Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Lixaa seekteroota isa jalatti argamanii fi Hospitaala Ciroo qabeenya tajaajilaa ala ta'e kan akka sibiilota caccaboo fi kukkufoo(Scrap), elektirooniksii adda addaa kan tajaajilaa

Description

Beeksisa Caalbaasii

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Waajjirri Maallaqaa Godina Harargee Lixaa seekteroota isa jalatti argamanii fi Hospitaala Ciroo qabeenya tajaajilaa ala ta'e kan akka sibiilota caccaboo fi kukkufoo(Scrap), elektirooniksii adda addaa kan tajaajilaa ala ta'e, kitaabotaa fi waraqaalee adda addaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee gurguruu barbaada.

Kanaafuu, dhaabbatoonni ulaagaa armaan gadii guuttan akka dorgomtan affeeramtanii jirtu.

1. Meeshaalee armaan olitti tuqaman erga mo'atee booda guyyaa 3 hanga 5 keessatti duguugee kaasuu kan danda'u/ttu.

2. Sibiilota caccaboo fi kukkufoo /Scrap/ iddoo jiru irraa mummuree miizana guddaatiin miizanee kaasuu kan danda'u/ttu.

3. Elektirooniksii adda addaa kan tajaajilaa ala ta'e lakkaa'amee gatiin mo`ateen yeroo tokkotti kaasuu kan danda'u/ttu.

4. Kitaabolee fi waraqaalee adda addaa kan tajaajila ala ta'e kiiloo giraamaan gatiin mo'ateen yeroo tokkotti kaasuu kan danda'u/ttu.

5. Kabachiisa caalbaasii gatii waliigalaa irraa %20 baankiitti CPOn qabsiisee ragaa isaa sanada caalbaasii keessa galchuudhaan kan dhiyeessuu danda'u/ttu.

6. Dorgomtoonni sanada caalbaasii maallaqa hin deebine qarshii 500.00 Waajjira Galiiwwan God/Har/Lixaa galchuudhaan sanada caalbaasii Waajjira Maallaqaa God/ Har/Lixaa AHBBDh/Qab/Tajaajila Waliigalaa Darboo- 2ffaa Lakkoofsa Biiroo 008 fi Hospitaala Ciroo Darboo 1ffaa Lakkoofsa Biiroo 40.5 irraa bituun ni danda'ama.

7. Caalbaasiin guyyaa beeksisni kun bahee guyyoota walitti aanan guyyoota 15f banaa ta'a.

8. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti gatii tokko guutanii gaafa beeksifni kun qilleensa irra oole irraa eegalee gaafa guyyaa 15ffaa sa'aatii 4:00tti saanduqa dhimma kanaaf qophaa'e kutaa AHBBDh/Qab/Tajaajila Waliigalaa keessa galchuun guyyuma kana sa'aatii 4:00tti cufamee sa'aatii 4:30tti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'aan isaanii argamanitti ni banama. Guyyaan baniinsa caalbaasii guyyaa hojii mootummaa ala yoo ta'e guyyaa hojii mootummaa itti aanu ni banama.

9. Dorgomaan meeshaalee armaan olitti tuqaman hunda irratti yoo dorgomee fi gatii olaanaa dhiyeesse ni jajjabeeffama.

10. Waajjirri haala mijataa yoo argate caalbaasii kana guutuun ykn walakkaan haquuf mirga qaba.

Iddoon isaa Waajjira Maallaqaa God/Har/Lixaa Kutaa AHBBDh/Qab/Tajaajila

Waliigalaa fi Hospitaala Ciroo

Lakk.Bilb: 09 13 71 13 29 / 09 15 75 16 21 / 09 12 41 26 04

Ciroo

Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa


Tender details

  • Deadline: 2026-06-29
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): Gaafa guyyaa 15ffaa sa'aatii 4:00tti
  • Bid opening: 2026-06-29 12:00
  • Bid opening (note): Gaafa guyyaa 15ffaa sa'aatii 4:30tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa
  • Bid bond: 20%
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published: Jun 14, 2026
  • Posted at: 2026-06-15T08:12:06.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders