House and Building Sale
Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti Wajjiraa Galii Bulchinsaa Magaalaa Bishooftuu mana daldalaa gurguruu barbada.
Description
Beeksisa Caalbaasii
Kaffalaa Taaksii Obbo Malakuu Adimaasuu Muuraj Lakkoofsaa Eenyummaa kaffalaa Taaksii (TIN) 0022753202 kan beekamuu Taaksii ( Idaa Mootummaa)(Qarshii 41,046,875.95(Miliyoonaa Afurtamii tokkoof kuma afurtamii ja'aaf dhibba sadeetiif torbatamii shan) kan irraa barbadamuu osoo hin kaffaliin waan hafaniif teessoo isaanii Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Dhibayyuu Aanaa Dhakaa Booraa iddoo adda maqaa mana daldalaa Shaakachi jedhamuun Balinaa lakk.kartaa BI/1550/04(G+2) Balini mana 510 fi Mana Daldala G+0) balina mana 308 balinni mana waligala 818m² ballina kan beekamuu Lakkoofsa Manaa hara kan ta'e qabeenyaa abbaa idaa taaksii akkataa labsii bulchiinsa taaksii Abbaa Taayitaa Galiiwwanii Oromiyaa Lakk.203/2009 kewt-43n angoo kennameen caal-baasiin gurguruu barbada.
1. Gatii Ka'umsaa Caal-baasii meeshichaa qarshii 29,857,000.00(Miliyoonaa Digdamii sagaliif kuma dhibba sadeetiif kuma shantamii torbaa dha.
2. Haalaa Caal-baasichaaf ragaa dabalataa Wajjiraa Galii Bulchiinsaa Magaalaa Bishooftuu Gamoo 1 Garee Seeraa Taaksii kabachiisuu irraa argachuun ni danda'ama.
3. Dorgomtooti gatii ka'umsaa caal-baasichaa keessaa (%10) Maallaqa dheedhiin ykn CPOn dursanii qabsiisuu qabu.
4. Dorgomtooti gatii meeshichaa ittiin bituu barbaadan ifatti lakkoofsaa fi qubeedhaan barreessanii poostaatti saamsuun teessoo Magaalaa Bishooftuu kutaa Magaalaa Calalaqaa Gamoo Bulchinsaa Magaalaa Bishooftuu Wajjiraa Galii Magaalaa Bishooftuu Gamoo Darbii 1ffaa Garee Seeraa Taaksii Kabachiisutti guyyaa 26/02/2019 irraa hangaa 26/03/2019 sa'atii 11:30tti waajjira Galiiwwanii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu Lakk Gamoo Iffaa Garee Seeraa Taaksii kabachiisuutti Saanduqaa Caal -baasiif qophaa'eetti galchuu qabu.
5. Caal-baasichi gaafa guyyaa 26/03/2019 guyyaa keessaa sa'atii 11:30tti cuufame guyyaa 27/03/2019 ganama keessaa Sa'atii 4:30tti dorgomtotii ykn bakka bu'ati seeraan bakka bu'aan fi abbaan qabeenyaas bakkaa argamanitti galma walgahii Wajjiraa Galiitti ifaan banama.
6. Caal-baasicha abbaan Mo'ate qarshii inni dursee kaffalee ykn CPOn qabsiise itti herregameefii gatii ittiin mo`ate guyyaa mo'achuun isaa ibsame irraa eegalee guyyoota 15 (kudha shan) keessatti kaffalee xuudhaan qabeenyicha fudhachuu qaba.
7. Dorgomtoota gatii meeshichaa ittiin mo'atan guyyaa 15 (kudha shan) keessatti kaffalee fixuu yoo baate qarshii wabiidhaaf qabsiise waajjirichaaf galii ta'e caal-baasichi ni haqama.
8. Wajjiri Galiiwwanii caal-baasii kanaaf haala mijataa yoo argate gartokkeenis ta'e guutummaa guutuutti caal-baasicha haquu ni danda'am. Hubachiisa:- Ibsa dabalataaf bilbila Lakk. 09 00 35 00 25
Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti Wajjiraa Galii Bulchinsaa Magaalaa Bishooftuu
Tender details
- Deadline: 2026-12-05
- Bid closing time: 17:30
- Bid opening: 2026-12-06 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Biiroo Galiiwwan Oromiyaatti Wajjiraa Galii Bulchinsaa Magaalaa Bishooftuu
- Bid bond: 10%
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Nov 05, 2026)
- Posted at: 2026-11-06T07:23:04.000Z
- Source: Qelal Tenders