Waajjirrii Galiiwwaan Bul/Magaalaa Shaashamanneemeeshalee Elektirooniksii gurguruu barbaada.
Description
Beeksiisa Caalbaasii
Waajjirrii Galiiwwaan Bul/Magaalaa Shaashamannee Qabeenya Abba idea Kafalaan taaksii Obb/Addee/Dhabbata Zawuduu Habtee Nidaa Gibiraa fi taaksii Mootummaa qarshii 7,980,739.72 (Mil. Torbaa fi kuma dhibba sagaliif Sadeetama fi dhibba torbaafi sodomii sagaliifisan,72/100) irra barbaadamu osoo hin kaffalin waan hafaniif Teessoon isaanii Godina/Magaalaa Shaashamannee Aanaa/kutaa magaalaa Allachee qabeenya abba idaa taksii (meeshalee Elektirooniksii)daldalaa turee akkataa labsii bulchiinsa taaksii bulchiinsa Mootummaa oromiyaa lakk.203/2009 kew. 43n angoo kennameen caalbaasiin ifaatiin gurguruu barbaada, Kanaafuu namni ulaaga barbaachisuu guutan qaamaan waajjira galiiwwaan Bul/Magaalaa shaashamannee dhuftanii sandaa calbaasichaaf qopha'ee bitachuun tarree meeshaa ilaaluun dorgomuu ni dandeetuu.
Ulaagaa Barbaachisuu
1. Hayyama daldadalaa gosa meeshaa kanaatiin bara baajataa keessattii harawoomee/yeroon harawoomsaa irra kan hin tarree kan qabu.
2. Gamaa'aa VAT ta'uu isaa Ragaa TIN fi Seertifikeetii dhiheeffachuu kan danda'uu Gatii ka'umsa bu'ura Ogeessii Waajjira daldalaa tilmaamee qar 630,250 (kuma dhibba jahaa fi kuma sodomaafi dhibba lamaa fi shantama.
3. Gatii caalbaasii ittiin moo'atee yeroo murta'ee keessattii galchee meeshaa kafaachuu kan danda'uu 4.Kabachisiisa calbaasiichaatiif gatii ka'umsaa irra qar. Wabummaa %10 CPOn Maqaa Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa magaalaa shaashamanneetiin hojjatamee qabsiisuu kan danda'uu ta'ee guyyaa beeksiifnni kun ba'ee irra kaasee guyyoota hojii 14 waliti anee jiruu qaamaan ykn kara bakka bu'aa isaatii waraqaa enymmaa fi Waraqaa B/ bu'ummaa Mirkanaa'ee qabachuun sa'aatii hojii 2:30 - 11:30 galma'uu ni dandeettuu
5. Sanduuqnni caalbaasichaa guyyaa Waxabajjii 24 bara 2018 guyyaa roobii cufamee guyyaa 25/10/2018 kamisaa bakka dorgamtootni ykn B/Bu'aan seeraa tiif koree caalbaasii argamanittii sa'aatii 4:30 ni gaggeeffama.
6. Guyyaa 26/10/2018 guyyaa Jimaataa bu'aan caalbaasii bakka ifa ta'ettii ni ibsama.
7. Dorgomaan caalbaasicha moo'atuun isaa mirkan'ee mallaqnni caalbaasii kabachisiisuuf qabame gatii mo'ateennitti dabalamee mallaqaa hafee galii gochuun guyyoota 5( Shanaan) walitii anee jiru keessatti meeshaa kafachuu qaba.
8. Qaamni moo'atee guyyaa seeraan ka'amee keessattii mallaqaa ittiin moo'atee galchee meeshaa kaasuu yoo dhabatee calbasichi haqamee mallaqnni wabummaaf absiisamee mootummaafi galii ni ta'aa
9. Waajjirrichii karaa foyya'aa yoo argatee gar-tokkeen ykn guutumaan guutuutti Caalbaasichaa haquu ni danda'a.
Waajjira Galiiwwaan Bul/ Magaalaa Shaashamannee
Tender details
- Deadline: 2026-07-01
- Bid closing time: 17:30
- Bid opening: 2026-07-02 10:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Galiiwwaan Bul/ Magaalaa Shaashamannee
- Bid bond: 10%
- Published: Jun 18, 2026
- Posted at: 2026-06-19T09:07:31.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.