Stationery and office consumables
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Miyoo meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhumaa dhaabbii, gommaa konkolaataa, meehaalee elektironiksii fi farnicharii bara baajataa 2019 tajaajila sekteroota sadarkaa aanaa jiranii fi gandootaaf barbaachi
Description
Beeksisa Caal-baasii Ifaa
Waajjirri Maallaqaa Aanaa Miyoo meeshaalee barreeffamaa, meeshaalee qulqullinaa, meeshaalee dhumaa dhaabbii, gommaa konkolaataa, meehaalee elektironiksii fi farnicharii bara baajataa 2019 tajaajila sekteroota sadarkaa aanaa jiranii fi gandootaaf barbaachisan dorgomtoota ulaagaa barbaachisoo guutan dorgomsiisee bittaa raawwachuu barbaada.
Kanaafuu, daldaltoonni hojii akkanaa irratti bobbaatanii heyyama daldalaa bara 2019 haaromfame, waraqaa ragaa galmee dhiyyeessummaa fi waraqaa ragaa galmaa'aa Vaatii ta'uu keessan agarsiisu koppii isaa qabachuun guyyaa 28/11/2018 hanga 20/12/2018 beeksifni kun ba'ee irraa kaasee Waajjira Maallaqaa Aanaa Miyoo Kutaa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaatti argamuun sanada caalbaasii qarshii hin deebine 500(dhibbaa shan qofa) tokkoo tokkoo sanadaatiif kaffaluun hanga guyyaa hojii 15 fatti bitachuun dorgomuu ni dandeessu. Akkasumas, tokkoo tokkoo sanadaaf gaafa caalbaasiin galu CPO Qarshii 5000 (kuma shan qofa) kan qabsiisuu danda'an yoo ta'u caalbaasiin kan cufamu guyyaa hojii 16 sa'aatii 4:00 irratti yemmuu ta'u kan banamus guyyuma kana sa'aatii 8:30 irratti ta'a.
Ulaagaalee dorgommichaaf barbaachisan:
- Gibira bara 2019 kan kaffale, heyyama daldalaa kan haaromse.
- Lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa (TIN) kan qabu, VAT galmaa'ee waraqaa ragaa kan qabu.
- Dhiyeessitoonni ragaalee (Dokumentii) Tekinikaa orijinaalaa fi koppii inveloppii addaa addaa lamatti akkasumas dokumentii sanadaa gatii orijinaalaa fi koppii invelooppii addaa addaa lamatti gagaadhaan samsuun maqaa fi mallattoodhaan mirkanaa'ee dhiyaachuu qaba.
- Dorgomaan kamiyyuu tarree dhiyeessitootatti galmaa'ee ragaa dhiyeeffachuu kan danda'u ta'uu qaba.
- Dorgomaan kabachiisa caalbaasii maallaqa callaa Qarshii 5000 (kuma shan qofa) ykn CPO Baankii Daldala Itoophiyaa irraa mirkanaa'e Qarshii 5000 qabsiisuu kan danda'u.
- Dorgomaan dorgommii moo'ate kabachiisni caalbaasii yoo meeshaalee dhiyeesse qofa kan kennamuuf.
- Mo'ataan meeshaalee mo'ate meeshaa qulqullina qabu qofa osoo hin hir'isin dhiyeessuu kan danda'u.
- Sanadni dorgomtootaa haqamaa fi laaqamaa kan hin qabne ta'uu qaba.
- Dorgomaan sanada caalbaasii guyyaa beeksifni kun Gaazexaa irratti bahee kaasee Waajjira Maallaqaa Aanaa Miyoo Adeemsa Garee Bittaa fi BDH Qabeenyaa irraa Qarshii 500'n bitachuun kan danda'u.
- Dorgomtoonni gaafa guyyaa beeksifni kun Gaazexaa irratti bahee kaasee guyyoota 15'f qilleensarra oolee guyyaa 16ffaa ganama sa'aatii 4:00tti cufamee guyyuma kana sa'aatii 8:30 irratti iddoo dorgomtoonni ykn bakka bu'oonni xalayaa seeraqabeessa qaban jiranitti ni banama.
- Dorgomaan abbaa dhaabbatichaa hin ta'in waraqaa bakka bu'ummaa kan qabu ta'a.
- Dorgomaan hanga meeshaalee mo'atee Waajjira Maallaqaa Aanaa Miyootti dhiyeessuu qaba.
- Hubachiisa: Waajjirichi carraa biroo yoo argate caalbaasicha guutummaan guutuutti ykn gartokkeen haquu ni danda'a.
- Odeeffannoo dabalataaf lakk.bilbilaa: 0961 630 985 / 0910 114 561
Waajjira Maallaqaa Aanaa Miyoo
Tender details
- Deadline: 2026-08-19
- Bid closing time: 10:00
- Bid closing (note): Gaafa guyyaa beeksifni kun Gaazexaa irratti bahee kaasee guyyoota 15'f qilleensarra oolee Guyyaa 16ffaa ganama sa'aatii 4:00tti
- Bid opening: 2026-08-19 14:30
- Bid opening (note): Gaafa guyyaa beeksifni kun Gaazexaa irratti bahee kaasee guyyoota 15'f qilleensarra oolee Guyyaa 16ffaa sa'aatii 8:30tti
- Region: Oromia
- Publishing entity: Waajjira Maallaqaa Aanaa Miyoo
- Bid bond: Qarshii 5,000.00
- Bid document price: Qarshii 500.00 sanada tokkoo
- Published on: Addis Zemen (Aug 04, 2026)
- Posted at: 2026-08-04T10:56:15.000Z