Office furniture

Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aayiraa bara baajetaa 2019tiif kan oolu meeshaalee armaan gadii caal-baasii ifaan wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomtoonni ualaagaa armaan gadii guuttan sanada caal-baasichaaf qophaa'e Waajjira

Description

Beeksisa Caal-baasii Ifaa

Godina Wallagga Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Aayiraa bara baajetaa 2019tiif kan oolu meeshaalee armaan gadii caal-baasii ifaan wal-dorgomsiisee bituu waan barbaaduuf dorgomtoonni ualaagaa armaan gadii guuttan sanada caal-baasichaaf qophaa'e Waajjira Maallaqaa Aanaa Aayiraatii bitachuudhaan guyyaa jedhame keessatti dhiyaattanii dorgomuu dandeessu.

  1. Dhiyeessii meeshaalee Elektirooniksii.
  2. Dhiyeessii meeshaalee Jijjiirraa konkolaataa.
  3. Dhiyeessii meeshaalee mooter-saayikilootaa.
  4. Dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa adda addaa.
  5. Dhiyeessii Uffata seeraa /Uffata dambii hojjettootaa.
  6. Dhiyeessii meeshaalee barreeffamaa/isteeshineerii.
  7. Dhiyeessii Meeshaalee farniicheraa.

Ulaagaalee Barbaachisan:

  1. Hayyama Hojii daldalaa kan qabuu fi Hayyama hojii daldala isaatii kan bara 2019 kan haaresse.
  2. Waraqaa Ragaa dhiyeessummaa Biiroo Maallaqa Oromiyaa yookiin qaama inni bakka buuse irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
  3. IMX yoo ta'e waraqaa ragaa qaama seerummaa qaama isa ijaare irraa dhiyeessuu kan danda'u.
  4. Idaa mootummaa irraa bilisa ta'uu isaa waraqaa qulqullinaa Waajjira(Biiroo)Abbaa Taayitaa Galiiwwanii irraa dhiyeeffachuu kan danda'u.
  5. Galmaa'aa VAT/TOT/fi Ragaa TIN dhiyeeffachuu kan danda'u.
  6. Bittaa Mootummaa irraa kanaan dura kan hin dhorkamne.
  7. Meeshaalee mo❜ate hunda hanga Waajjirichaatti dhiyeessuu kan danda'u.
  8. Kabachiisa caal-baasiif Qar. 50,000.00(kuma shantama ) Lakkoofsa Herregaa Baankii Siinqee Waajjira Maallaqaa Aanaa Aayiraa 1070791041218 irratti galchuun qabsiisuu kan danda'u.
  9. Dorgomtoonni poostaa Tekinikaa orijinaala fi koppii isaa akkasumas, Poostaa Faayinaansii orijinaalaa fi koppii isaa adda addaan samsanii dhiyeessuu qabu.
  10. Kabachiisa waliigalteef gatii waliigalaa ittiin mo'ate irraa 10% qabsiisuu kan danda'u.
  11. Meeshaa Mo'ate kana yeroo barbaadamuutti dhiyeessuu kan danda'uu fi qulqullina isaa eegee akkaataa baay'ina gaafatametti dhiyeessuuf fedha kan qabu.
  12. Mo'ataan Caal-baasichaaAkkaataa Qajeelfama dorgomtootaa waajjirichi isaaf kenne irratti hundaa'ee hojjechuuf fedha kan qabu.
  13. Dorgomaan Caal-baasichaa Dhiyeessii Uffata seeraa irratti osoo poostaa hin galchin Saamuda(sample) dhiyeessuuf dirqama qaba.
  14. Dhiyeessii Meeshaalee Kanneen Biroo irratti ammoo Mo'ataan erga adda ba'ee booda waan mo'ate irratti Saamuda(Sample) dhiyeessuuf dirqama qaba.
  15. Dorgomtoonni Poostaa fi sanada Caal-baasii irratti maqaa isaanii,Chaappaa isaanii, Teessoo isaanii fi mallattoo isaanii guutuu qabu. Dorgomtoonni dorgomuu barbaaddan guyyaa beeksifni kun ba'e gaafa guyyaa 23/11/2018 irraa kaasee hanga gaafa guyyaa 13/12/2018 dhiyaattanii dorgomuu kan dandeessan ta'uu isin beeksisaa, sanada Caal-baasichaaf qophaa'e qarshii hin deebinee Qar. 400.00 (dhibba afur)kaffaluudhaan waajjirichaa bitachuu kan dandeessan ta'uu ibsaa caal-baasichi guyyaa 13/12/2018 sa'aatii 4:30 irratti cufamee Guyyaa 13/12/2018 sa'aatii 5:00 irratti Waajjira Maallaqaa A/Aayiraatti banama.

HUBACHIISA:

  • Waajjirichi Dorgomtoonni baniinsa caal-baasichaa irratti sa'aatii jedhame irratti yoo hin argamne eeguuf hin dirqamu.
  • Dorgomaan dogoggoraan poostaa Orijinaalaa fi kooppii akkasumas poostaa Tekinikaa fi faayinaansii yoo wal-jala fuudhe dorgommiin ala ta'a.
  • Waajjirichi filannoo biraa yoo argate caal-baasicha guutummaan guututtis ta'e gar-tokkeen kaasuuf mirga guutuu qaba.
  • Dorgomaan bakka bu'aa isaa baniinsa caal-baasichaa irratti kan ergatu yoo ta'e Waraqaa bakka bu'iinsaa Waajjira Abbaa Alangaa irraa kan kenname qabatee dhiyaachuu qaba.

Godina Wallagga Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Aayiraa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-19
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid opening: 2026-08-19 11:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Wallagga Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Aayiraa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00
  • Bid document price: Qarshii 400.00
  • Published on: Addis Zemen (Jul 30, 2026)
  • Posted at: 2026-07-30T09:29:16.000Z
← Back to all tenders