Office furniture

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Bittaa Meeshaalee Waajjira Maallaqaa Aanaa Habroo Bara Bajataa 2019 Lakkoofsa 001/2019.

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Lakk. Caalbaasii 001/2019

Godina Harargee Lixaatti kan argamu Waajjirri Maallaqaa Aanaa Habroo Bara Baajataa 2019tti.

Meeshaalee Manneen Hojii Aanichaaf Barbaachisan:-

  • Meeshaalee Barruu, Meeshaalee Qulqullinaa,Meeshaalee Electronics, Meeshaalee Farnichara, Gommaa Konkolataa fi Uffata Dambii Caalbaasii Ifaa baasee bituu waan barbaadeef beeksifni caalbaasichaa Gaazexaa irratti gaafa bahe irraa Eegalee sanada caalbaasii guutuu isaa qarshii hin deebine Qr. 1500 (kuma tokko fi dhibba shan) Waajjira Galii Aanaa Habroo irraa dhuftanii sa'aatii hojii Mootummaatti Wiixataa hanga Jimaataatti qaamaan bitachuu kan dandeessan ta'uu ibsina.
  • Daldaltootni Ulaagaalee armaan gadii guuttan caalbaasicha irratti hirmaachuu dandeessu.
  • Gibira Bara 2018 kan kaffale.
  • Hayyama daldalaa kan 2019 kan haaromsee fi hayyamni hojii isaa gosa meeshaalee kanaan kan wal fakkaatu ta'uu.
  • Waraqaa ragaa Qulqullinaa kaffalaa gibiraa Waajjira Galii irraa dhiheessuu kan danda'u.
  • Waraqaa ragaa dhiheessummaa qabaachuu.
  • VAT galmaa'aa ta'uu fi parsantii 7.5% kan Aanaa ittiin dorgomeef kaffaluu qaba.
  • Lakkoofsa kaffalaa gibiraa ykn TIN. Numberii kan qabu.
  • Dorgomaan mo'ataan qarshii fudhachuuf Nagahee dhiheessuu qabu kan dhaabbata maxxansaa Biraaninna Salaam /QR Code/ qabuu fi Cash Rigister/Kan mashinaan muramu/ qofa ta'uu qaba.
  • Kabachiisa caalbaasii (CPO) Maallaqa Ethiopia Qr.50,000 (kuma shantama qofa) karaalee Baankilee Biyya keenyaatiin hojjechiisee dhiheessuu qaba.
  • Dorgomaan hanga meeshaalee ittiin moo'atee Istoora Wajjira Maallaqaa Aanaa Habrootti galii galchuu qaba.
  • Dorgomaan hanga meeshaalee ittiin moo'atan galchuu yoo baatan Kabachiifni caalbaasii isaanii ni dhaalama.
  • Dorgomaan kamiyyuu ragaan isaa haqaa, laaqaa yoo tahee fi kan hin dubbifamne tahe fudhatama hin qabu.
  • Dorgomaan kamiyyuu kanaan dura iddoo ittiin dorgomaa ture irratti meeshaalee ittiin moo'atan duguugee galchuu isaa xalayaa ragaa yoo qabaate haalaan filatamaadha.
  • Dorgomaan kanaan dura adabbii bittaa qabu kamuu dorgomuu hin danda'u.
  • Sanadichi Caalbaasii guyyaa qilleensa irraa oolee Eegalee guyyoota hojii idilee 20'f qilleensa irra erga turee booda gaafa 21ffaa ifatti kan banamu tahuu isaa cimsinee isin beeksifna.
  • Dhaabbanni daldalaa ulaagaalee armaan olitti eeraman guutee argamu ragaa Orjinaala fi kophii isaa sanduuqa Waajjiraa Maallaqaa Aanaa Habroo keessatti galchuu kan dandesssan hanga guyyaa 21ffaa  sa'aatii Waaree Dura 5:00 irratti Cufamee  guyyuma 21faa kana sa'aatii Waaree Booda 8:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka bu'oonnii Seeraa argamanitti ni banama yoo jiraachuu baatanis adeemsi caalbaasichaa kan itti fufu ta'a.
  • Waajjirichi carraa kana caalu yoo argate caalbaasichi guutummaatti ykn gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.

Odeeffannoo dabalataaf: 0933294535 /0924172323 /0989490954/0927456440/ 0910999127

Godina Harargee Lixaatti kan argamu Waajjirri Maallaqaa Aanaa Habroo


Tender details

  • Deadline: 2026-08-20
  • Bid closing time: 11:00
  • Bid closing (note): guyyaa 21ffaa sa'aatii Waaree Dura 5:00
  • Bid opening: 2026-08-20 14:00
  • Bid opening (note): guyyuma 21faa kana sa'aatii Waaree Booda 8:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Harargee Lixaatti kan argamu Waajjirri Maallaqaa Aanaa Habroo
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 1500.00
  • Published on: Addis Zemen (Jul 28, 2026)
  • Posted at: 2026-07-28T10:24:45.000Z
← Back to all tenders