Oromia Public Procurement & Property Dispos Agency, Konkolaattotaa fi Motorsaayikiloota gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/ Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada.
Description
Beeksisa Caal-baasii Ifaa Gurgurtaa Lakk. 11/2018
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Ejensiin Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenya Mootummaa Konkolaattotaa fi Motorsaayikiloota gosa addaa addaa tajaajilaan alaa Sadarkaa Biiroo/Godinaa/ Magaalaa fi Aanaatti argaman Caal-baasii Ifaadhaan dorgomsiisee gurguruu barbaada. Kanaaf:- dorgomtoonni caalbaasicha irratti dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun gaazexaa irratti bahee eegalee hanga Waxabajji 9/2018tti sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan yemmuu ta'u:-
1. Teessoon Ejensichaa Finfinnee, Kutaa Magaalaa Lidetaa, Hospitaalaa Baalchaa duuba/Hospitaala Poolisii Itiyoophiyaa fuuldura Gamoo Caffee Aannanii, Daarektoreetii Bittaa, Faayinaansii fi Bulchinsa Qabeenyaa Ejensichaa Darbii 3ffaa (3rd Floor) Biiroo Lakk-03 dhihaachuun Qarshii 400.00/dhibba afur/kan hin deebine kaffaluun sanadicha Darbii 3ffaa (3rd Floor)Daareektoreetii Tilmaama Gatii fi Gurgurtaa Qabeenyaa Biiroo Lakk-02 irraa fudhachuu dandeessu.
2. Sanada caalbaasii bitachuu kan dandeessan guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-10:00 tti qofa dha.
3. Haala qabeenyichaa ilaalchisee hanga Waxabajji 9/2018tti guyyoota hojii yeroo hunda ganama sa'a 2:30-6:30 fi sa'a booda 7:30-10:00 tti qofa haala sanada caalbaasii keessatti ibsameen bakkaqabeenyichi argamutti dhihaachuun ilaaluu ni dandeessu
4. Dorgomtoonni sanada yaada dorgommii ykn gatii guyyaa beeksifni kun bahee kaasee hanga Waxabajji 10/2018tti sa'aa 5:00 W.D poostaa (envelop) saamsameen dhiheessanii saanduqa Ejensiin caalbaasichaaf qopheesse keessa galchuu qabu.
5. Caalb.aasichi Waxabajji 10/2018tti Sa'aa 5:00 W.D tticufamuun guyyuma sana sa'aa 5:15 W.D bakka dorgomtoonni ykn.bakka buutonni seera qabeessa isaanii argamanitti ifaan ni banama.
6. Dorgomtoonni gatii Ka'umsa Sanada Caalbaasii irraa dhibbeentaa digdama (20%) kabachiisa Wabii caalbaasii C.P.O baankiin Mirkanaa'e Maqaa Mana Hojii Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency qopheessuun poostaa gaaffii yaada dorgommii qophaa'e keessa galchuun dhiyeessuu qabu.
7. Manni hojichaa filannoo biroo yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guutuutti haquuf mirgi isaa kan eeggamedha.
CPO Hojjechiisuuf
Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency, Fifnfinnee
የኦሮሚያብሔራዊክልላዊመንግትየመንግስትግዥናንብረትማስወገድኤጀንሲ, ፊንፊ
Odeeffannoo dabalataa Lakk.Bilbiluun 011-183 0636'n bilbiluun hubachuun ni danda'ama
Oromia Public Procurement & Property Disposal Agency, Fifnfinnee
Tender details
- Deadline: 2026-06-17
- Bid closing time: 11:00
- Bid opening: 2026-06-17 11:15
- Region: Oromia
- Publishing entity: Oromia Public Procurement and Property Disposal Agency
- Buyer address: Sarbet, Kera road, In front of Pushkin square on Bethlehem Building 3rd floor
- Bid bond: 20%
- Bid document price: Qarshii 400.00
- Published: May 21, 2026
- Posted at: 2026-05-22T08:53:55.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.