Stationery
Beeksiisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee Adda Addaa (Meeshaalee Barreeffamaa, Uffata Dambii, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii fi Meeshaalee Dhaabbii Biiroo/Farniicharii) – Mana Murtii Ol'aanaa Godinaa Giddu Gala Oromiyaatti / Mana Murtii A
More tags
Description
Beeksiisa Caalbaasii
Mana Murtii Ol'aanaa Godinaa Giddu Gala Oromiyaatti Manni Murtii Aanaa Muloo Bittaa meeshaa adda addaa Waajjiraaf bar- baachiisu Bara Baajataa 2019 Bittaa Meeshaalee Barreeffamaa, Uffata Dambii Hojjattoota dhaabbii, Meeshaalee Qulqullinaa, Meeshaalee Elektirooniksii fi Meeshaalee Dhaabbii Biiroo kees- saa fi Farniicharii Caalbaasii Ifaan Wal-dorgomsiisee Bituu bar- baada. Kanaafuu Dorgomtoonni Ulaagaa barbaachiisu armaan gadii qabdaani hirmaachuu barbaadan dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee dorgommichaaf barbaachisu
1. Dorgomtoonni kallattii hojii isaaniitiin heeyyama daldalaa isaatiin seera qabeessa ta'e,gibira Hojii bara kan ittiin kaffalan facaatii /list/kenna Tajaajila keessaa ragaa sanadoota ittiin galmaa'anii fi tarreeffa- ma dhiyeessitootaa keessatti ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu isaanii footoo koppii isaa sanada caal- baasii waliin qabsiisanii dhiyeessuu qabu.
2. Dorgomtoonni dhiyaatan galmaa'aa taaksii dabalataa /vat/galmaa'uu isaaniitiif raga dhiyeeffachuu kan dan- da'an ta'uu qaba.
3. Dorgomtoonni sanada Caalbaasii guyyaa beeksif- ni kun bahee irraa eegalee yeroo Hojii Mootummaa Wixxataa hangaa Jimaataatti ganaama sa'aatii du- raa 2:30-6:30tti, waaree booda 7:30 --- 11:00 Mana Murtii Aanaa muloo irraa guyyaa hojii 15 keesatti sanadicha bitachuu ni dandeesu.
4. Dorgomtoonni kamiyyuu kabachiisa caalbaasiif kan oolu Mana Murtii aanaa Muloo cheekii (cpo) baanki- in mirkanaa'e sanada orjiinaala caalbaasichaa waliin qabsiisee dhiyeessuu qaba.
5. Dorgomtoonni sanada caalbaasii meeshaalee bar- reeffamaa,uffata danbii, meeshaalee qulqullinaa .meeshaalee Elektiroonicksii fi meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa poostaa saamsameen orjiinaalaa fi koppii waliin guyyaa hojii 15 hanga saa'atii 11;00tti Mana Murtii Aanaa mulootti saanduqa caalbaasii ka- naaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
6. Caalbaasii meeshaalee barreeffamaa,uffata danbii, meeshaalee qulqullinaa,meeshaalee Elektiroonicksii fi meeshaalee dhaabbii biiroo keessaa caalbaasi- chi guyyaa ba'e irraa guyyaa hojii kudha shan (15) qilleensarra oolee gaafa guyyaa hojii itti aanu sa'aatii 4:00irratti dorgomtoonni yookiin bakka bu'oonni isaanii akkasumas taajjabdoonni jiranitti Mana Murtii A/Muloo lakk. 1 (tokko)keessatti ni banama.
7. Moo'ataan caalbaasiitiif qarshiin kan kaaffalamuuf www.meeshaalee mana kuusaa Mana Murtii Aanaa muloo moodela 19 erga galchee fi nagahee seera qabeessa erga dhiyeesseen booda kan kaffalamuuf ta'a.
8. Dhaabbanni caalbasicha meeshalee moo'ate Mana Murtii A/Muloo wajjin walii galtee uumee buraayyuu iraa km34 irratti kan argamuu Mana Murtii A/Muloo magaalaa Hojja Dureetti baasii hunda danda'ee dhi- yeessuu kan danda'u.
9. Caalbaasicha gufachiisuuf dorgomaan yaalu gara fuulduraatti caalbaasii irratti akka hin hirmaanneefi caalbaasiin/dorgommiin/ala ta'ee,kabachiisa caalbaa- sii CPO akka dhaalamu ta'a.
10. Sanada dorgommiif dhiyeessan irratti maqaa dhaab- bataa,teessoo dorgomaa,chaappaa fi mallattoon jiraa- chuu qaba.
11. Dorgomaan caalbaasichaa with holding 3% kan kaffalamuurraa akka seera faayinaansiitti kaffaluuf eeyyamama kan ta'e
12. Erga caalbaasiin banameen booda dorgomaan kami- yyu yaada isaa jijjiiruu yookiin fooyyeessuu kan hin dandeenye ta'uu fi caalbaasicha irraa adda of taasisuu hin danda'u
13. Gatiin dhiyaatu vaatii dabalatee kan dhiyeessu ta'uu qaba.
14. Dorgomaan caalbaasii erga moo'ateen booda caalbaa- sii keessaa of haquu kan hin dandeenye ta'uu
15. Afaan caalbasii Afaan Oromoo.
16. Waajjirri filannoo fooyya'aa yoo argate caalbaasi- cha guutummaan guututti yookiin gartokkee isaa haquudhaaf mirgii isaa seeraan kan eegameedha.
Odeeffannoo dabalataaf: 0111460201, 0111460130, 0951780754 Mana Murtii Aanaa Muloo
Qajeelfama Waligaltee
1. Uffata danbii dhaaf kan barbaadaniif uffataa diriiraa/ bittinii fakkeenya isaa sanada wajjiin waliin qabsi- sanii dhiyeessuu qabu.
2. Mo'ataan caalbaasii erga beekkamee boodaa kabaa- chisaa wali galtee bittaa 2% qabsisee wali galtee uu- muu qaba
3. Meeshaalee dhiyeessan hundaaf qulqullina isaatiif wabii dhiyeesuu kan danda'uu.
4. Waldan My dhaan gurmaa'ee gam 'ee qaama isaa gurmees- is see irraa wabii kabachisaa caalbaasii xalayyaa dhiy- eesuu qaba
5. Meeshaa dhiyeesuu hundaa orjiinalaa isaa dhiyeessuu Skan danda'u ta'u qaba.
6. Mo'ataan Meeshaa bu'uura waligalteen dhiyeesuu yoo baatee qarshii kabachiisaa caalbaasii qabamee kan dhaal- amuu ta'e caalbaasiichi kufa ta'a
Mana Murtii Aanaa Muloo
Tender details
- Deadline: 2026-11-07
- Bid closing time: 17:00
- Bid closing (note): Guyaa 15ffaa sa,aatii 11:00tti
- Bid opening: 2026-11-09 10:00
- Bid opening (note): Guyaa 16ffaa sa,aatii 4:00tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Mana Murtii Aanaa Muloo
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 22, 2026)
- Posted at: 2026-10-23T07:49:02.000Z
- Source: Qelal Tenders