Stationery and office consumables
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa meeshaalee adda addaa bituu barbadaa
Description
Beeksisa Caalbaasii Bittaa Meeshaalee
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaati Waajjirri Maallaqaa Aanaa Gubbaa Qorichaa Baajeta Idilee Bara baajetaa 2019tiin Seektaroota fi Bulchiinssa Gandoota Aanicha isaa keessatti argamaniif meeshaalee barreefamaa,Meeshaalee barnootaa, Meeshaalee iJaarsaa Furniicharoota, Elektirooniksii, uffata Seeraa hojjatoota fi Gommaa konkolaataa karaa Caalbaasii Ifaa gaazixaa Kallacha Oromiyaatiin Waldorgomsiisee bitachuu waan barbaaduuf Dorgomtootni Ulaagaalee kanaa gadii guuttan hundi akka irratti Hirmaattan afeeramtaniit jirtu.
1. Hayyama bara 2018 kan haarawoomse,Gibira Mootummaa kan kaffalee fi Waraqaa qulqullinaa dhiyeefachuu kan danda'u.
2. Galmaa'oo VAT Kan ta'ee fi Ragaa dhiyeeffachuu kan dan da'u.
3. Hayyama Gosa Meeshaalee gaafatamee kan qabuu fi Ragaa dhiyeefachuu kan danda'u.
4. Galmee dhiyeesitoota Waajjira Maallaqaa Oromiyaa irratti kan gal maa'e fi Ragaa wadhiyefachuu kan danda'u.
5. Dorgomtoota Buleeyyii kan ta'an Waraqaa qul-qullinaa Waajjira Abbaa taayitaa Galii irraa kennameef dhiyeefachuu qaba.
6. Dorgomtootni Caalbaasichaa hundinuu Sanada Caalbaasichaa guuttachuun Urjinaala fi kopii Kophaa Kophaan erga qopheesee Samsuudhaan galchuu qaba.
7. Dorgomtootni hundinuu Kabachiisa Caalbaasichaatiif kan oolu CPO Baankiidhaan mirkannaa'e kan maqaa Waajjira Maallaqaa fi Wal-ta'iinsa Dinagdee Aanaa Gubbaa qorichaatin qophaa'e Qar. 10,000(kuma kudhan qofa) Sanada urjinaalan Wal-qabsiisee dhiyeessuu qaba. Waldaa IMX haaraya yoota'e Qaama isa hundeesse irraa Xalayaa kabachiisa Caalbaasii gubbaa irratti ibsame kana bakka bu'u dhiyeefachuu qaba.
8. Caalbaasiin Kun Gaafa guyyaa bahe irraa eegalee Guyyaa hojii 15f qilleensa irra erga ture booda Gaafa guyyaa 21/12/2018tti Sa'aa 7:30 cufamee guyyuma kana sa'aatii 8:00tti bakka dorgomaan ykn bakka bu'aan seeraa jirutti kan banamu ta'a. Dorgomaan ykn bakka bu'aan seeraa jiraachuu baatus banamuu Caalbaasichaa hin gufachiisu. ti aanutti
9. Guyyaan baniinsa Caalbaasichaa guyyaa Ayyaanaa irra yoo oole gara guyyaa itti aanutti kan darbu ta'a.
10. Mo'ataa Caalbaasichaa kan ta'e gatii geejiba meeshaalee moo'atee mataa ofiitin uwwisuudhaan dhiyeefachuu qaba.
11. Dorgomtootni hundinuu Sanada Caalbaasii kanaaf qophaa'e guyyaa Caalbaasiin kun bahe irraa eegaltanii Waajjira Maallaqaa Aanaa gubbaa qorichaa dhufuudhaan qarshii hin deebine 200 (dhibba lama qofa) Kaffaluun fudhachuu nidandeesu.
12. Iddoon argama keenyaa finfinnee irraa gara bahaatti 279 KM irratti argamna.
13. Waajirri Carraa biraa yoo argate Caalbaasicha gar-tokkeenis ta'ee guutummaan guututti haquuf mirga ni qaba. Waajjira Maallaqaa Aa/Gub/Qorichaa Odeefannoo Dabalataatif
Tell. 0254510060 Mob.09 13 54 00 43, 09 10 03 56 32m, 09 13 56 33 44 Tele 025 451 0060 ykn Mob. 09 10 03 56 32/ 09 13 56 33 44
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaa
Tender details
- Deadline: 2026-08-27
- Bid closing time: 13:30
- Bid opening: 2026-08-27 14:00
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Godina Harargee Lixaa
- Bid bond: qarshii 10,000
- Bid document price: qarshii 200
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 30, 2026)
- Posted at: 2026-08-03T09:25:51.000Z