Office furniture
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxewaldorgomsiisee caalbaasii ifaatiin bituu barbaadae meeshaalee adda addaa bara 2019 tti ooluu
Description
Beeksisa Caalbaasii 1ffaa
Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee Finfinnee irraa Km 103 irratti kan argamtu yoo ta'u bara baajataa 2019 tti caalbaasii ifaadhan Uffata seeraa Hojjettootaa, meeshaalee dhumeeyyii waajjiraa meeshaalee qulqullinaa meeshaalee dhaabbii(furniture) waajjiraa fi Elektirooniksii, fi Gommaa konkolaataa akkaataa labsii 157/2002 fi qajeelfama bittaa mootummaa naannoo oromiyaa bara 2004 bahe irratti hundaa'un dhiyeessitoota waldorgomsiisee caalbaasii ifaatiin bituu barbaada
Ibsa caalbaasichaa
Sanadni caalbasii kun guyyaa gaazexaa kallacha oromiyaa irratti bahe irraa eegalee guyyaa hojii mootummaa walitti fufiinsaan guyyaa 15'f ykn Adoolessa 23/11/2018 irraa hanga Hagayya Guyyaa 13/12/2018 tti kan gurguramu yoo ta'u gaafa dhumaa ykn gaafa Guyyaa 13/12/2018 guyyaa keessaa hanga sa'aatii 6: 30 tti qofa kan gurguramu ni ta'a. Kanaafuu sanadni caalbaasii haala meeshichaa ibsu maallaqa hin deebine qr. 500 (dhibba shan) qofaan account wajjira Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee 1000423185108 ta'e irratti galchuun waajjiricha irraa qaaman argamuun bitachuu kan danda'an ta'a. Guyyaan itti sanadni caalbaasiichaa banamu ayyaana irra yoo oole guyyaa itti aanutti darbuu kan qabuu fi yoo darbes dorgomtoonni bifa xalayaatiinis ta'ee bifa bilbilaan ni beeksifamu.
Ulaagaalee Dorgomtootaa
1. Gibira bara kanaa kan hareeffatee fi galmessa daldala ragaasaa dhiyeeffachuu kan dan'da'u
2. Lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa / TIN/kan qabu fi ragaasaa dhiyeeffachuu kan danda'u
3. Galmaahaa vaatii kan ta'ee fi ragaa isaa dhiyeeffachuu kan danda'an.
4. Dorgomaan kamiyyuu tarree dhiyeessitootaatti kan galmaahee fi ragaasaas kan dhiyeeffatu ta'uu qaba.
5. Sanada dhiyaatu irratti waan sanadichi gaafatu maqaa oomisheessaa,bara oomishame fi moodelli meeshaa guutamuu qaba.
6. Dorgomtoonni sanada dorgommii dhiyaatu irratti maqaa,teessoo, lakk. bilbilaa,chaappaa fi mallattoo isaanii guutuu qabu
7. Dorgomaa dhuunfaa warra ta'aniif Kabachiisa caalbaasii deebi'uu danda'u gatii walii galaa meeshaa guutame irraa 0.5% (cpo) baankii dhaan deeggarame yookaan maallaqa callaa harkatti kan kaffalanii fi, Imx warren ta'aniif immoo parsantuma olitti tuqame kana irratti wabummaa Qaama Isaan gurmeesse irraa dhiyeessuu kan danda'an
8. Moo'ataan kamiyyuu meeshaalee moo'ate baayinni isaa itti himame irratti walii galtee gochuu fi meeshaalee moo'atee tti himame hunda moodela isaa osoo hin jijjiirin dhiyeessuu kan danda'u
9. Dorgomtoonni gatii ittiin dorgomuudhaaf sanada yaada dorgommii irratti guutan orjinaala fi coppii isaa adda baasun saamsanii dhiyeessuu qabu.
10. Saanduqni caalbaasii Hagaya 13/12/ 2018 guyyaa keessaa sa'aa 8:00 irratti ni cuqqaalama
11. saanduqni caalbaasii Hagaya 13/12/2018/ Guyyaa keessaa sa'aa 8:30 irratti Bakka dorgomtoonhi ykn bakka bu'iinsi seeraa isaanii jiranitti mooraa waajjira maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti saanduuqni caalbaasichaa ni banama.
Hubachiisa Waajirichi tooftaa (carraa) biraa argannaan caalbaasicha gartokkee isaas ta'u guutummaan guututti haquudhaaf qaba.Odeeffannoo Dabalataatif 09 21 98 47 22/ 09 10 13 69 56 Godina Shawan Lixaatti
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee.
Tender details
- Deadline: 2026-08-19
- Bid closing time: 14:00
- Bid opening: 2026-08-19 14:30
- Region: Oromia
- Publishing entity: waajjirri Maallaqaa Aanaa Meettaa Walqixxee
- Bid bond: 0.5%
- Bid document price: qarshii 500
- Published on: Kallacha Oromiyaa (Jul 30, 2026)
- Posted at: 2026-08-03T10:30:34.000Z