Baankiin Siinqee W.A Mana Daldalaa gurgurun barbaada

Description

Beeksisa Caal-baasii Siinqee

Lakk.BS/KTS/029/2018

Baankiin Siinqee W.A Qabeenyota armaan gadii bu'uura Aangoo Labsii lakk.97/1990(akka foya'eettii) tiin kennameefiin gurgurun barbaada

TL

 

Maqaa Liqeeffataa

 

Maqaa Namaa qabeenya

qabsiisee

 

Damee

Liqeesse

 

Teessoo fi ibsa Qabeeya Caalbaasiif dhiyaatee,

 

Ka'uumsa Caalbaasil Qarshiidhaan

 

Yeroo Caalbaasliin itti gaggeeeffamu

Marsan Caalbaasil

ba'e

 

Qabeenya

Caalbaasiif dhiyaate

Magaala/Kutaa Magaalaa/Aanaal

Gandaa

Lakka

kaartaa

Bal'ina Lafaa

 

Gayyan

Sa,aatti

1

Aadde Boggee Mallasaa Bayyanaa

 

Abbabech Siyyum faa Namoota 6

 

Bokkuu

Shanan

 

Mana Daldalaa

 

Magaala Adaamaa kutaa

Magaala Lungoo Aanaa

Dirree Nagaa

3013/94

393m2

 

4,948,013.78

 

27/09/2018

4:30-6:00

 

1ffaa

 

 

Dambiiwwan Caalbaasii:

1) Dorgomaan ykn bakka bu'aan seeraa dorgomaa gatii ka'uumsa Caalbaasichaa 1/4 Ajaja Baankii /C.P. O/ dhaan mirkanaa'e qofa qabsiisuun galmaa'uun dorgomuu ni danda'a. Dorgomaan Caalbaasiicha mo'ate guyyaa 15 (kudha shan) keessatti gatii qabeenyicha ittiin mo'ate kaffalee xumuruu qaba. Kan hin xumurre yoo ta'e, qarshii qabsiise Baankichaaf galii ta'ee, Caalbaasichi kan haqamu ta'a. Dabalataan garaagarummaa gatii qabeenyichi Caalbaasichaaf irra deebiin ba'uun uumamuuf itti gaafatamaa ta'a.

2) Dorgomaan caalbaasii irratti gatii ol'aanaa dhiyeesse caalbaasichaa mo'aachuu isaa qaama dhimmi ilaaluun erga mirkanaa'een booda xalayaa mo'aataa ta'uu isaa ibsu kennamaaf.

3) Dorgomtoota Caalbaasicha mo'atamaniif Ajaja Baankii /C.P.O'n qabsiisan guyyuma sana deebi'aaf.

4) Caalbaasii irratti argamuu kan danda'u dorgomaa, liqeeffataa fi qabsiisaa qabeenyaa ykn bakka bu'aa seeraa isaanii qofa ta'a.

5) Caalbaasichi kan adeemsifamu bakka qabeenyichi itti argamutti ta'a.

6) Kaffaltii jijjirraa maqaa akkasumas kaffaltii liizii fi kanneen biroo bitataan bu'uura seeraatiin akka kaffaluuf murtaa'ee/dirqamu kanneen Thaksii wallin walqabatan bitataan/mo'ataan battala Caalbaasii mo'atee qabee kan kaffalu ta'a.

7) Waldaan Daldalaa Waldicha bakka bu'ee Caalbaasicha irratti dorgomuu barbaade sanada aangoo qaamaa seerummaa qabaachuu isaa agarsiisu (Barreeffama Hundeeffamaa fi ykn Dambii ittiin Bulmaataa) fi aangoo bakka bu'insa seeraa qabatee dhiyaachuu qaba

8) Baankichi karaa mijaawaa biroo yoo argatee, Caalbaasicha guutummaatti ykn gar-tokkeen haquuf mirgi isaa kan begamedha

9) Namni qabeenya Caalbaasiif dhiyaate kana ilaaluu barbaadu, Dameelee liqeessaa beellama qabsiifachuun ilaaluu ni danda'a

10) Dorgomaan moo'ataa caalbaasiti kan jedhamu moo'ataa ta'uu isaa kan ibsu barreeffamaan yeroo xalayaan harka isa gahu qofadha

11) Odeeffannoo dabalataaf: Lakkoofsa bilbilaa Baankii Siinqee Kutaa Tajaajila Seeraa (011-557-6016), Damee Bokku Shanan (0913308235) ta'e imati bilbil gaafachuun ni danda'a.

Baankiin Siinqee W.A


Tender details

  • Deadline: 2026-06-04
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid opening: 2026-06-04 12:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Baankiin Siinqee W.A.
  • Bid bond: 25%
  • Published: Apr 30, 2026
  • Posted at: 2026-05-04T07:38:47.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders