Stationery and office consumables
Waajjira Maallaqaa G/Baalee meeshaalee adaadaa bituu barbadaa
Description
Beeksisa Caalbaasii Marsaa 1faa Bittaa Meeshaalee
Godina Baaleetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gaasaraa seektaroota Aanaatiifkan tajaajilan Meeshaalee Barreessaa, Toonaroota adda addaa Meeshaalee dhaabbii fi dhumataa,meeshaalee Qulqullinnaa,, Meeshaa dhaabbii biiroo keessaa,Meshaalee Elektirooniksii, Farniicharoota, afaa lafaa, Meeshaalee ijaarsaa, Gommaa konkoolaataa, Meeshaalee jijjirraa Konkoolaataa, Bittaa Uffata seeraa hojjattootaa, Doqdoqqee fi Meeshaalee Leenjii Kollejjii BLTO caalbaasii ifaatiin wal-dorgomsiisuun bituuf daldaaltota ulaagaa kanaa gadii tarreeffaman guutuu danda'an dorgomuu ni danda'an.
1. Dorgomtoonni damee hojii ittiin dorgomaniin heyyama daldalaa bara 2018/2019tiif haarome dhiyeessuu qabu.
2.Dorgomtoonni gibira baraa kafaluu isaanii kan mirkaneessu ragaa Waajjira Abbaa Taayitaa Galiwwanii irraa ykn gibira baranaa kanfalanii heyyama daldalaa haarome ykn haaraa yoo ta'an heyyama daldalaa haaraa dhiyeessuu qaban.
3. Waraqaa ragaa galma'aa VAT, Ragaa TIN (taxpayer identification number)Waraqaa ragaa Dhiyeesummaa (supplier list certificate) dhiyeessuu qaban.
4. Dorgomaan kamiyyuu Kabachiisa caalbaasii CPOn qarshii 20,000.00(kuma diigdamaa) Maqaa Waajjira Maallaqa Aanaa Gaasaraatiin qophaa'e dhiyeessuu qabu.
5. Dorgomtoonni meeshaalee saamuda barbaadan guyyaa dorgommiif dhiyaatan qabatanii dhiyaachuu qabu.
6.Dorgomtoonni sanada caalbaasii guyyaa caalbaasiin bahee irraa eegalee guyyaa hojii 15 walitti aananiin qarshii hin deebinee qr. 200.00(dhibba lamaa qofa) Baankii daldalaa Itiyoophiiyaa Maqaa lakkoofsa herreega baankii Gasera Wereda FED tiin Lakkoofsa herrega baankii 1000163167909 galchuun sanada Waajjira Maallaqa A/Gaasaraa tti lakka kutaa 3 irraa bitachuun ni danda'ama..
7. Dorgomtoonni sanada ittiin dorgoman irratti ibsa meeshaa ibsaman alatti haquu fi laaquun kan ofii dabaluun hin danda'amu. Filannoo biraa kan fooyya'e yoo jiraate waraqaa biraa irratti galmeessuun sanada yaada dorgommii irratti mallatteessuun chaappaa dhaabatichaa irratti rukutuun dhiyeessuun ni danda'ama.
8. Dorgomtooni meeshaalee ittiin dorgoman irratti moodeela fi Biraandii meeshaalee akkasumas biyya itti oomishaman barreessuu qabu. Meeshaalee moodeelaa fi Biraandii meeshaalee guuttamuu qaban osoo hin guutamin gatii qofa guutuun kan dorgoman yoo ta'e gatiin guuttame gara waldorgommiitiif hin darbu.
9.Dorgomaan kamiyyuu erga caalbaasiin banamee haalawwaan sanada caalbaasii irratti ibsaman jijjiiruu ykn fooyyeesuu ykn caalbaasii keessaa bahuun hin danda'amu.
10. Dhiyeessaan meeshaalee ittiin moo'atee baasii hunda danda'uun fiiduudhaan gola meeshaa waajjira Maallaqaa A Gaasaraatitti galii gochuu qabaa.
11. Dorgoomaan moo'ataa ta'ee xalayaadhaan ibsameef guyyaa hojii 5ffaa booda guyyaa 6ffaa irraa egalee guyyoota 15 keessatti waajjira Maallaqaa A/Gaasaraatti dhiyaachuun kabachiisa Waliigaltee %10 qabsiisuun waliigaltee seenu qaba.
12. Dorgomaan kabachiisa waliigaltee gatii ittiin moo'ate waliigalaa irraa qarshii %10 CPO dhaan maqaa waajjira Maallaqaa Aanaa Gaasaraatiin qabsiisuu qaba.Kabachiisa waliigaltee qarshii %10 CPOn qabsiifamee hanga waliigalteen raawwatamutti waajjiraatti qabamee Kan turuu ta'aa.
13. Dorgomaan haala waliigaltee seenameen dirqama isaa yoo bahuu baatee ykn haala waliigalteen yoo raawwachuu baate kabachisaa waliigaltee tiif maallaqa %10 CPOn qabsiifamee mootummaaf galii ta'aa.
14. Dorgomaan waliigaltee akka seenu yeroo yaamicha godhameef keessatti waajjiratti dhiyaatee waligaltee kan hin seennee yoo ta'e kabachiisaa caalbaasii qr 20,000.00 (kuma diigdamaa) CPOn qabsiifamee mootummaaf galii ni godhamaa.
15. Caalbaasiin guyyaa qilleensa irraa olee kaasee guyyaa hojii 16ffaa ganama sa'aa 4:00 tti cufamee guyyuuma kana sa'aa 4:30 tti bakka dorgoomtoonii ykn bakka bu'oonii argamanitti ni banamaa.Guyyaan baniinsaa ayyaanaa ykn cufaa yoo ta'ee guyyaa hojii itti aanuu caalbaasiin ni banamaa.
16. Sanduuqni caalbaasii guyyaa beeksiifni caalbaasii qilleensa irraa olee kaasee hanga guyyaa hojii cufiinsa caalbaasii, yeroohojii hundumaa sanduqni caalbaasii banaa ta'ee kan turuu waan ta'eef dorgomtoonni sanada dorgommii isaanii sanduuqa caalbaasii keessa galchuu ni danda'an.Erga sanduuqni caalbaasii cufamee booda sanada caalbaasii dhiyaatu fudhatama hin qabu.
17. Dorgomtoonni adeemsa caalbaasii irratti komii yoo qabaatan barreefamaan waajjiraaf dhiyeessuu ni danda'u.
18. Waajjirichi dhiyeessaaf kaffaltii gatii meeshaalee ykn tajaajila kan raawwatu haala waligalteetiin meeshaalee ajajaman qulqullinnaa fi baay'ina meeshaa ajajaman galii ta'uu isaanii ragaa(Moodeela 19) yammuu dhiyeessu ta'a.
19. Caalbaasiin ragga'ee kan itti turu haaluma qajeelfama bittaa irratti ibsameen ta'a.
20. Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caalbaasii guutumaan guututtii ykn gartokkeen haquuf mirga ni qaba.
21. Dorgomaan kamiiyyuu moo'ataa ta'ee dhiyaatee meeshaa osoo hin dhiyeesiin dura waajjira bittaa raawwatu waliin kabachiisa
waligaltee baankii beekkamaa irraaqarshii CPOn %10 qabsiisee waliigaltee seenuuf dirqama qaba. Ibsa dabalataaf lakk. bilbilaa 0912466373/0913838788 bilbiluun gaafachuun ni danda'ama. Waajjira Maallaqaa A/Gaasaraa
Haala waligaltee
Bittaawwan gulantaa (6212,6218,6219,6241,6244,6313,6314) irratti taasifamu
1. Dhiyeessaa fi qaama bittaa raawwatuu gidduutti caalbaasichi taasifameen dhiyeessaan yeroo waliigaltee keessatti meeshicha, tajaajilicha kan hin raawwatiin ykn dabarsiin yoo hafe,
a. Gatii bittaa wal-harkaa fudhiinsi hin godhamiin irratti guyyaa guyyaan %0.1 ykn 1/1000 adaba akka kaffalu.
b. Adabbiin haala kanaan murtaa'u gatii caalbaasichi keessaa %10 yeroo caalu qaamni bittaa raawwatu walii galtee kana haquuf mirga kan qabu ta'u isaa.
C. Raawwannaan waliigaltee turuu isaatiin sochii hojii irratti rakkoon kan uummu yoo ta'e qaamni bittaa raawwatu adabbii %10 hanga guutuutti eguu osoo hin dirqamiin akeekkachiisa kennee caalbaasichi haquuf mirga qaba.
2. Dhiyeessaan haala waliigalteetiin kan hin raawwannee yoo ta'ee haala qajeelfamaatiin tarkaanfiin adabbii bittaa mootummaa irratti akka irratti fudhatamu ni taasifamaa.
3. Dorgomtoonnii bittaa 100,000.00 ol ta'ef nagahee VAT seera qabeessa ta'ee keennu qaban.
4. Dhiyeessaan meeshaalee dhiyeessuuf yeroo waligaltee seenamee keessatti meeshaalee qulqulinna isaanii eggamee dhiyeesuu qabaa.
5.Waajjiriichi dhiyeessaan meeshaalee dhiyeessuuf yeroo waliigaltee seenee keessatti meeshaalee qulqulinna isaa eggamee dhiyeesee ragaa yammuu dhiyeessu kaffaltiin gatii meeshaa fi tajaajila ni raawwataa.
6. Waajjirii bittaa raawwatu baajata seektaroota walmadaalchiisuudhaan baayina meeshaa bituu sanada keessatti ibsameen ala dabaluun ykn hirdhiisuun bittaa ni raawwataaf.
7. Waajjirii bittaa raawwatu bittaa meeshaa fi tajaajila raawwachuuf yeroo waliigaltee seenee keessatti gatii caalbaasii moo'ataa ta'ee irratti gatii osoo hin dabaliin bittaa ni raawwataa.
8. Waajjirrii bittaa raawwatu baayina meeshaalee sanada keessatti ibsaman alatti baajata seektaroota walmadaalsiisuun baayina meeshaalee bitaman %20 dabaluu ykn hirdhiisuu bittaa raawwachuu ni danda'aa.
9. Meeshaaleen rakkoo qulqulinna qabaatanii sakata'iinsa yoo barbaachiisee gatii sakata'insa dhiyeessaan ni danda'aa.
10. Dorgomtooni gurgurtaa raawwataniif nagahee seera qabeessa keennuf dirqama qabu.
Waajjira Maallaqaa G/Baalee
Tender details
- Deadline: 2026-08-21
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Guyyaa hojii 16ffaa ganama sa'aa 4:00 tti
- Bid opening: 2026-08-21 10:30
- Bid opening (note): Guyyaa hojii 16ffaa ganama sa'aa 4:30 tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa G/Baalee
- Bid bond: Qarshii 20,000.00
- Bid document price: Qarshii 200.00
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Aug 06, 2026)
- Posted at: 2026-08-10T13:03:40.000Z