Machinery and Equipment

Beeksisa Caalbaasii Gurgurtaa Tiraaktaroota Wabummaan Qabaman (Lakk. BS/KTS/05/2019)

Description

Beeksisa Caalbaasii Baankii Siinqee

Baankiin Siinqee W.A Qabeenyota armaan gadii bu'uura Aangoo Labsii lakk. 1147/2011 tiin kennameefiin caalbaasiidhaan gurguruu barbaada

Beeksisa Caalbaasii                            Lakk.BS/KTS/05/2019

 

Maqaa Liqeeffataa

 

Maqaa waldaa qabeenya  wabummaan qabsiisee

 

Damee  Liqeessa

 

Ibsa qabeenya caalbaasiif dhiyaate

Ka'umsa Caalbaasii Qarshiidhaan

 

Guyyaa Caalbaasiiin itti gaggeeeffamu

Marsaa  Caalbaasii  ba'e

Qabeenya Caalbaasiif dhiyaate

Lak.Gabatee

Guyyaa

 

Sa'aatii

1

Waldaa  Eliyaas,Masaratifi Hiryotaa isaanii

 

Waldaa Eliyaas, Masarat fi Hiryotaa isaani

Buree

 

Tiraaktara, Modela 5075E, bara omishaa 2024 A.L. A

SM-4896 OR

 

2,517,120.00

 

08/3/2019

 

4:30-5:30

 

1ffaa

2

Waldaa Nuraadiin, Muhabaa fi H/isaani

 

Waldaa Nuraadiin,  Muhabaa fi H/isaani

Yaayyoo

 

Tiraaktara, Modela 5075E,  bara omishaa 2025 A.L. A

SM-5469 OR

 

2,918,400.00

 

09/3/2019

 

4:30-5:30

 

1ffaa

Dambiiwwan Caalbaasii:

1) Dorgomaan ykn bakka bu'aan seeraa dorgomaa gatii ka'uumsa Caalbaasichaa 1/4ffaa Ajaja Baankii /C.P.O/ dhaan mirkanaa'e qofa qabsiisuun galmaa'uun dorgomuu ni danda'a. Dorgomaan Caalbaasiicha mo'ate guyyaa 15 (kudha shan) kessaatti gatii qabenyicha ittiin mo'atee kaffalee xumuruu qaba. Kan hin xumurree yoo ta'e, qarshii qabsiisee Baankichaaf galii ta'e, Caalbaasichi kan haqamu ta'a. Dabalataan garaagarummaa gatii qabeenyichi Caalbaasichaaf irra deebiin ba'uun uumamuuf itti gaafatamaa ta'a.

2) Dorgomaan caalbaasii irratti gatii ol'aanaa dhiyeesse caalbaasichaa mo'aachuu isaa qaama dhimmi ilaaluun erga mirkanaa'een booda xalayaa mo'aataa ta'uu isaa ibsu kennamaaf.

3) Caalbaasii irratti argamuu kan danda'u dorgomaa, liqeeffataa fi qabsiisaa qabeenyaa ykn bakka bu'aa seeraa isaanii qofa ta'a.

4) Caalbaasichi kan ademsifamu bakka qabeenyichi itti argamu Iffaan Go/I/A/Boor Aanaa Buree Magalaa Buree wajjira Bulchiinsa Aanaa kessaatii fi 2ffaan Go/I/A/Boor Aanaa Yaayyoo Magalaa Yayyoo wajjira Polisii Aanaa Yayyoo kessaa tti ta'a.

5) Guyyaa caalbaasiichaatti sa'a 4:30-5:00 tti yeroo galmee dorgomtoota ta'ee sa'a 5:00 irraa eegalee galmeen dorgomtootaa hin jiraatu, sa'a 5:00 irraa eegalee hanga sa' 5:30 tti yeroo caalbaasiin adeemsifamu ta'a.

6) Kaffaltii jijjirraa maqaa taaksii isaan walqabatan fi kanneen biroo bitataan bu'uura seeraatiin akka kaffaluuf murtaa'ee bitataan/mo'ataan caalbaasii akkaataa barbaachisummaa isaatti kan kaffalu ta'a.

7) Waldaan Daldalaa Waldicha bakka bu'ee Caalbaasicha irratti dorgomuu barbaade sanada aangooqaamaa seerummaa qabaachuu isaa agarsiisu (Barreeffama Hundeeffamaa/ Dambii ittiin Bulmaataa) fi aangoo bakka bu'insa seeraa qabatee dhiyaachuu qaba.

8) Baankichi karaa mijaawaa biroo yoo argatee, Caalbaasichaa guutummaatti ykn gar-tokkeen haquuf mirgi isaa kan eegamedha.

9) Namni qabeenya Caalbaasiif dhiyaate kana ilaaluu barbaadu, Damee liqeessaa beellama qabsiifachuun ilaaluu ni danda'a.

10) Dorgomaan moo'ataa caalbaasiti kan jedhamu moo'ataa ta'uu isaa kan ibsu barreeffaman yeroo xalayaan harka isa gahu qofadha

11) Odeeffannoo dabalataaf: Lakkoofsa bilbilaa Baankii Siinqee Kutaa Tajaajila Seeraa (011-557-6016), Baankii Siinqee (+251-47 112-2862), ta'e irratti bilbiluun gaafachuun ni danda'a.

Baankiin Siinqee W.A


Tender details

  • Deadline: 2026-11-18
  • Bid closing time: 11:30
  • Bid closing (note): Guyyaan caalbaasichaa ni garaagara
  • Bid opening: 2026-11-18 11:30
  • Bid opening (note): Guyyaan caalbaasichaa ni garaagara
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Siinqee Bank Share Company
  • Buyer's registered address: Joseph Tito Street, Kazanchis, adjacent to Nega City Mall, Oda Tower
  • Bid bond: 25%
  • Published on: Kallacha Oromiyaa (Oct 29, 2026)
  • Posted at: 2026-10-30T07:56:07.000Z
  • Buyer website: https://siinqeebank.com/
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders