Waajjirrii galiiwwaan Bul/Mag/Shaashamannee mana jireenyaa gurguruu barbaada
Description
Beeksisa Caalbaasii
Waajjirrii galiiwwaan Bul/Mag/Shaashamannee Qabeenya Abba idaa Kafalaan taaksii Obb/Addee/ Hayiradiin kamaal Waacifoo Gibiraa fi taaksii Mootummaa qarshii Bu'a Oditii (3,945,683.40(qar. Mil. Sadii kuma dhibba sagaliif kuma Afurtamii shanifi dhibba jahaa fi Saddeetamii sadii 40/100)(qar. Mil.Sadii fi kuma dhibba sagaliif fi kuma Afurtamii shanii fi dhibba Jahaa fi Sadeetamii sadii 40/100) turee mana jireenyaa Teessoo magaalaa shaashamannee kutaa Magaalaa Haruufaa Aanaa Bulchaan Baldhinnaa km² 200 lakk. Kartaa FO-360 argamuu akkataa labsii bulchiinsa taaksii bulchiinsa Mootummaa Oromiyaa lakk.203/2009 kew. 43n angoo kennameen caalbaasiin ifaatiin gurguruu barbaada, Kanaafuu namni bitachuu barbaadan waajjira galiiwwaan Bul/Magaalaa shaashamannee dhuftanii sandaa calbaasichaaf qopha'ee bitachuudhan teessoo Mannichi itti argamu dhaquun ilaaluun dorgomuu ni dandeetuu.
Ulaagaa Barbaachisuu
1. Gatii ka'umsa bu'ura Ogeessii Waajjira daldalaa tilmaamee qar 3,749,948.20 ( Qar.Mil.sadii kuma dhibba torbaa kuma Afurtamii sagalii fi dhibba sagaliifi Afurtamii sadeeta 20/100) keessa kabachisiisa calbasichaatii qar. Wabummaa %10 CPOn qabsiisuu kan danda'uu ta'ee
2. Gatii caalbaasii ittiin moo' atee yeroo murta'ee keessattii galchee Mannicha dhunfachuu kan danda'uu
3. Guyyaa beeksiifnni kun ba'ee irra kaasee guyyoota hojii 14 waliti anee jiruu qaamaan ykn kara bakka bu'aa isaatii waraqaa enymmaa fi Waraqaa B/bu'ummaa Mirkanaa'ee qabachuun sa'aa hojii 2:30-11:30 galma'uu ni dandeettuu
4. Sanduuqnni caalbaasichaa guyyaa Waxabajjii 4/2018 gaafaa kamisa cufamee guyyaa 05/10/2018 gaafaa jimaataa bakka dorgamtootni ykn B/Bu'aan seeraa tiif koree caalbaasii argamanittii sa'a 4:30 ni gaggeeffama.
5. Guyyaa 06/10/2018 gaafa sanbata xiqqaa bu'aan caalbaasii bakka ifa ta'ettii ni ibsama.
6. Dorgomaan caalbaasicha moo'atuun isaa mirkan'ee mallaqnni caalbaasii kabachisiisuuf qabame gatii mo'ateennitti dabalamee mallaqaa hafee galii gochuun guyyoota 5( Shanaan) walitii anee jiru keessatti meeshaa kafachuu qaba.
7. Qaamni moo'atee guyyaa seeraan ka'amee keessattii mallaqaa ittiin moo'atee galchee meeshaa kaasuu yoo dhabatee calbasichi haqamee mallaqnni wabummaaf qabsiisamee mootummaafi galii ni ta'aa Bl
8. Waajjirrichii karaa foyya'aa yoo argatee gar- tokkeen ykn cinaadhaan calbaasichaa haquu ni danda'aa.
Waajjirri Galiiwwanii Bul/ Magaalaa Shaashannee
Tender details
- Deadline: 2026-06-11
- Bid closing time: 17:00
- Bid closing (note): 4/10/2018 sa,aatti isaa inbsamnii
- Bid opening: 2026-06-12 10:30
- Bid opening (note): 5/10/2018 sa,aatti 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjirri Galiiwwanii Bul/ Magaalaa Shaashannee
- Bid bond: 10%
- Published: May 28, 2026
- Posted at: 2026-05-29T07:29:59.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.