Qajeelchi Mana Sirreessaa Godina Shawaa Lixaa nyaata sirreeffamtoota seeraa of jalatti bulchaa jiruuf kan oolu nyaata bilchaataa, midhaan dheedhii gosa adda addaa, shaqaxa mi'eessituu adda addaa fi qoraan nyaata bilcheessuuf oolu daangaa yeroo Adoolessa 1
Description
Caalbaasii Ifaa
Beeksisa Caalbaasii Lakk. 1ffaa
Qajeelchi Mana Sirreessaa Godina Shawaa Lixaa nyaata sirreeffamtoota seeraa of jalatti bulchaa jiruuf kan oolu nyaata bilchaataa, midhaan dheedhii gosa adda addaa, shaqaxa mi'eessituu adda addaa fi qoraan nyaata bilcheessuuf oolu daangaa yeroo Adoolessa 1, 2018 hanga Waxabajjii 30, 2019 tti waldaalee maayikiroo fi xixiqqaas ta'e daldaaltota dhuunfaa seera qabeessaa dhiyeessuu ykn tajaajila kennuu danda'an waldorgomisiisee bituu barbaada. Kanaafuu dorgomtoonni waldaalee ykn dhaabbatni dhunfaa caalbaasicha irratti hirmaachuu barbaaddan ulaagaalee fi qajeelfama armaan gadii guuttanii dorgomuu ni dandeessu.
1. Zarfii daldala walsimuun heeyyama daldalaa haarome kan qaban, Waraqaa raga dhiyeessuummaa Mini. Maallaqaa kan qaban, waraqaa eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) fi akka barbaachisummaa isaatti fi gosa dhiyeessiitiin VAT kan galmaa'an yoo ta'e kan filatamu ta'ee raga sartafkeettii koppii kan dhiyeeffatan, akkasumas idaa gibira mootummaa irraa bilisa ta'uu isaaniif raga dhiyeeffachuu kan danda'an.
2. Dorgomtoonni Naga'ee galii seera qabeessa (receive Voucher) kan qaban ta'uu qabu, naga'ee qabaachuu isaaniif koppii naga'ichaa sanada caalbaasii wajjin walqabsiisanii dhiyeessuu ni danda'u, dorgommii irratti dhiyeessuu yoobaatan illee mo'ataa ta'anii kaffaltii dhiyeessii kaffalamu irratti naga'ee seera qabeessa dhiyeessuu baannaan rakkoo mudatuuf gaafatamummaa isaa dorgomaan kan fudhatu ta'a.
3. Sanada caalbaasii kanaaf qophaa'e guyyaa caalbaasiin kun qilleensa irraa oole irraa kaasee guyyootii hojii 15f qarshii hin deebine 200 (dhibba lama) kaffalanii qajeelcha mana sirreessaa godina shawaa lixaa adeemsa bittaa fi bul. Faayinaansii irraa dhiyaatanii fudhachuu ni danda'u.
4. Dorgomtoonni sanada caalbaasii sana keessatti kan hammatame gabatee dhiyeessa gatii facaatii meeshaa dhiyaatuu fuula duratti tarree gatii keessatti gatii ittiin dhiyeessan guutanii, gatiin kennan taaksii (VAT) dabalachuu fi dhiisuu isaa fuula gabatichaa jalatti ("VAT wajjin" ykn "VAT malee") jechuun ibsuudhaan sanadoota koppii ulaagaa dorgommii lakk. I irratti ibsame wajjin bakka tokkotti poostaadhaan saamsanii guyyootii kennaman kana jidduutti qajeelcha mana sirreessaatti dhiyeessuun sanduuqa caalbaasichaaf qophaa'e keessa galchuu qabu.
5. Caalbaasichi guyyaa gaazexaa Kallacha Oromiyaa irratti qilleensa irra oolee kaasee kan lakka'amu guyyaa hojii walittiaanu 15 qilleensa irra turee gaafa 16ffaa ganama keessaa sa'a 4:00 irratti kan cufamu ta'ee, gaafuma sana sa'a 4:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni isaanii fi taajjabdoonni bakka argamanitti miseensota koree caalbaasii mana hojichaa fi bakka bu'oonni Waajjira Abbaa Alangaa, Waajjira Maallaqaa fi Waajjira Carraa Hojii uumuu bakka argamanitti ifatti kan banamu ta'a.
6. Dhiycessitoota irratti jijjiiramni haala sassaabbii galmeessa taaksii karaa waajjira Galiiwwanii taasifamu yoo mudate gatiin bu'uuraa bittaa meeshichaaf caalbaasicha irratti kenname hamma hin jijjiiramnetti jijjiiramni taaksii mootummaaf taasifamu baajeta sirreeffamaaf ramadamu jiddugaleessa kan taasisu yoo taa'e kan ragaa dorgomaan dhiyeeffatuun kan keessummaa'u ta'a.
7. Dorgomaan mo'ataa caalbaasichaa ta'e guyyaa bu'aan xiinxala caalbaasichaa ifa ta'ee calqabee guyyaa 3 keessatti dhiyaatee waliigaltee mallatteessuu qaba.
8. Dorgomaan tokko dorgommii caalbaasichaa eega darbee booda yaada isaa jijjiiruus ta'ee caalbaasicha keessaa of baasuu hin danda'u, gochi kunis akka seera caalbaasii mootummaa naannoo oromiyaatti tarkaanfii kan irratti fudhachiisu ta'a.
9. Dorgomaan Nyaata bilchaataa mo'ate, nyaata sadarkaa qulqullinaa isaa eeggate nyaata nama tokkoof gahu haala 'Mennuu nyaataa' qajeelchi mana sirreessaa baaseen sirreeffamaaf laachuu qaba.
10. Dorgomtoonni Waldaalee IMXGs ta'an, akkataa dambii waldaaleef fooyya'ee baheen kabachiisa caalbaasi qaamolee isaan gurmeesse irraa xalayaa kabachiisa caalbaasii sirrii ta'e dhiyeeffachuu qabu. Xalayaan dhiyaatu jecha wabummaa caalbaasicha kabachiisuun barreeffamee yoo dhiyaachuu baate koreen kufaa taasisuu ni danda'a.
11. Dorgomtoonni dhaabbata dhunfaa ta'an kabachiisa caalbaasii gatii waliigalaa dhiyeessiif kennan irratti %2 maallaqa callaa ykn CPO baankiitiin dhiyeessuu qabu; kabachiisni caalbaasii dorgomtoota kufaniif yeroo mo'ataan caalbaasichaa ifa ta'ee calqabee kan deebi'uuf yoo ta'u, kan dorgomtoota mo'ataa ta'anii immoo kabachiisa waliigaltee %10 waliigala dhiyeessii mo'atan irratti hundaa'ee dhiyaatuun kan bakka bu'u ta'a.
12. Dhiyeessitootni nyaata bilchaataa dhiyeessan nyaata kan qopheessan Mana hojichaa keessatti bakka qophii nyaataa qajeelchi qopheesse keessatti ta'ee, meeshaaleen nyaatni ittiin qophaa'an kan mana qophii nyaataa keessatti argaman akka jirutti ta'anii, kanneen hir'atan yoo jiraate dhiyeessaan nyaata kana qopheessu guuttatee tajaajila kana kennuuf dirqama qaba.
13. Beeksisa kana irrattis ta'ee waliigala adeemsa caalbaasii kana keessatti waanti ifa hin taane yoo jiraate dorgomaan caalbaasichi cufiinsa irra otoo hin ga'iin dura teessoo keenya armaan gadiitiin bilbilees ta'ee qaamaan argamee qulqulleeffachuu ni danda'a.
14. Dorgomtoonni adeems baniinsaas ta'ee, adeemsa xiinxala caalbaasichaa irratti komii qaban yoo jiraatan firiin caalbaasichaa ifa ta'ee guyyaa hojii walitti aanu 5 keessatti bul.mana hojichaatti dhiyeeffachuu ni danda'a.
15. Manni hojichaa carraa biraa yoo argate caalbaasii kana waliigalattis ta'ee gartokkee isaa haquuf mirga guutuu ni qabaata.
Teessoo Qajeelcha Mana Sirreessaa Godina Shawaa Lixaa Lakk. Bilbilaa 011236-20-82 ykn 011241-00-23 Qajeelcha
Mana Sirreessaa Godina Shawaa Lixaa Ambo
Tender details
- Deadline: 2026-06-29
- Bid closing time: 10:30
- Bid closing (note): guyya 16ffaa 4:00tti
- Bid opening: 2026-06-29 10:30
- Bid opening (note): guyya 16ffaa 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Godina Shawaa Lixaa
- Bid bond: 2%
- Bid document price: Qarshii 200.00
- Published: Jun 11, 2026
- Posted at: 2026-06-12T09:34:52.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.