Networking equipment and installation

Waajjirri Maallaqaa A/Booraa Bara Baajataa 2019tti Meeshaalee Teeknooloojii Tajaajila Wiirtuu Iffaa fi Gatii harkaa Dhihaatu baasii Humna nama sarara Dirirsuuf (installation Work) Hojjatamu of keessatti qabu Aanaa Booraatti barbaachisu caalbaasii ifaatiin

Description

Beeksisa Caalbaasii Ifaa

Waajjirri Maallaqaa A/Booraa Bara Baajataa 2019tti Meeshaalee Teeknooloojii Tajaajila Wiirtuu Iffaa fi Gatii harkaa Dhihaatu baasii Humna nama sarara Dirirsuuf (installation Work) Hojjatamu of keessatti qabu Aanaa Booraatti barbaachisu caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu fi hojjachiisuu barbaada.

Haaluma Kanaan dorgomtoonni ulaagaa armaan gadii guutuu danda'an akka dorgoman affeera.

1. Dorgomtoonni Heyyama Hojii daldalaa bara 2018 haaromfame kan qaban/haarawa kan baafatanii fi ragaa kan dhiyeessan ta'uu qabu.

2. Dorgomtoonni Galmaa'aa TIN kan ta'anii fi kaffalaa taaksii dabalata qabeenyaa/VAT/ galmaa'aa kan ta'an Kanaafiis Ragaa dhiyeessuu qabu.

3. Dorgomtoonni Weeb-saayitii Galmee dhiyeesummaa Biiroo maallaqaa Federaalaa irratti kan galmaa'anii fi yeroo ammaa weeb-saayitii irratti galma'aa ta'uu isaanii kan ibsu ragaa koppii isaa qabsiisuu kan danda'an ykn Biiroo Maallaqaa Naannooleetti Galmee dhiyeessitootaa irratti kan galmaa'an ta'ee, kanaafis ragaa dhiyeeffachuu qabu.

4. Dorgomtoonni ispeesifikeeshinii meeshaalee ittin dorgoman fi Gatii Harka dirirsuuf (installation work) guutummaan guututti sirriitti beekuu qabu.

5. Dorgomtoonni caalbaasichi erga banameen booda Sanada caalbaasii irratti jijjiirama ykn fooyya'iinsa gochuu ykn caalbaasii keessaa bahu kan hin dandeenye ta'uu beekuu qabu.

6. Dorgomtoonni Meeshaaleen Bitaman fi Gatii Harka dirirsuuf(installation work) haala ispeesifkeeshinii kennameefin guutee yoo dhiyeessuu baatee fi dogongorri kamiiyyuu yoo uumame ittigaafatamummaan kan dhaabbata dhiyeessichaa/dorgomaa/ ta'uu beekuu qabu.

7. Dorgomaan kamiiyyuu gatii baaqqee/tokkoo/dhiyeessuu qaba.

8. Dorgomtoonni kamiyyuu gatii Sanada caal-baasii Waajjirri Maallaqaa A/Booraa qopheesse irratti guutuu qabu.

9. Dorgomtoonni Sanada Caalbaasii irratti Sirreeffama, Haqamaa fi Laaqama taasisuu hin qaban.

10. Dorgomtoonni meeshaalee ittin moo'ataata'an geejjiba mataa isaanii fi baasii isaanitiin fe'anii dhiyeessudhaaf, waajjiricha waliin waliigaltee mallatteessun gabu

11. Dorgomaan kamiyyuu caal-baasicha irratti hirmaachuuf, kabachiisa caal-baasii CPO Qar. 200,000 (kuma dhibba lama) qabsiisuu qaba. Haa ta'u malee, Dorgommicha kan hin mo'anne ykn osoo hin darbin hafaan yoo ta'e, mo'achuu dhabuun isaanii erga mirkanaa'ee CPO kabachiisa caal-baasiidhaaf qabsiisan yeruma sanitti kan deebi'uuf ta'a.

12. Dorgomaan kamiiyyuu Sanada caal-baasii irratti gatiin dhiyeesse ji'a Sadiif (3) tiif ragga'ee kan turu ta'ee jijjiiramni gatii kan godhamu ji'a sadiin booda bu'aa qorannoo gabaa ykn gatii dorgomtoonni dhiyeessan irratti hundaa'ee kan taasifamu ta'a.

13. Dorgomaan caalbaasicha dorgomee moo'ate mana hojii waliin waliigaltee kan mallatteessuu ta'uu isaa beekuu qaba.

14. Dorgomaan caal-baasicha mo'ate waliigaltee erga seenee booda guyyoota hojii walitti aanaan 10(kudhan) keessatti meeshaalee galii gochuun fi hojii dirirsuu (installation work) irraa kan eeggamu yoo ta'u guyyaa jedhame keessatti yoo galchuu fi hojii jalqabuu baatee waliigaltee kennaan qajeelfama bittaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk 02/2004 fi FA 1/2009 akkaataa labsii Bittaa fi Bul/ Qabeenyaa lakkofsa 157/2002 tiin tarkaanfin kan fudhatamu ta'uu isaa beekuu qabu.

15. Dorgomtoonni caalbaasicha gufachiisuuf Yaalan caalbaasiin ala kan ta'an ta'ee, qajeelfama bittaa Mootummaa 02/2004 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin kan gaafataman ta'uu isaa beekuu qabu.

16. Dorgomtoonni meeshaalee dhiyeessan guutumaan guututti orijinaala ta'uu qabu.

17. Dorgomaan kamiiyyuu ispeesifikeeshinii meeshaalee gatii kennee ittin injifateen ala filannoo biraa dhiyeessuun hin danda'amu.

18. Dorgomtoonni Baay'ina meeshaalee barbaadamu kan isin beeksifnu gatiin Caal-baasii ittiin moo'atame erga adda bahee booda ta'uu beekuu qabu.

19. Dorgomtoonni Sanada caal-baasii ittin dorgoman maallaqa hin deebine Qar. 5000 (Kuma shan) kaffaluun beeksifni Gaazexaa irratti guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sanada caal-baasi Waajjira Maallaqaa A/Booraa biiroo lakkoofsa 7 tti dhiyaachuun bitachuu ni danda'u

20. Dorgomaan kamiiyyuu poostaa Sanada caal-baasii ittin saamsamee dhiyaatu irratti maqaa dhaabbata isaa fi teessoo isaa qixa sirriin ibsee chaappaa dhaabbatichaa itti dhahuun Sanada caal-baasiii irrattii mallatteessee chappaa itti dhahuudhaan Sanada caal-baasii Orijinaala fi kooppii adda addatti poostaan saamsudhaan dhiyeessuu qaba.

21. Sanadni caal-baasii beeksifni Gaazexaa Addis Zamaniin guyyaa bahe irraa eegalee guyyoota hojii 15 (kudha shan) walitti aansudhaan sa'ati 2:30 hanga 11:30 tti gurguramuun dorgomtoonni sanadni caal-baasi beeksifni caal-baasichaa bahee irraa eegale hanga guyyaa hojii guyyaa guyyaa 16ffaa (guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'a 6:00 tti saanduqa caal-baasichaaf qophaa'e keessa galchuun guyyuma kana sa'a 6:00 tti saamsamee sa'a 8:30 tti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu oonni caal-baasicha irratti hirmaachuu barbaadan argaman itti banama.

22. Dorgomtoonni Manni hojii bittaa meeshaa fi Gatii Harka dirirsuuf (installation work) raawwatu dorgomaa moo'ataa ta'ee fi laatame waliin waliigaltee mallatteessuun dura gatii ittiin moo'ate osoo hin jijjiirin baay'ina dhiyeessii ajaja itti kennu irraa %20 hir'isuu ykn dabaluu akka danda'u beekuu qabu.

23. Dorgomaan caal-baasiicha mo'achuun erga beekamee meeshaalee fi Gatii Harka dirirsuuf (installation work) gatii waliigalaa irraa Waajjirichatti kabachiisa walii-galtee % 10 CPO qabsiisuu qaba.

24. Haaluma armaan olitti ibsameen dorgomtoonni dirqama caal-baasichaa bahachuu yoo baatanii fi waliigaltee seenan seeran yoo raawwachuu baatan kabachiisa caal-baasichaa fi kabachiisa waliigaltee qabsiisan dhaalamanii wajjirichaaf galii ta'ee qajeelfama bittaa Mootummaa lakk. 02/2004 fi FA 1/2009 fi akkaataa labsii lakkofsa 157/2002 tiin waajjirichi tarkaanfii kan fudhatu ta'uu isaa beekuu qabu.

25. Dorgomaan kamiyyuu Sanada caal-baasii irratti ibsa, sirreeffama, yaada fi gaaffi yoo qabaate sanadni caal-baasii osoo hin banamin guyyaa 5(shan) dura waajjirichaaf dhiyeessuu qaba. Kana malees, waajjirichis Sanada caal-baasii irratti sirreeffama ykn yaadni fooyya'insaa yoo jiraate sanadni caalbaasii osoo hin banamin guyyaa 5(shan) dura dorgomtoota kan beeksisuu ta'uu beekuu qabu. Haa ta'u malee guyyaa jedhame kana booda sirreeffamni taasifamu, yaadas anta'ee gaaffiin dhiyaatu fudhatama kan hin qabne ta'uu beekamuu qaba.

26. Waajjirri Maallaqaa A/Booraa filannoo biraa yoo argate caalbaasicha gar-tokkeen ykn guutumaa guututti haquudhaaf mirgi isaa kan eegame ta'uun isaa beekamuu qaba.

Hubachiisa:-

  • Dhaabbanni dorgoman kamiiyyuu ulaagaa ittin dorgomu  guutummaaguututti qixa sirriin mirkaneeffatee hubachuu qaba. Yoo kana ta'uu baate dogongora uumamu kamiifiyyuu sirreeffamni kan hin godhamne ta'uu ibsina.
  • Dorgomtoonni Gatiin meeshaa fi hojii gatii harkaa dirirsuu (installation work) dhiyyeesaan VAT duraa ta'uu isaa fi VAT boodaa ta'uu isaa ifatti Sanada caalbaasii gatiin irratti dhiyyatuu irratti ibsuu qabu.

Teessoon:- Magaalaa Botee Bulchinsaa Aanaa Booraa Keesaa

Lakkoofsa Bilbilaa: 09 32 17 09 59/ 09 23 67 11 11/ Bilbiltanii dubbisuu ni dandeessu

Waajjira Maallaqaa A/Booraa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-17
  • Bid closing time: 12:00
  • Bid closing (note): 16ffaa (guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'a 6:00 tti
  • Bid opening: 2026-08-17 14:30
  • Bid opening (note): 16ffaa (guyyaa kudha jahaffaa) hanga sa'a 8:30 tti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Booraa
  • Bid bond: 200,000 (kuma dhibba lama)
  • Bid document price: Qar. 5000 (Kuma shan)
  • Published on: Addis Zemen (Aug 02, 2026)
  • Posted at: 2026-08-03T09:09:34.000Z
← Back to all tenders