Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajataa 2019'tiif kan oolu nyaata dheedhii Mana Amala Sirreessaatii fi Nageenyaa fi Milishaa caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan do
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa 2ffaa
Godina Harargee Bahaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gursum bara Baajataa 2019'tiif kan oolu nyaata dheedhii Mana Amala Sirreessaatii fi Nageenyaa fi Milishaa caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomaan ulaagaa asii gadii guuttan dorgomuu ni dandeessu.
Ulaagaalee Qajeelfama Dorgomtootaa:
1. Dorgomaan hayyama daldalaa seera qabeessa nyaata dheedhiin kan qabuu fi heyyaama daldalaa bara 2018 akka qajeelfama waajjira daldaalaatti kan haaroomse.
2. Dorgomaan tarreeffama dhiyeesitoota keessatti kan galma'e jiruu fi galmee tarreeffama dhiyeessitoota haroomee keessa galmaa'aa ta'uuf ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
3. Ragaa kaffaltii gibira bara 2017 akka qajeelfamaa A/T/Galiitti dhiheessuu kan danda'u.
4. Dorgomaan Galmaawaa taaksii dabalata qabeenyaaf (VAT) ykn ToT ragaa dhiheessuu kan danda'u.
5.Sanadni caalbaasii haqaa fi laaqa qabu fudhatama hin qabu.
6. Gatiin meeshaa dhiyaatu Taaksii (VAT) ykn TOT dabalatee guutuu isin irra jiraata.
7. Dorgomaan fuula sanadaa hunda irratti sumuda (stamp) isaanii dhahuun mallatteessuu qaba.
8. Dorgomaan kabachiisa caalbaasiif CPO maallaqa Itiyoophiyaa Qarshii gatii waliigalaa caalbaasicha irraa 2% Jechuunis Qr.30,000 (Qarshii kuma soddoma) ykn CPO baankiidhaan mirkanaa'e dhiyeessuu qaba.
9. Dorgomaan moo'e meeshaalee moo'atan hanga Man- Kuusa (Istoora) Waajjira Maallaaqaa Aanaa Gursum geessuu qaba.
10. Dorgomaan Caalbaasicha gufachiisuuf yaale kabachiisni caalbaasii irraa dhaalamuu fi caalbaasii fuula duraa irraa kan ugguramu tahuu hubatamuu qaba.
11. Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun gaazeexaa irratti bahe irraa kaasee waajjira maallaqaa Aanaa Gursum kutaa lakk. 3 irraa qarshii (300) dhibba sadii kan hin deebineen bitachuu danda'a.
12. Caalbaasiin eega baname booda yaada jijjiiruu, fooyyeessuun ykn Caalbaasii keessaa of- baasuun gonkuma hin danda'amu.
13. Dorgomaan caalbaasii erga moo'ee booda guyyoota hojii 15 (kudha shan) keessatti waliigaltee mallatteessuu qaba.
14. Dorgomaan erga moo'ee guyyaa hojii 15 (kudha shaan) keessatti yoo Waliigaltee hin mallatteessine dorgomaa lammaffaa baheef carraan ni kennama.
15. Qaamni bittaa raawwatu meeshaa ykn tajaajila gaafate irratti % 20 dabaluu ykn hir'isuu mirga qaba.
16. Bakka/Iddoon Sanduuqni Caalbaasii ykn sanadni itti dhiyaatu Waajjira MWD Aanaa Gursum kutaa Garee bittaa ta'a.
17. Waajjirichi filannoo fooyya'e yoo argate caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquudhaaf mirga guutuu qaba.
18. Caal-baasiin kun guyyaa 8/10/2018 irraa jalqabee hanga guyyaa 08/11/2018 banaa ta'uudhaan guyyaa 28/11/2018 sa'aatii 11:00 PM irratti ni cufama. Caal-baasiin kun guyyaa 29/11/2018 sa'aatii 3:00 A.M bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni dorgomtootaa seera qabeessa ta'an argamanitti Waajjira Mallaaqaa Aanaa Gursumitti kan banamu ta'a.
Odeeffannoo dabalataaf:-Lakk.Moobaayilii: 0913234372,0989505331,0910131476
Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum
Tender details
- Deadline: 2026-08-04
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Gursum
- Bid bond: 2% Jechuunis Qr.30,000 (Qarshii kuma soddoma)
- Bid document price: Qarshii 300.00
- Published: Jul 15, 2026
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.