Stationery and office consumables

Beeksisa Caalbaasii Lakk. 0132/M/18 Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Buunnoo Beddelleetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaa bara baajataa 2019tti Waajjiraalee fi Gandoota aanicha keessatti argamaniif meeshaalee bituu barbaada

Description

Beeksisa Caalbaasii
Lakk. 0132/M/18

Mootummaa Naannoo Oromiyaa Godina Buunnoo Beddelleetti Waajjirri Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaa bara baajataa 2019tti Waajjiraalee fi Gandoota aanicha keessatti argamaniif:-

1. Meeshaalee barreeffamaa fi dhumataa

2. Meeshaalee qulqullinaa

3. Meeshaalee farniicherii fi dhaabbii biiroo keessaa

4. Meeshaalee Elektirooniksii

5. Gommaa konkolaataa gosa adda addaa

6. Meeshaalee Ijaarsaa fi

7. Uffata Seeraa hojjettootaa caalbaasii ifaatiin dorgomsiisee bituu barbaada. Kanaaf, dorgomtoota ulaagaalee armaan gadii guutan akka dorgomaniif haffeera.

  1. Dorgomtoota damee hojichaan heeyyema qaban, gibira barichaa kaffaluun heeyyama isaanii kan haaressan ykn eeyyama haaraa dhiyeeffachuu kan danda'anii fi Taaksii dabalata qabeenyaaf kan ittiin galmaa'an ragaa dhiyeessuu kan danda'an.
  2. Ragaa (Certificate) Lakkoofsa Eenyummaa Kaffalaa Gibiraa (TIN) dhiyeeffachuu kan danda'an.
  3. Tarreeffama dhiyeessitootaa (Suppliers list) keessatti galmaa'uu isaanii kan ibsu waraqaa ragaa dhiyeeffachuu kan danda'an.
  4. Dhaabbileen mo'attoota ta'an meeshaaleen dhiyeessan qulqullina kan qabanii fi sadarkaa isaanii kan eeggatan ta'anii, meeshaalee mo'ataniif saamuda yoo gaafataman dhiyeessuu kan danda'an ta'uu qabu.
  5. Dorgomtoonni uffata seeraa saamuda uffata seeraa dursanii ragaa dorgommii isaanii waliin dhiyeessuu qabu.
  6. Dorgomtoonni gabatee dhiyeessa gatii keessatti tokkoo tokkoo meeshaaleetiif gatii tokkoo fi gatii hundaa VAT dabalatee, akkasumas guyyaa, mallattoo fi chaappaa dhaabbata isaanii gochuu qabu.
  7. Dorgomtoonni kabachiisa caalbaasiif qarshii 50,000(kuma shantama) tokkoo tokkoo gosa caalbaasii dorgomaniif CPO, leeter of kirediiitii fi wabummaa baankii keessaa gosa tokkoon sanada dorgommii teknikaa waliin dhiyeeffachuu qabu.
  8. Dorgomtoonni guyyaa beeksisni kun ba'e irraa eegalanii hanga guyyaa 15ffaa, guyyoota hojii mootummaa fi sa'aatii hojii mootummaatti, tokkoo tokkoo sanada caalbaasiif qarshii hin deebine 500(dhibba shan) kaffaluun waajjira Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaa Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa irraa bitachuu danda'u.
  9. Dorgomtoonni sanada caalbaasii isaanii kan gatii(faayinaansii) fi teeknikaa qofaa qofaatti, orijinaalaa fi koppii qofaa qofaatti poostaa invilooppiin saamsameen guyyaa caalbaasiin kun gaazexaa irratti ba'e irraa eegalanii guyyoota hojii walitti aanan 15f saanduqa dhimma kanaaf Adeemsa Bittaa fi Bulchiinsa Qabeenyaa keessatti qophaa'e keessa galfachuu kan danda'an ta'ee, gaafa guyyaa 16ffaa ganama sa'aatii 4:00 irratti bakka dorgomtoonni ykn bakka buutonni seeraa isaanii argamanitti waajjira Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaa Adeemsa Bittaa Bulchiinsa qabeenyaa keessatti ni banama.
  10. Dorgomtoonni buleeyyiin waraqaa ragaa galatoomii ykn hojii gaarii hojjechuu isaanii ibsu waajjira ykn dhaabbata Bara 2018 meeshaalee dhiyeessaniif irraa dhiyeeffachuu qabu.
  11. Dorgomtoonni buleeyyiin ragaa -waliigaltee mallatteessanii meeshaa ittiin dhiyeessan kan rogummaa seeraa qabu kan bara 2018 gosa caalbaasii dorgoman waliin gosa tokko kan ta'e koppii isaa dhiyeeffachuu qabu.
  12. Bakka meeshaaleen itti wal harkaa fuudhamu Waajjira Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaatti ta'ee, baasii dhimma kanaan walqabatu hunda uwwisuun dirqama dhiyeessaati.
  13. Waajjirichi dorgomaa mo'ataa ta'ee filatame waliin waliigaltee osoo hin mallatteessin dura gatii ittiin mo'ate osoo hin jijjiirin baay' ina dhiyeessii ajaja itti kennu irraa %20 hir'isuu ykn dabaluu ni danda'a.
  14. Dorgomaan mo'ataa ta'ee filatame gatii waliigalaa meeshaalee ittiin mo'ate keessaa 10% kabachiisa waliigalteef qabsiisuu qaba.
  15. Waajjirichi filannoo biroo yoo argateef caalbaasicha gar-tokkeenis ta'e guutummaan guutuutti haquuf mirga qaba.
  16. Dorgomtoonni ulaagaalee tartiiba lakkoofsaa 1-15tti ibsaman irratti waliif hin galle dorgommicha irratti hirmaachuu hin qaban. 

Odeeffannoo dabalataaf: - Lakk. Bilbilaa 09 17 08 60 02 ykn 09 11 05 09 67 ykn 09 10 88 28 03 irratti bilbiluun gaafachuun ni danda'ama.

Godina Buunnoo Beddelleetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaa


Tender details

  • Deadline: 2026-08-24
  • Bid closing time: 17:00
  • Bid closing (note): guyyoota hojii walitti aanan 15ffaa
  • Bid opening: 2026-08-25 12:00
  • Bid opening (note): 16ffaa ganama sa'aatii 4:00 irratti
  • Region: Oromia
  • Publishing entity: Godina Buunnoo Beddelleetti Waajjira Maallaqaa Aanaa Cawwaaqaa
  • Bid bond: Qarshii 50,000.00 tokkoo tokkoo
  • Bid document price: Qarshii 500.00 tokkoo tokkoo
  • Published on: Addis Zemen (Aug 07, 2026)
  • Posted at: 2026-08-07T08:08:42.000Z
← Back to all tenders