Building Construction
Waajjirri Dhimmoota Gurmaa'insa Ummataa Aanaa Loodee Heexosaa Baajata bara 2019 qabateen Ijaarsa misooma Qarqara Laga Shayyaa midhaaksuuf Beeksisa Marsaa Iffaa baasuun hojjachisuu waan barbaaduuf Dhaabbata Hojii Ijaarsa Waliigalaa Sadarkaa shanii fi isa o
Description
Beeksisa Caalbaasii Marsaa Tokkoffaa
Waajjirri Dhimmoota Gurmaa'insa Ummataa Aanaa Loodee Heexosaa Baajata bara 2019 qabateen Ijaarsa misooma Qarqara Laga Shayyaa midhaaksuuf Beeksisa Marsaa Iffaa baasuun hojjachisuu waan barbaaduuf Dhaabbata Hojii Ijaarsa Waliigalaa Sadarkaa shanii fi isa ol (GC-5 and above) fi dhaabbata hojii Ijaarsa Gamoo Sadarkaa shanifi fi isa ol (BC-5 and above) wal dorgomsiisee hojjisiisuu barbaadaa. Kanaaf dhaabbanni ulaagaalee armaan gadii guuttan dorgomuu dandeessu.
Kanafuu:
- Dhaabbata Bittaa Ijaarsaa waliigalaa Sadarka Shanii fi isa ol (GC- 5 and above) fi Ijaarsa Gamoo (BC-5 and above) gaafatameef heeyyama ijaarsaa irratti bobba'aniif "ragaa heeyyama hojii Ijaarsaa haaromsiifame", "raga kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa (VAT)", "lakk. Kaffalaa gibiraa (TIN)", "waraqaa ragaa dhiyeessummaa" (EGP galmahee), Heeyyama daldalaa haaroomfame, fi ragaa walitti bu'iinsa faaydaa hin malle dhiyeefachuu qaba.
- Dabalataan Dorgomtoonni xalayaa gibira (ashuura) baraa xumuranii kafaluu isaanii akkasumas, xalayaa caalbaasii kana irratti hirmaachuu isaan dandeessisu maqaa abbaa pirojektii fi Maqaa pirojektii irratti dorgomanii ibsu Waajjira Abbaa Taayitaa Galiiwwanii sadarkaan jiru (qaama gibira sassaabu) irraa dhiyeeffachuu qaba.
- Dorgomaan fedha qabu Sanadin caalbaasi argachuu kan danda'u (gurgurtaan) Waajjira Karooraa fi Maallaqaa Aanaa Loodee Heexosaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenya qarshii hin deebine Kuma Tokkoo (1000) lakka. Baankii Herregaa 1000041840084 galii gochuun sanada caalbasii argachuun ni danda'ama.
- Guyyaan gurgurtaa sanadaa caalbasii kan eegalu guyyaa caal-baasiin kun gilleensa irra oolee eegalee guyyaa diigdamii tokkoof (21) guyyaa hojii mootummaa kan gurguramu yoo ta'u, sanada yaada dorgommii (SYD) hanga guyyaa hojii itti aanu gaafa guyyaa diigdamii lammaffaa (22) sa'ati 4:00 L.T Saanduqa caalbaasichaaf qophaa'eetti galchuun, guyyama kana sa'aa 4:30 L.T dorgomtoonni ykn. Bakka bu'oonni seeraa iddoo argamanitti Waajjira Maallaqaa Adeemsa bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa lakk. 5tti Galma Waajjira Bulchiinsa Aanaa Loodee Heexosaa Iddoo koreen Ragasistuu fiTeekninikaa jirutti kan banamu ta'a. guyyaan diigdamii lammaffaan sambata ykn Ayyaana yoo ta'e sanadni kan banamu guyyaa hojii mootummaa guyyaa itti Aanu ta'a.
- Dorgomaan kamiyyuu kabachiisa caalbaasii CPO Qarshii kuma dhibba lama fi Shantama (250,000) dhiyyeeffachuu kan danda'u, yeroo turtii guyyaa 90 (guyyoota sagaltamaaf), Maqaa abbaa piroojektii,Maqaa pirojektii fi lakkoofsa caalbassii hamate sirrii barresssuun, kabachiisa caalbaasii immoo poostaan Ragaan teekinikaa fi Faayinaanshaalaa ala kophaattii hapheessuun dhiyeesuu qaba.ta'u banan caalbassii ala nama taasisa.
- Ragaan teekinikaa orijinaala tokkoo fi kooppii lamaan qophaa'e,poostaan kophaa kophaatti erga qophaa'e booda postaa haadhoon bakka tokkotti postaa hundarrattu maqaa fi Mallattoo bakka bu'aa dhaabbatichaa, Maqaa dhaabbatichaa, Teessoo dhaabbataa fi chaappaa dhaabbatichaatiin rukutamee saamsamee bifa ifa ta'een oriijinaali irratti " orijinala" kan jedhuu fi waraabbii irratti "waraabbii 1ffaa fi 2ffaa" kan jedhu ta'u qaba akkasumas maqaa abbaa pirojektichaa,teessoo abbaa pirojektii, maqaa sirrii pirojektii irratti dorgomuu seeran barreessu qaba.
- Ragaan Faayinaanshaalaa orjinaala tokkoo fi waraabbii lamaan qophaa'ee poostaan qophaa qophatti booda poostaa guddaan qophaa'ee fi sanadiniteeknikaa poostaa guddaan qophaa'ee dhuma irratti akkuma qophaayeetti adda addaan dhihaata.
- Dorgomtoonni qabxii waliigalaa %100 keessaa 70 fi isaa ol yoo fidee gara faayinaanshaalatti kan darbu yoo ta'u dhaabbanni %70 gad-deebise kufaa ta'a.
- Tokko tokkoo fuula Sanada yaada dorgommii irratti mallattoo bakka bu'aa dhaabbataa fi chaappaa waldichaa hin qabne fudhatama hin qabu.
- Dorgomtoonni caalbaasicha erga banamee booda, yaada dorgommii dhiyeessan irratti fooyya'iinsa sanada caalbaasii dhiyeessuu fi caalbaasiin ala of gochuu hin qaban.
- Dorgomtoonni Poostaawwan Sanada yaada dorgommii dhiyeessan kamuu irratti akeekkachiisa barreessuu qabu.
- Waajjirichi saanduqaa caalbaasii erga cufameen booda, dorgomtoota caalbaasiif dhufan keessummeessuu hin danda'u.
- Waajjirichi caalbaasii kana gar-tokkeedhan ykn guutuman guututti haquuf mirga guutu qaba.
Odeeffannoo Dabalataaf lakk. Bilbilaa :- 0911782310/0934951727/0940406382
Godina Arsiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Loodee Heexosaa
Tender details
- Deadline: 2026-12-03
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): gaafa guyyaa (22) sa'ati 4:00 L.T
- Bid opening: 2026-12-03 10:30
- Bid opening (note): gaafa guyyaa (22) sa'ati 4:30 L.T
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Arsiitti Waajjira Maallaqaa Aanaa Loodee Heexosaa
- Bid bond: Qarshii 250,000.00
- Bid document price: Qarshii 1000.00
- Published on: Addis Zemen (Nov 08, 2026)
- Posted at: 2026-11-09T06:58:36.000Z
- Source: Qelal Tenders