Installation, Maintenance and Other Engineering Services

Bulchinsaa Gidduu Galeessa Oromiyaattib Manii qophesaa magaalaa Oolancitii ljaarsa Hojii pirojektii Ibsaa daandiraa magaalaa oolancitii keessatii hojjachiisuu barbaada.

Description

Beeksisa Caalbaasii
Caalbaasii Ifaa Biyylessaa

Bulchinsaa Gidduu Galeessa Oromiyaattib Manii qophesaa magaalaa Oolancitii ljaarsa Hojii pirojektii Ibsaa daandiraa magaalaa oolancitii keessatii hojjachiisuu bar- baada. Haaluma kanaan dhaabbilee heyyama Elector Mechanical qabanii ulaagaalee armaan gadii guutan dorgomsiisee hojjachiisuu barbaada.

1. Dorgomtoonni waraqaa ragaa ga'umsa ogummaa Ministeera Albuudaa fi energy, Miniteera misooma magaalaa yookiin Abbaa Taayitaa konistiraakshinii Oromiyaa yookiin Godina irra kenamee fi bara bajataa 2019 haaroomfamee, hayyama dalda- laa bara 2019 kan haaromsan, waraqaa ragaa Taaksii Dabalata Qabeenyaa (VAT) fi ragaa qulqullina kaffaltii taaksii (Tax clerance) agarsiisu Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irra kenname,ragaa galmee dhiyyeesitootaa irratti kan hin dhoorkamne ta'uu kan agarsiisuu, Ejansii bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa Mootummaa EGP irraa ken- name dhiyeessuu kan danda'an.

2. Dorgomtoonni sanada bitachuu dhufan ulagaalee qabxii Iffaa irratti caqafaman raga sadarkaa isaanii ibsuu fi iyyata waliin dhiyeeffachuu qabu.

3. Dorgomtoonni sanada caalbaasii ittiin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 1000 (kuma tokko) kaffaluun beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa ee- galee guyyoota hojii 21(digdamii tokko)waliittii aananitti sanada caalbaasii Mana qophesaa magaalaa Oolanciti biiroo lakkoofsa 2tii sanada caalbaasi dhiyaachuun bitachuu ni danda'u.

4. Dorgomtoonni Waabii Kabachisa Caalbaasii Qarshii 500,000.00 (kuma dhibba shan) bifa CPO kan kabachiisa caalbaasii turtii guyyoota 120'f ragga'ee dhiyyeefa- chuu kan qabuu. Wabii Kabachiisa Caalbaasii kanas teessoo maqaa man Qophees- saa Magaalaa Olancitti gochuudhaan poostaa tokkoon saamsuun dhiyeessuu qabu.

5. Dorgomtoonni sanadoota caalbaasii poostaa sadii kan piroppozaalota Faayinaan- sii fi wabii kabachiisa addaan baafamanii akka armaan gadiitti dhiyeessuuf dirqa- ma qabu:

5.1. Piroppozaalota teeknikaa "teeknikaa Orijinaala", "teeknikaa Waraabbii Iffaa" fi "teeknikaa Waraabbii 2ffaa" jedhamee akkasumas, odeeffannoowwan sanada caalbaasii Qajeelfama Dorgomtootaa Keewwata 24.2 (a) hanga (c) tarreeffaman poostaa irratti barreessuun, poostaa adda addaatiin kopha kophaatti saamsuun dhiyaachuu qabu.

5.2. Piroppozaalota Faayinaansii "Faayinaansii Orijinaala", "Faayinaansii Waraab- bii Iffaa" fi "Faayinaansii Waraabbii 2ffaa" akkasumas caccabsi faayinaansii "cost break down" jedhamee, dabalataan odeeffannoowwan sanadaa caalbaasii Qa- jeelfama Dorgomtootaa Keewwata 24.2 (a) hanga (c) tarreeffaman poostaa irratti barreessuun, poostaa adda addaatiin kopha kophaatti saamsanii dhiyaachuu qabu.

5.3. Tokkoon tokkoon dugda poostaa hundaa irratti wantoonni guutamuu qaban; lak- koofsa caalbaasii, maqaa dorgomaa, mallattoo hogganaa, chaappaa dhaabbataa, maqaa abbaa pirojektii, iddoo pirojektiin itti hojjatamuu fi maqaa pirojektii kan qabu ta'ee, saamsamee dhiyaachuu qaba.

5.4. Orijinaalonni teeknikaa, Waraabbiiwan isaa fi wabiin kabachiisna caalbaasii Ko- pha kophaatti Teeknikaa piroppozaala keessatti samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.

5.5. Orijinaalonni faayinaansii fi Waraabbiiwwan akkasumas caccabsi faayinaansii "cost break down" kopha kophaatti faayinaansii piroppozaalaa kessattii samsamee poostaa tokkoon dhiyaachuu qaba.

5.6 wabiin kabachiisa caalbaasii kophaatti samsamee poostaa tokkon dhiyaachuu qaba.

5.7. Xumura irratti Piroppozaala Teeknikaa fi Piroppozaalli Faayinaansii fi wabiin kabachiisa caalbaasii poostaa Haadhoo tokkoon saamsamee dhiyaachuu qaba. Dug- da tokkoon tokkoo poostaa irratti ragaaleen QD keeyyata 23.2 fi QD keeyyata 24.2 ibsaman guutamuu qabu.

6. Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa "Addis Zemen" irratti guyyaa bahe irraa ee- galee guyyoota 21 walitti aanani (Diigdamii Tokko) saʼati 2:30 hanga 11:30 tti kan gurguramu yoo ta'u, dorgomtoonni sanadni caal-baasi guyyaa beeksifni caal-baa- sichaa bahee irraa eegalee guyyaa walitti aanan 22 ffaa (guyyaa diigdamii lammaf- fa) tti guyyaa Hojii hanga sa'a 4:00 tti sanduuqa caal-baasichaaf qophaa'e keessa erga galchan booda, guyyuma kana sa'a 4:30,tti saamsamee, sa'aa 8:00 tti Waajjira Mana qophesaa magaalaa Oolancitii iddoo dorgomtoonii, ykn bakka bu'oonni, Koreen Raggaasistuu Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa fi Koree Teknikaa Bittaa Ijaarsaa fi Tajaajila Gorsaa akkasumaas taajjabdoonii caal-baasicha argamanitti ni banama.

7. Dorgommin caal-baasii kan gaggeefamu ida'ama waliigala qabxii teeknikaa dorgo- maan 100% keessaa 70 (torbatama) fi isaa ol argatee gara dorgommii faaynaansii/ gatii/ tti kan darbu ta'ee,dorgommiin gatii faayinaansii gatii xiqqaa dhiyeesse kan mo'atu ta'a.

8. Manni hojii mala biraa yoo argate caalbaasicha guutumaa guutuutti ykn gar-tok- keen haquuf mirga guutuu qaba.

Oddeeffannoo dabalataatiif
Waajjira Maallaqaa Magaalaa Oolaanciti Lakk. Bilbilaa 09 66 77 70 38 Bilbiluun dubbisuun ni dandeessu.
Mana qophesaa magaalaa Oolancitii 


Tender details

  • Deadline: 2026-12-05
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): guyyaa 22 ffaa sa'a 4:30 tti
  • Bid opening: 2026-12-05 14:00
  • Bid opening (note): guyyaa 22 ffaa sa'a 8:00 tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Mana Qopheessaa Magaalaa Olaancitii
  • Bid bond: Qarshii 500,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1000.00
  • Published on: Addis Zemen (Nov 11, 2026)
  • Posted at: 2026-11-11T11:17:57.000Z
  • Source: Qelal Tenders
← Back to all tenders