Stationery and office consumables

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa Baajata Idilee Bara 2019 irraa waajjiraalee adda addaa isa jala jiraniif meeshaalee barruu, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee a

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa Yeroo 1ffaa

Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Guddinaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa Baajata Idilee Bara 2019 irraa waajjiraalee adda addaa isa jala jiraniif meeshaalee barruu, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee adda addaa, meeshaalee farnicharaa fi meeshaalee elektirooniksii caalbaasii ifaadhaan dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaafuu, dorgomtoonni dorgomuu barbaaddan ulaagaalee armaan gadii kana guutuu dandessan akka dorgomtan isin beeksifna.

1. Hayyama bara 2019 kan haaromee fi gibira mootummaa kan bara 2018 kaffaluu isaatiif ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u.

2. Ragaa VAT (15%) mootummaadhaaf kan kaffalu ta'uu fi TIN -No. galmaa'e ragaa dhiheeffachuu kan danda'u ta'uu qabu.

3. Galmee dhiheessitoota meeshaalee keessatti galmaa'uu isaatiif ragadhiheeffachuu kan danda'u.

4. Dorgomtoonni teessoo fi iddoo dhaabbataa isaanii qabaachuu qabu.

5. Dorgomtoonni sanada caalbaasichaa guyyaa beeksifni caalbaasii kun bahe irraa eegalee maallaqa hindeebine Qarshii 300(dhibba sadii) qofa Waajjira Galiiwwanii Aanaa Hawwii Guddinaatti kaffaluudhaan sanadicha Waajjira Maallaqaa A/H/Guddinaa kutaa lakk. 4, kutaa adeemsa bittaatii fudhachuu dandeessu.

6. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasii/Bidbond/ hamma maallaqa qabsiifamu Qarshiidhaan /20,000/kuma digdama/ykn/CPO/ Baankii irraa mirkaneeffame qabsiisuu qabu.

7. Dorgomtoonni caalbaasii kanarratti hirmaachuudhaaf ulaagaalee armaan olii tarreeffaman 1-6 jalatti tuqaman ragaalee isaanii orjinaalaa fi fotokoppii qabachuudhaan dhihaachuu qabu.

8.Beeksifni caalbaasii kun guyyaa maxxansaan Gaazexaa BARIISAA maxxanfamee qilleensarra oolerraa jalqabee guyyaa [15] kudha shanii qilleensarraa tura. Sanduuqni caalbaasii guyyaa itti aanu gaafa guyya 16ffaa waaree dura 4:00-4:30tti dorgomtootaaf banaa ta'ee erga ture  guyyuma sana sanduuqni caalbaasii yeroo 4:30 irratti saamsamee guyyuma sana 5:00tti Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa Biiroo Lakk. 4tti guyyaan 16ffaa guyyaa ayyaanaa/guyyaa hojii ta'uu yoo baate guyyaa hojii itti aanu ni banama.

9. Caalbaasiin bakka bu'oonni isaanii bakka argamanitti iftoominaan ni banama. Ta'us dorgomtoonni fedhii isaaniitiin caalbaasiin yeroo banamu argamuu baatanis caalbaasicha banamu kan hin gufachiifnee fi murtoowwan baninsa caalbaasii irratti dabran fudhachuuf dirqama qabu.

10. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti maqaa teessoo isaanii tuquu qabu. Akkasumas, sanada caalbaasii irratti qaamni ilaallatu bakka bu'ummaa seeraan kan irratti mallattaawee fi chaappaan kan irratti dhawamee fi gatiin tokkoo tokkoo orginaalaa fi koppiin kan irratti guutame adda baasuun /poostaa /1ffaa teknikal dokumenti orjinaala, 2ffaa financial dokumentii orjinaalaa fi financial dokumenti koppii jechuun irratti barreessuun poostaa samiin saamsuudhaan sanduuqa caalbaasii dhimma kanaaf qophaahe keessa galchuu qabu.

11. Dorgomaan caalbaasicha moo'ate guyyoota walitti aanan 5 keessatti Waajjira Maallaqaa A/H/Guddinaatti dhihaachuun walii galtee guutuu qaba.

12. Moo'ataan caalbaasii waliigaltee fudhachuuf kabachiisa waliigaltee 10%/CPO baankii irraa mirkanaawe qabsiisuu dirqama qaba.

13. Dorgomtoonni sanada caalbaasii irratti gatii yeroo guutan haqaa fi laaqa ykn dogongora herreegaa qabaata yoo ta'e dorgommiin ala ta'a.

14. Waajjirichi carraa biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkee ykn guutumaan guututti haquudhaaf mirgi isaa eegamaadha.

15. Caalbaasicha irratti hirmaachuu yoo barbaaddan odeeffannoo dabalataa argachuuf lakkoofsa bilbilaa: 09-09-92-36-58 ykn 09 74 67 55 21 fi 09 84 55 98 36 kana irratti bilbiluudhaan odeeffannoo gahaa argattu.

Godina Harargee Lixaatti Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-17
  • Bid closing time: 10:30
  • Bid closing (note): 16ffaa 4:30
  • Bid opening: 2026-08-17 11:00
  • Bid opening (note): 16ffaa 5:00
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Hawwii Guddinaa
  • Bid bond: /20,000/ kuma digdama/ykn/CPO/
  • Bid document price: Qarshii 300 (dhibba sadii)
  • Published on: BARRIISAA (Aug 02, 2026)
  • Posted at: 2026-08-03T08:01:45.000Z
← Back to all tenders