Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa Mana Sirreessaa Godina Wallagga Bahaatiif nyaata sirreeffamtoota seeraaf kan oolu nyaata bilchaataa ykn midhaan dheedhii, midhaan biilaa, midhaan qolaa, mi'eessituu gosa adda addaa fi qoraan(gudeelcha) kallattiin
Description
Beeksisa Caalbaasii Ifaa Biyyoolessaa Marsaa 1ffaa
Waajjirri Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa Mana Sirreessaa Godina Wallagga Bahaatiif nyaata sirreeffamtoota seeraaf kan oolu nyaata bilchaataa ykn midhaan dheedhii, midhaan biilaa, midhaan qolaa, mi'eessituu gosa adda addaa fi qoraan(gudeelcha) kallattiin eyyama hojii daldalaa qaban wal dorgomsiisee caalbaasii ifaatiin bituu barbaada.
Kanaafuu, dhaabbileen dhuunfaa fi waldaaleen (IMX) kan ulaagaa armaan gadii guutuu dandeessan dorgomuu ni dandeessu.
1. Eeyyama kallattii kan qabu.
2. Eeyyama kan haaromfatee qabu, Galmaa'aa VAT kan ta'e, Lakk. TIN kan qabu,waraqaa ragaa dhiyeessummaa kan qabu.
3. Waraqaa qulqullinaa waajjira Galii Godinaa, Magaalaa fi Aanaa irraa kan dhiyeeffachuu danda'u.
4. Muuxannoo dhiyeessummaa nyaata bilchaataa dhiyeessuuf ykn dheedhii dhiyeessuu isaaf muuxannoo kan qabu.
5. Waraqaa galatoomaa waajjira mootummaa dhiyeessaafi ture irraa ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u.
6. Dorgomtootni sanada caalbaasii ittiin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 1000 (kuma tokko) kaffaluun beeksifni guyyaa Gaazexaa irratti maxxanfamee irraa eegalee guyyoota hojii mootummaa walitti aanan 15 (kudha shan) keessatti kan fudhatu.
7. Dorgomtoonni Wabii Kabachiisa Caalbaasii Qar. 100,000.00 (kuma dhibba tokko) wabii baankii haala irratti hin hundoofne qofaan dhiyeeffachuu kan qabu.
8. Dorgomtootni sanada caalbaasichaaf qophaa'e Orjinaala Teekinikaa fi Faayinaansii orijinaala poostaa adda addaan akkasumas kooppii tekiniikaa fi faayinaansii poostaa adda addaatti samiidhaan(gagaadhaan) saamsuun walii gala iddoo tokkotti kan olitti ibsame poostaa guddaa tokko keessattii sanada gurguramee tokkoon tokkoo sanadichaa irratti mallattoo taasisuun, maqaa dhaabbataa, maqaa hogganaa ykn qaama aangoo qabuun guutuun, chaappaa fi teessoo barbaachisu irrattii barreessuun gaafa guyyaa hojii beeksisni kun gaazexaa irratti maxxanee ka'ee guyyaa hojii 16ffaattii sa'aatii 4:00tti galee gaafuma sana ganama sa'aatii 4:30tti banama. Dorgomaan jiraatus jiraachuu baatus baniinsa caalbaasii hin dangeessu. Dorgomaan baasii mataa isaan waan mo'e kuusaa galchuu qaba.
9. Dorgomaan mo'ate kabachiisa waliigaltee 10% bittaa walii galaa keessaa rawwachuu ni dirqama.
10. Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha guutummaa guutuutti ykn gar-tokkee isaa haquuf mirgi isaa kan eegamedha.
Odeeffannoo dabalataaf lakk. bilb.: 0913 736 617 WMGWB.
Waajjira Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa
Tender details
- Deadline: 2026-08-05
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa hojii 16ffaattii sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-08-05 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa hojii 16ffaattii sa'aatii 4:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Wallagga Bahaa
- Bid bond: Qarshii 100,000.00
- Bid document price: Qarshii 1,000.00
- Published: Jul 18, 2026
- Posted at: 2026-07-18T08:34:04.000Z
Documents
Categories
Source
2merkato
Always verify against the original notice before bidding.