baasii hojichaaf barbachisu qarshii. 1,000.00 (kuma tokko) kaffalee Waajjira Galiiwwanii Aanaa Jimmaa Arjoo irraa bitachuu ni danda'a.
- Sanadi caal-baasichaaf dhiyaatu kamiyyuu haqamaa fi laaqama ykn koppii isaa kan hin dubbifamne yoo ta'e caal-baasicha irraa kufaa ta'a.
- Dorgomaan sanada caal-baasichaa poostaa shaniin (5)n dhiyeessuu qaba.
- Geejjiba maashina kammiyuu yeroo bakka hojii tokko (site project finished) xumuree gara bakka hojii biroottii (other site project) darbuuf kallattiin Waajjira irraa kennamuu maashina bakka barbadameetti geejjibsisuuf dorgomaan baasii ofiin kan geejjibsisuu ta'a.
- Poostaa teekinikaa fi Poostaa faayinaansii orjinalaa fi koppiin qofa qofaatti poostaa kaakiin gagaan samsamee chaappaan itti godhamee, hundi isaa (Poostan Teekinikaa, Poostaan CPO fi Poostaan Faayinaansii) immoo poostaa guddaan bakkaa tokkotti gagaan saamsuun irratti mallatteesuun chaappaa itti gochuun Adeemsa Bittaa fi Bul/Dhab/Qabeenyaatti galmee- sisuun saanduqa caal-baasii keessa galchu qaba.
- Caal-baasichi i guyyaa 21f qilleensa irraa kan turu ta'ee gaafa guyyaa 09/03/2019 tti sa'aatii 4:00 tti saanduqni kan cufamu ta'ee, guyyuma sana bakka dorgomaan/bakka bu'an seeraa jirutti Waajjira Maallaqaa Kutaa Itti Gaafatamaatti sa'aatii 8:00 tti kan banamu ta'ee dorgomaan sanada galchee baniinsa isaa irraa yoo hafe caal-baasicha banuuf kan hin gufachiifne ta'uu isin beeksifna.
- Waajjirichi gatii fooyaa'aa ykn filannoo biraa yoo argate caal-baasicha guutum- manis ta'ee gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.
- Poostaan hunduu teessoo, bilbila dorgomaa qabaachuu qaba.
Odeeffannoo Dabalataaf
09 13 71 54 81/ 09 17 53 69 19
09 27 50 07 00/ 09 17 44 23 50
Oromiyaa Lixaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaga Aanaa Jimmaa Arjoo
Tender details
- Deadline: 2026-11-18
- Bid closing time: 10:00
- Bid opening: 2026-11-18 14:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Oromiyaa Lixaatti Waajjirri Karooraa fi Maallaga Aanaa Jimmaa Arioo
- Bid bond: Qarshii 200,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Addis Zemen (Oct 20, 2026)
- Posted at: 2026-10-20T14:01:59.000Z
- Source: Qelal Tenders