Stationery and office consumables

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Balee Gasgaar seektaroota aanaa keessatti argamaniif meeshaalee barreessaa fi qulqullinaa, uffata seeraa hojjettoota deeggarsaa fi ogeeyyii,gommaa fi meeshaalee jijjiirraa konkolaataa ,meeshaalee dhaabbii fi meeshaalee elektiroon

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa Aanaa Balee Gasgaar seektaroota aanaa keessatti argamaniif meeshaalee barreessaa fi qulqullinaa, uffata seeraa hojjettoota deeggarsaa fi ogeeyyii,gommaa fi meeshaalee jijjiirraa konkolaataa ,meeshaalee dhaabbii fi meeshaalee elektirooniksii caalbaasii ifaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dorgomtootni ulaagaalee dorgommii armaan gaditti ibsaman guuttan guyyaa 27/11/2018 irraa eegalee guyyoota hojii walitti aanan 15/kudha shan/ keessatti sa'aatii hojii mootummaatti waajjira maallaqaa Aanaa Balee Gasgaaritti dhiyaachuun sanada caalbaasichaaf qophaa'e Qarshii hin deebine 1500 (kuma tokkoo fi dhibba Shan qofaan) bitachuu kan dandeessan yommuu ta'u,caalbaasichi guyyaa 15/12/2018 sa'aatii 11:30 irratti cufamee guyyuma 18/12/2018 sa'aatii 3:00 irratti bakka dorgomtootni ykn bakka bu'oonni seeraa argamanitti ni banama. Dorgomtootni argamuu baachuun adeemsa baninsa sirna dorgommii hin gufachiisu.

Qajeelfama Dorgomtootaa:

1. Daldaltootni dhuunfaa waraqaa ragaa waajjira daldalaa fi waldaaleen IMX caalbaasicha dorgomtan akkaataa dambii paakeejjii deeggarsa IMXn gurmaa'uu keessan waraqaa ragaa dhiyeeffachuu kan dandeessan ta'uu qaba.

2. Dorgomtootni ragaa eeyyama hojii daldala bara 2019 tiif haaromsafamee damee kallattii hojii gurgurtaa daldala meeshaa irratti qabdanii fi galmaa'aa "VAT" fi kaffalaa gibiraa ta'uu keessan ragaa (TIN .NO) dhiyeeffachuu kan dandeessan ta'uu qaba.

3. Galmee dhiyeessitoota (supplier list) keessatti galmaa'uu keessan raga dhiyyeeffachuu kan dandeessan ta'uu qabdu.

4. Dorgomtootni caalbaasicha dorgomtan xalayaa qaama gibira sassaabu irraa dirqama kaffaltii gibira baraa bahuu keessanii fi caalbaasii irratti hirmaachuu kan isin dandeessisu dhiyyeessuu kan dandeessan ta'uu qaba.

5. Daldaltootni dhuunfaa CPO 0.5-2% fi Waldaaleen IMX. Caalbaasicha dorgomtan xalayaa wabummaa waajjira isaan gurmeesse irraa dhiyyeeffachuu kan danda'an ta'uu qabu.

6. Dorgamtootni caalbaasicha dorgomtan sanada caalbaasii irratti maqaa guutuu, mallattoo fi chaappaa dhaabbatichaa gochuu yoo baattan sanadichi fudhatama hin qabu.

7. Dorgomtootni caalbaasicha dorgomtan meeshaalee gaafatamaniif gatii seeraan ibsu malee, maqaa meeshaalee fi ibsa tarreeffama (specification)jijjiiranii barreessuun hin danda'amu.

8. Dorgomtootni caalbaasicha dorgomtan labsii, dambii fi qajeelfamoota bittaa kan kabajan ta'uu qabu.

9. Dorgomtootni sanada caalbaasichaaf qophaaye Waajjira Maallaqaa lakk.6 (jahaa) fudhachuu dandeessu.

10. Dorgomtoonni sanada teekinikaa fi faayinaanshalaa kophaa kophaatti samsame galchuu qabu.

11. Dorgomtootni caalbaasicha dorgomtan kanaan dura walii galtee bittaa waajjira Maallaqaa sadarkaa jiru waliin dirqama /waadaa seentanii gahumsaan kan raawwattanii fi hamma danda'ameen raga (xalayaa )raawwii hojii gaarii kan qabdan.

12. Dorgomtootni caalbaasicha irratti hirmaattan kallattii eeyyama damee daldalaatiin ala dorgomuun hin danda'amu .

13. Daldalaa dhuunfaa fi waldaaleen caalbaasicha dorgome guyyaa cufiinsa caalbaasii sammuda (sample)dhiyeessuu qaba.

14. Mo'ataan caalbaasii meeshaalee injifate baasii isaatiin hanga W/Maallaqaa Aanaa Balee Gasgaaritti dhiyeessuu qaba.

15. Waajjirichi filannoo biroo yoo argate caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gar-tokkeen haquuf mirga guutuu qaba.

Waajjira Maallaqaal Aanaa Balee Gasgaar


Tender details

  • Deadline: 2026-08-21
  • Bid closing time: 17:30
  • Bid opening: 2026-08-24 09:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Wajjira Mallaqaa Aanaa Balee Gasgaar
  • Bid bond: Lootiidhaan garaagarummaa qaba
  • Bid document price: Qarshii 1500.00
  • Published on: Addis Zemen (Jul 31, 2026)
  • Posted at: 2026-07-31T07:35:07.000Z
← Back to all tenders