Waajjirri Maallaqaa Godina Arsii, bara baajataa 2019 tajaajila Hojii Manneen  Mootummaa (Abbootii baajataa) Sadarkaa Godinaa jiraniifkan oolu Meeshaalee dhumataa Biiroo keessaa

Description

Beeksisa waamicula Caabaasii Biyaalessaa (NCB)

Lakk. WMGA.01/2019

Waajjirri Maallaqaa Godina Arsii, bara baajataa 2019 tajaajila Hojii Manneen  Mootummaa (Abbootii baajataa) Sadarkaa Godinaa jiraniifkan oolu Meeshaalee dhumataa Biiroo keessaa,

  • Meeshaalee dhaabbii Elektirooniksii,
  • Meeshaalee dhaabbii faarnicharii biiroo,
  • Goommaa Konkolaataa fi baatirii konkolaataa,
  • Meeshaalee Qulqullinaa, Uffataa fi
  • Meeshaalee Hojii Hojjettoota Mootummaa mala Bittaa Caalbaasii Ifaa Biyyaalessaatiin dhiyeessitoota Waldorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada.

Kanaafuu:

1. Dorgomtoonni bittaa gaafatameef:Koodii Gita kenniinsa Heeyyama hojii Daldalaa /Business Licensing Category Code/ rogummaa qabu bara 2019 haaroomfame/haaraa, Waraqaa Ragaa galmeeffama Taaksii dabalata Qabeenyaa/Vat,Waraqaa Ragaa Kaffalaa Gibiraa/Tin, Waraqaa ragaa dhiyeessummaa bittaa/"Supplier List" Poortaala e-GP irratti galmaahe, ykn Biiroo Maallaqaa ykn Ejansii Bittaa fi dhabamsiisa qabeenyaa Sadarkaan jiru irraa kenname dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.

2. Dorgomtoonni; Waraqaa Ragaa (Xalayaa) qulqullina taaksii (gibira) bara 2018 kaffalanii Xumuruu isaanii ibsu Waajjira Galiiwwan Sadarkaan jiru irraa dhiyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.

3. Dorgomtoonni: tokkoo tokkoo Sanada Caalbaasii Meeshaalee dhaabbii Elektirooniksii, Goommaa Konkolaataa fi Meeshaalee dhumataa biiroo keessaatiif qarshii hin deebine 1000.00/Kuma tokko/,Sanada Caalbaasii Meeshaalee dhaabbii faarnichariitiif qarshii 500.00/dhibba shan, Meeshaalee Qulqullinaa fi Uffataa fi Meeshaalee hojii Hojjettoota Mootummaatiif tokkoo tokkoo Sanada Caalbaasiitiif qarshii hin deebine 800.00/Dhibba Saddeet/ Maqaa Waajjira Maallaqaa Godina Arsiitiin Baankii Siinqee Lakk. Herreega Baankii: 1071378041218 galii gochuun fotoo koppii heeyyama daldalaa rogummaa qabu qabachuun/dhiyeeffachuun Garee Bittaa, Bulchiinsaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa fi Tajaajila Waliigalaa G+1, Kutaa Lakk. 106 Sa'aa hojii Mootummaa bitachuu/argachuu ni danda'u.

4. Sanada Caalbaasiif qophaa'e gurguruun kan eegalamu; guyyaa Caalbaasiin kun Gaazexaa irratti maxxanfamee bahe irraa eegalee guyyoota hojii Mootummaa Walitti aanan Kudha Shaniif (15) kan gurguramuu fi qilleensa irra kan turu yoo ta'u, sanadni yaada dorgommii Caalbaasii (SYDC) Poostaa hapheeffameen hanga guyyaa 16ffaa hanga Sa'aatii 4:00tti qofa Saanduqa Caalbaasiif qophaa'e keessatti galchuun Koree Xiinxala Caalbaasii Waajjirichaatiin erga hapheeffameen booda, guyyaama charii kana (Guyyaa 16ffaa) sa'aatii 4:30 irratti dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni seeraa dorgomtootaa bakka argamanitti Galma Walgahii Waajjirichaa Lakk. MWD.209tti ni banama. Ta'us argamuu dhabuun dorgomtootaa Sirna baniinsa Caalbaasii kan hin gufachiifne yoo ta'u, Guyyaan 16ffaa Sambataa fi Dilbata ykn Guyyaa Ayyaana Ummataa "Public Holiday" yoo ta'e, Caalbaasiin kan banamu guyyaa hojii itti aanu iddoo fi Sa'aatii ibsametti ta'a.

5. Dorgomaan kamiyyuu: tokkoo tokkoo Sanada Meeshaalee Dhaabbii Elektirooniksii fi Goommaa Konkolaataatiif Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii qarshii 180,000.00 (Kuma Dhibba tokkoo fi kuma saddeettama), Meeshaalee dhumataa biiroo keessaatiif Wabummaa Kabachiisa Caalbaasii Qr. 130,000.00/ kuma dhibba tokkoo fi kuma soddoma /,Uffataa fi Meeshaalee hojii hojjettootaatiif Wabummaa kabachiisa Caalbaasii qarshii 70,000.00/kuma torbaatama, Meeshaalee Qulqullinaatiif Wabummaa kabachiisa Caalbaasii qarshii 50,000.00/Kuma Shantama, Meeshaalee dhaabbii faarnicharii biirootiif Kabachiisa Caalbaasii qarshaa 35,000.00/Kuma Soddomii Shan Baankii beekamaa ta'e irraa mirkanaa'ee "CPO" qofaan Maqaa Waajjira Maallaqaa Godina Arsii tiin qophaa'e Poostaa Sanada yaada dorgommii Caalbaasii/SYDC keessa galchuun dhiyeessuu danda'uu qaba.

6. Dorgomtoonni kamiyyuu Sirrummaa fi Seera qabeessummaa tokkoo tokk ragaalee Caalbaasii kana irratti hirmaachuu isaan dandeessisu dhiyeeffataniif Itti gaafatamummaa fudhachuu kan qaban ta'uu beekuu qaban.

7. Mo'ataan Caalbaasii meeshaalee dhiyeessuuf Waliigaltee dhiyeessa bittaa itti mallatteesse baasii geejjibaa ofiitiin hanga Waajjira Maallaqaa Godina Arsii, Magaalaa Asallaatti argamutti dhiyeessuu kan danda'u ta'uu qaba. on salli

8. Saanduqni Caalbaasii erga cufameen booda, Sanadni yaada dorgommii Caalbaasii/SYDC/dorgomtootaan dhihaatu /Late Bidder/ fudhatama hin qabaatu.

9. Waajjirichi karaa fooyya'aa yoo argate, Caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutummaan guututti haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf:Lakk. Bilbilaa:0222381142, Asallaa

Wajjira Mallaqaa Godina Arsii


Tender details

  • Deadline: 2026-08-08
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Arsii
  • Bid bond: Lootiidhaan garaagarummaa qaba
  • Bid document price: Lootiidhaan garaagarummaa qaba
  • Published: Jul 22, 2026
  • Posted at: 2026-07-22T08:27:15.000Z

Categories

Source

2merkato

Always verify against the original notice before bidding.

View original ↗
← Back to all tenders