Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaampaasiin Roobee midhaan nyaataa, Daabboo Nyaataa, mi'eessituuwwan gosa adda addaa, muka qoraanii fi meeshaalee nyaata itti bilcheessuuf tajaajilan kan biroo tajaajila kaadhimamtoota barsiisota ganna bara 2018 barataniif

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Lakk. 01/2018/2019

Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaampaasiin Roobee midhaan nyaataa, Daabboo Nyaataa, mi'eessituuwwan gosa adda addaa, muka qoraanii fi meeshaalee nyaata itti bilcheessuuf tajaajilan kan biroo tajaajila kaadhimamtoota barsiisota ganna bara 2018 barataniif kan oolu mala Caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee dhaabbata injifatu waliin walii galtee mallattessuun bittaa raawwachuu barbaada. Kanaafuu Dhaabbileen ulaagaalee armaan gaditti tarreeffaman guutuu dandeessan dorgomuu ni dandeessu. Bu'uruma kanaan:- goodachuuf von him

1) Dorgomtoonni Caalbaasicha qoodachuuf ykn hirmaachuuf Eeyyama hojii daldalaa kallattii qaban bara 2018tiif kan haarome, Waraqaa Ragaa dhiheessummaa (Supplier List Certificate), Ragaa TIN (Tax Payer's Identification number), Waraqaa ragaa galma'aa Taaksii Dabalataa Qabeenyaa (Value added tax) ykn VAT, fi Waldaa (Yuuniyeenoonni) ragaa waraqaa Qaama Seerummaa haaromfame dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qabu.

2) Dorgomtoonni guyyaa Beeksifni kun bahe irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan hunda sa 'aatii hojii mootummaatti sanada caalbaasichaa qarshii hin deebine qar. 500.00 (dhibba shan) Baankii Siinqeetti maqaa Kolleejjii Barnoota Barsiisotaa Roobeetiin baname Lakkoofsa herrega baankii 1072925211214 tti galii taasiisuun sanada caalbaasii Kaampaasii Roobeettii Biiroo Daarektoreetii Bittaafi Bulchiinsa Qabeenyaafi Faayinaansii irraa nagahee murachuun kutaa bittaa Kaampaasichaatii fudhachuun ni danda'ama.

3) Dorgomaan kamiyyuu Kabachiisa Caalbaasii CPO qarshii 100,000.00 (kuma dhibba tokko), kan qabate Maqaa Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaampaasii Roobeetiin qabsiisee sanada caalabaasii teeknikaala wajjiin dhiyeeffachuu qaba.

4) Dorgomtoonni sanada isaanii irratti maqaa fi teessoo guutuu akkasumas Chaappaa dhaabbatichaa qajeelatti barreessanii mallatteessuun dhiyeeffachuu qabu.

5) Dorgomtooni sanada dorgommii isaanii akkaataa itti saamsanii dhiheessuu qaban:- Sanada Faayinaanshaalaa Oriijinaala(Haadho), Sanada Faayinaanshaalaa Koppii fi Sanada Teekniikaalaa Orijinaala kophaa kophaatti poostaa sadiin (3) saamsuun maqaa dhaabbata dorgomee, chaappaa dhaabatichaa, mallattoo qaama dorgomee, gosa sanada dorgomii poostaa irratti barreesuun saamsamee dhiyaachu qaba,

6) Sanadni caalbaasii kan banamu guyyaa hojii beeksisni bahe irraa kaasee guyyoota hojii 15 qilleensa irra oolee gaafa guyyaa hojii 16 Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaampaasiin Roobee galma manaajimattii Kaampaasichaatti sa'aatii 4:00 irratti saanduqni caalbaasii saamsamee/cufamee guyyama kana sa'aatii 4:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seera qabeessa ta'an argamanitti caalbaasichi ifaan kan banamu ta'a. Haa ta'u malee guyyaan baniinsaa guyyaa ayyaanaa yookiin cufaa yoo ta'e guyyaa hojii itti aanutti kan banamu ta'a.

7) Dorgomaan caalbaasicha moo'ate meeshaalee ajajame baasii ofiitiin hanga kaampaasichaatti dhiheessuu qaba. Kaampaasichi Filannoo biroo yoo argate Caalbaasicha guutuun guututti ykn gartokkeen haquu ni danda'a. Odeeffannoo Dabalataaf Lakk. Bilbilaa 0930292416

Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaampaasiin Roobee


Tender details

  • Deadline: 2026-07-17
  • Publishing entity: Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Kaampaasiin Roobee
  • Bid bond: Qarshii 100,000.00
  • Bid document price: Qarshii 500.00
  • Published: Jul 02, 2026

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders