Building Construction

Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagaala fiichee bara hojii 2019 keessaattii Piroojekti iljaarsa kabachi Misooma Kooridarrii G/Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaala Fiichee Keessaattii hojjechisuuf dirqama waan barbaadeef Caalbasii ifaa biyyoolessaa baasuun dha

Description

Beeksisa Waamicha Caalbaasii Marsaa Tokkoffaa.

Lakkoofsa Addaa Bittaa: W/K/B/M/F/002/2019

Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagaala fiichee bara hojii 2019 keessaattii Piroojekti iljaarsa kabachi Misooma Kooridarrii G/Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaala Fiichee Keessaattii hojjechisuuf dirqama waan barbaadeef Caalbasii ifaa biyyoolessaa baasuun dhaabbilee ijaarsaa daandii ulaagaa taxuu; saanada caalbaasi keessatti taa ee guutaan dorgomsiisee hojjechisuu baarbaada.

1.Waajjirri Kantibaa Bulchiinsa Maagaala Fiichee Piroojekti iljaarsa Misooma Kooridarii Lስotii Iffaa Hoteela Daagmaawii hanga Mana Habtaamu Kebede, Lotii 2ffaa Waajjiraa Geejiibaa Godinaa Sh/Kaabaa hanga Daandii Cita-Gullalee bara bajaata(2019) keessatti hojii irra oluu qabatee waan jiruuf, dorgomtoota ulaagaa guutan humna namaa(Labor), meeshaa (Material) fi meeshaalee hojii ijaarsa (Equipment) ljaarsa Misooma Kooridarii kanaaf barbaachisan akka Shaw dhiyeefataniif caalbaasii Ifaa biyyooleessaa kanaan afeera.

2.Dorgomtoonni fedhii qaban ragaalee armaan gadii dhiyeessuu qabu.

i.Dorgomtoonni Abbaa Taayitaa Konistraakshinii oromiyaa ykn Ministeera Konistraakshinii Federaalaa irraa Waraaqaa Ragaa Gahumsaa Ogummaa ijaarsa waligala/ijaarsaa Daandittin Sadarkaa 3ffaa (GC-3 and RC-3) fi isaa ol yeroo turtii caalbaasiichatiif haaromfamee fi ragaalee sanadaa barbaachisoo biro sirrummaa dorgomaa ibsan kan qabaatan yoo ta'u, kunis of keessatti kan qabatu: -

ii.Hayyama daldalaa bara 2019 yeroo caalbaasichaatiif haaromfamee seera qabeessa ta'e gosa ስdaldalaa inni irratti bobba'e kan agarsiisu, Akkasumas Galmee Daldaalaa dhiyyefachu qaba.

iii. Ragaa Taaksii Dabalataa qabeenyaa (VAT) fi raga galmee (TIN) galmaa'uu isaa agarsiisu Abbaa Taayitaa galiwwanii iraaii. Ragaa qulqullinaa kaffalti taaksii agarsiisu kan Abbaa Taayitaa Galiiwwani irraa kenname hanga guyyaa caalbasiin galutti yeroon turti isaa kan irraa hin dabarree ta'uu ibsu.

iv.Waraqaa raga akkaataa seerota bittaa biyyatti keessa jiruun galmee dhiyeessitootaa keessatti aa galmaa'uu isa ibsu fi caalbaasii mootummaa irratti hirmaachuu danda'uu isaa dhiyyefachuu se qaba.

3.Caalbaasiin kan gaggeeffamu hojimaata caalbaasii dorgommii biyyaalessaan yoo ta>u, Hirmaachisuummaan dorgomtoota biyya keessaa hundaaf akkaataa sanada caalbaasii keessatti adda baafamee fi ibsameen ta>aa.Wabii kabachisa Caalbaasii CPO ykn wabii baankii  haala irratti hin hundoofne 500,000 (kuma dhibba shan) qofa maqaa Waajjira Maallaqaa Bul/ tMaagaala Fiicheettin ragaan orijinaalli dhiyaachuu qaba.Yeroon hoji irra olmaa kabachiisa I calbaasii guyyaa caalbaasiin banamee irraa egalee guyyoota kalaandarii 90f ta'a.

4.Dorgomtoonni ulaagaa guutaan sanadaa caalbaasii, tuuta guutuuf akka Enjinariingii kan kaayyoo caalbaasiidhaaf barbaachisaa ta>e fi odeeffannoo dabalataa argachuuf teessoo armaan gadiitiin sa>aatii hojii waajjiraatti argachuu ni danda>u. Tuuta sanadoota caalbaasii guutuu afaan Oromiffaatin qophaa'an dorgomtoota fedhii qabaniin iyyata barreeffamaa teessoo armaan gadii irratti dhiyeessuun kaffaltii hin deebine ETB 3000 (kuma sadi), guyyaa jalqabaa beeksisni bahe irraa eegalee hanga yeroo xumuraatti hojirra ooluun bitamuu ni danda'a. Malli kaffaltii maallaqaan callaan ta>ee gara waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagaala fiicheetti galii ta>aa.

5.Dorgomtoonni saanada caalbaasi Invilopi sadii keessatti piropozaala teeknikaa, wabii kabachiisa caalbaasii fi piropozaala faayinaansii of keessaa qabu adda addaan dhiyeesuun dirqama. Hojimaanni caalbaasii hordofamuu qabu Sadarkaa Laman kan raawwatu yoo ta>uu; kan hojimaata Invilopi sadii qabuu dha.Ulaagaa Sanadni Gahuumsa Teekinikaala, dhiyeessii faayinaansii fi Wabii kabachisa Caalbaasii Invilopi adda addaa sadii keessatti samiin samsamuu qaba. Invilopi jalqabaa gahumsaa Teekinikaala of keessaa qabu iratti «Gahumsa Teckinikaalaa Piroojekti iljaarsa Misooma Kooridarii G/Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaala Füchee.» Jedhamee ifatti katabamuu qaba. Invilopi lammaffaa wabii kabachisaa caalbaasii of keessaa qabu irratti «Wabii kabachisa Caalbaasii Pirojekti iljaarsa Misooma Kooridarrii G/ Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaala Fiichee.» kan jedhu yoo ta'u, Invilopi sadaffaa dhiyeessii faayinaansii of keessaa qabu irratti ammoo «Dhiyeessii Faayinaansii Pirojekti iljaarsa Misooma Kooridarii G/Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaala Fiichee).» Akkaataa wal duraa duubaan jiruun Invilopiwwaan sadan Invilopi Haadhoo tokkoo keessa galchuun gubbaa Invilopi Haadhoo irratti «Gahumsaa Teekinikaala, Wabii kabachisaa Caalbaasii fi Dhiyeessii Faayinaansii Pirojekti iljaarsa Misooma Kooridarii G/Shawaa Kaabaa Bulchiinsa Maagaala Fiichee.» Jedhamee barreefamuu qaba. Sanadootni teeknikaa orijinaala tokko, footo koppii tokkoffaa fi footo koppii lammaffaan Invilopi kopha kophaatti samiin samsuun poosta tokko keessatti samiin samsamuu qabu. Wabii kabachisaa caalbaasii kophati samiin samsama. Sanadootni dhiyeessi faayinansii orijinaala tokko, footo koppii tokkoffaa fi footo koppi

lammaffaan Invilopi kopha kophaatti samiin samsuun poosta tokko keessatti samsamuu qabu. Poostan sadan kopha kophatti samsamee poostaa Haadhoo tokkoo keessa galchuun samiin samsamuu qaba.

6.Caalbaasiin kun guyyaa beeksisnii kun Qilleensaa irraa olee eegalee guyyoota hojii walittii aanaan 21f qillensaa ስira ergaa olee booda guyyaa 22ffaa bakka dorgomaan ykn bakka bu>aan seera qabeessa tavee koreen teekniikaa fi koreen Raggasistuu argameettii sa'aatii 8:00ttii cufamee guyyumaa kanaa sa>aatii 8:30 tti Waajjiraa maallaqaa Bulchiinsa Maagala Fiicheetti Kan Banamuu yoo ta>uu, Guyyaan Baaninsa Caalbaasii guyyaa hojii yoo taxuu baatee Guyyaa hojii ittii anuuti kan hoojirra oluu ta>a. Sanadnii Caalbaasii yeroon hin dhiyyaanee kufaadha.

7.Madaallin sadarkaa lamatti kan raawwatamu yoo tau, dursa odeeffannoo gahumsaa teeknikaa itti aansee faayinaansii dorgomtoota madaallii gahuumsa teeknikaa darbaanitti. Piropozaaliin faayinaansii dorgomtoota kan banamuu Waajiraa Maallaqaa BulchiinsaMaagala Fiicheetti madaalliin piropozaala teeknikaa xumuramun isaa guyyaa koreen teeknikaa fi raggaasistuu beeksiisee ta'aa.

8.Ijaarsii piroojektichaa guyyaa hojiin jalqabee irraa egaalee hanga guyyoota kalandaritti 365 (dhibbaa sadii fi Jahatami shan) tti kan xummuramu ta'a.

9.Wajjirri Maallaqaa Bulchiirisa Maagala Fiichee fillannoo foyya>aa biraa yoo argatee calbaasii kana gaar tokkeen ykn Guutuumatti haquuf mirgii isaa kaan egamee dha.

Teessoo: -Godina Shawaa Kaabaa, Bulchiinsa Maagaal Fiichee Waajjira Maallaqaa Bulchiinsa Maagala Fiichee oddesanoo dabalataaf Lakk.Bilbilaa 0111351011 ykn 0902216601 Guyyaa hojii waaren dura sa'atii 2:30-6:30 fi waareen boda sa'atii 7:30-11:30ti qamaan ykn bilbilaan

Waajjira Maallaqaa Bulchinsa Maagaala Fichee


Tender details

  • Deadline: 2026-12-03
  • Bid closing time: 14:00
  • Bid closing (note): guyyaa 22ffaa 8:00ttii
  • Bid opening: 2026-12-03 14:30
  • Bid opening (note): guyyaa 22ffaa 8:30ttii
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjirri Maallaqaa Bulchiinsa Maagaalaa Fiichee
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 3000.00
  • Published on: Addis Zemen (Nov 08, 2026)
  • Posted at: 2026-11-09T08:08:48.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders